Yohannis 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooKristos ?Sagalichi? Foon Uffachuu Isaa 1 Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture*. 2 Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture. 3 Wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru*. 4 Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture*. 5 Ifichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u*. 6 Namni Waaqayyo biraa ergame tokko ture, maqaan isaas Yohannis jedhama*. 7 Inni kun dhugaa ba'uudhaaf dhufe; namoonni hundinuu dubbii isaatiin akka amananiif waa'ee ifichaa dhugaa ba'e*. 8 Inni ofii isaa ificha hin turre, waa'ee ifichaa akka dhugaa ba'uuf ergame malee*. 9 Ifichi inni dhugaan, inni gara biyya lafaa dhufe, namoota hundumaaf in ibsa*. 10 Inni biyya lafaa keessa ture; biyyi lafaas isumaan ta'e; biyyi lafaa garuu isa hin beekne*. 11 Gara biyya dhuunfaa isaa dhufe; namoonni isaa garuu isa hin simanne*. 12 Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha*. 13 Isaan kun Waaqayyottii dhalatan malee, dhiigattii yookiis fedha fooniittii yookiis fedha dhiiraattii hin dhalanne*. 14 Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture*. 15 Yohannis waa'ee isaatiif dhugaa in ba'a; sagalee isaa ol fudhatees, ? ?Inni ana booddee dhufu ana irra caala, ana dura ture'o? jedhee waa'ee isaa kanan dubbadhe, kunoo isa kana? jedhe*. 16 Guutummaa ayyaana isaa keessaa hundumti keenya ayyaana irratti ayyaana fudhanneerra*. 17 Seerri Museedhaan kenname, ayyaannii fi dhugaan garuu Yesus Kristosiin argaman*. 18 Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine, ilma tokkicha isa abbaa bukkee ture sanatu waa'ee isaa hiikee beeksise malee*. Dhugaa Ba'uu Yohannis Cuuphaa ( Mat 3:1-12 ; Mar 1:2-8 ; Luq 3:15-17 ) 19 Yeroo Yihudoonni Yerusaalemii lubootaa fi Lewoota Yohannisitti erganii, ?Ati eenyu?? jedhanii isa gaafachiisanitti, Yohannis*, 20 utuu hin haalin, ?Ani Kristos isa abdachiifame miti? jedhee mul'isee dhugaa ba'e*. 21 Warri ergamanis deebisanii, ?Amma ati eenyu? Ati Eliyaasii?? jedhanii isa gaafatan. Inni immoo, ?Waawuu ani isa miti? jedhe. Isaan, ?Ati raajichaa ree?? ittiin jennaan, ?waawuu? jedhee deebise*. 22 Isaanis, ?Eenyu ati? Egaa, warra nu erganitti kan deebifnu nutti himi; ati eenyu ofiin jetta?? ittiin jedhan. 23 Yohannis deebisee, ?Isaayaas raajichi akkuma dubbatetti, ?Ani sagalee namaa, isa karaa gooftaan irra adeemu qajeelchaa? jedhee, lafa onaa keessaa iyyuu dha? jedhe*. 24 Warri isatti ergaman immoo Fariisota keessaa turan. 25 Isaan kun itti dabalanii, ?Ati Kristos yookiis Eliyaas yookiis raajicha erga hin ta'inii maaliif cuuphxa ree?? jedhanii isa in gaafatan*. 26 Yohannis immoo, ?Ani bishaaniinan isin cuupha, inni isin isa hin beekne garuu isin gidduu in dhaabata. 27 Inni na booddee in dhufa; ani immoo hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf nama ta'u miti? jedhee isaaniif deebise*. 28 Wanti kun hundinuu Yordaanos gama, Betaabaraa iddoo Yohannis cuuphaa turetti ta'e*. Hoolaa Waaqayyoo 29 Borumtaa Yohannis utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, ?Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu*. 30 ?Namni ana booddee dhufu ana irra caala, ana dura ture'o? jedhee waa'ee isaa kanan dubbadhe isa kana*. 31 Ani ofii kootii iyyuu isa hin beekne, garuu Israa'elitti akka inni mul'ifamuufan bishaaniin namoota cuuphuu dhufe? jedhe*. 32 Yohannis dhugaa ba'eefii, ?Hafuurri qulqulluun akka gugeetti waaqa irraa isa irra bu'ee hafuu isaa argeera*. 33 Ani ofii kootii iyyuu isa hin beekne; garuu inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, ?Hafuurri qulqulluun isa irra bu'ee hafuu isaa kan argitu, isa inni hafuura qulqulluudhaan cuuphu? jedhee anatti hime*. 34 Ani ofii kootii kana argeera, inni kun ilma Waaqayyoo ta'uu isaas dhugaa ba'eera? jedhe*. Bartoota Yesus Warra Dura Waamaman 35 Borumtaas immoo Yohannis bartoota isaa keessaa namoota lamaa wajjin in dhaabata ture. 36 Yohannis utuu Yesus achiin darbuu ilaalee, ?Ilaa hoolicha Waaqayyoo? jedhe*. 37 Bartoonni isaa lamaan kana dubbachuu isaa dhaga'anii, Yesus duukaa bu'an. 38 Yesus gara galee isa duukaa bu'uu isaanii argee, ?Maal barbaaddu?? jedhee isaan gaafate. Isaan immoo, ?Rabbii, eessa buufatte?? jedhanii deebisaniif; ?Rabbii? jechuun ?Barsiisaa? jechuu dha. 39 Yesus immoo, ?Kottaatii ilaalaa!? jedhee isaaniif deebise. Bartoonni sunis dhaqanii, iddoo Yesus buufate arganii, guyyaa sana isa bira oolan; yeroon isaa akka sa'aatii kudhanii ture. 40 Bartoota lamaan dubbii Yohannis dhaga'anii, Yesus duukaa bu'an keessaa, inni tokko Indriiyaas obboleessa Simoon Phexros ture. 41 Indriiyaas, dura obboleessa isaa Simoonin argatee, ?Masiihicha arganneerra? jedhee itti hime; ?Masiihii? jechuun ?Kristos? jechuu dha*. 42 Indriiyaasis Simoonin gara Yesusitti geesse; Yesus immoo isa ilaalee, ?Edaa ati Simoon ilma Yohannis; egaa si'achi ?Keefaas? jedhamtee in waamamta? jedheen. ?Keefaas? jechuun afaan Griikiitti ?Phexros? jechuu dha; Phexros jechuun immoo ?Dhagaa hin sochoone? jechuu dha*. Yesus Filiphosii Fi Naataanaa'elin Waamuu Isaa 43 Borumtaas Yesus Galiilaa dhaquudhaaf ka'ee, Filiphosin argatee, ?Na duukaa bu'i!? ittiin jedhe*. 44 Filiphosis akkuma Indriiyaasii fi Phexros, nama mandara Betsayidaa ture*. 45 Filiphos kun Naataanaa'elin argatee, ?Isa Museen macaafa seeraa keessatti, raajonnis immoo macaafa isaanii keessatti waa'ee isaa caafan arganneerra; inni namicha Naazireet, Yesus ilma Yoseef? jedheen*. 46 Naataanaa'el yommus, ?Naazireet keessaa wanti gaariin ba'uu danda'aa?? jedhee Filiphosin gaafate; Filiphos immoo, ?Kottuutii ilaali!? jedhee deebiseef*. 47 Yesus, utuu Naataanaa'el gara isaa dhufuu argee, ?Ilaa, nama Israa'el isa dhugaa isa sobni keessa hin jirre? jedhee waa'ee isaa dubbate. 48 Naataanaa'el, ?Eessatti na beekta?? jedhee isa gaafate; Yesus immoo deebisee, ?Filiphos utuu si hin waamin muka harbuu jalattan si arge? jedheen. 49 Kana irratti Naataanaa'el, ?Rabbii! Ati ilma Waaqayyoo ti, ati mootii Israa'el!? jedheen*. 50 Yesus ammas deebisee, ?Muka harbuu jalattan si arge waanan siin jedheef amantaa? Isaan kana irra kan caalu iyyuu arguuf jirta? jedheen. 51 Itti dabalees, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, waaqa banamaa, ergamoota Waaqayyoos ilma namaa irra utuu ol ba'anii gad bu'anii arguuf jirtu? jedheen*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia