Baibulo la pa intaneti

- Zotsatsa -

Yihuudaa 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Nagaa

1 Ani Yihudaan garbichi Yesus Kristos obboleessi Yaaqoob, isin warra waamamtanii, Waaqayyo abbaadhaan jaallatamtanii, Yesus Kristosiin eegamtaniif kana caafuu koo ti*.

2 Araarri, nagaan, jaalallis isiniif haa baay'atu*!


Waa'ee Barsiisota Sobduu Isaan Yaadachiisuu Isaa

3 Michoota ko! Waa'ee fayyina walii wajjin qabnuuf duruma iyyuu isiniif caafuudhaaf dhama'aa utuun jiruu, amma amantii isa al tokkicha yeroo hundumaaf akka ta'utti warra Waaqayyoof qulqullaa'anitti dabarfame sanaaf akka loltaniif, caafee isin gorsuun giddiitti barbaachisaa ta'uu isaa argeera*.

4 Warri Waaqayyo malee jiraatan, ayyaana Waaqayyo keenyaa argachuun ?Gad-dhiisatti jiraachuu dha? jedhanii yaada isaanii diddiiranii, gooftaa keenya Yesus Kristosin isa kophaa isaa gooftummaa qabus gananii, lo'anii nu gidduu galaniiru. Isaan kun wanta yakka isaanitti mursiisu kana jalatti duraan dursanii caafamaniiru*.

5 Isin waan ani amma isiniif caafuuf jedhu hundumaa in beektu. Haa ta'u iyyuu malee, ani isin yaadachiisuu nan barbaada; innis gooftichi saba isaa al tokkicha biyya Gibxii baasee akka isaan oolche, booddee immoo warra isatti hin amanin sana akka balleessee dha*.

6 Isa Waaqayyo ergamoota warra aboo isaanitti kenname irra darbanii, lafa taa'umsa isaanii gad dhiisan, funyoo hidhaa bara baraatiin dukkana jalatti hidhee, firdii isa guyyaa guddaa sanaaf isaan eegu yaadadhaa*!

7 Akkuma ergamoota sanaa immoo warri mandaroota Sodoomii fi Gomoraa, warri mandaroota naannoo sanaas halalummaa keessa ba'anii, ejjummaadhaaf warruma akka isaanii nama hin ta'in duukaa iyyuu in adeemu turan. Isaan adaba ibidda bara baraa fudhachuudhaan, wanta warra akkasii irratti dhufuuf jiru argisiisuudhaaf fakkeenya ta'aniiru*.

8 Akkasuma immoo warri lo'anii nu gidduu galanii, yaada isaanii abjootan immoo xurii foon isaaniitti in dibu, gooftummaa Waaqayyo isaan irraa qabu in dagatu, warra akka ergamootaa waaqa keessatti ulfina qaban in arrabsu.

9 Mikaa'el angafni ergamootaa iyyuu, yeroo reeffa Musee irratti Seexanaa wajjin walitti falmanii wal qoccolan, ?Gooftaan sitti haa dheekkamu!? jedhe malee, arrabsee itti faraduudhaaf ija hin jabaanne*.

10 Isaan kun garuu waanuma beekuu dadhaban in arrabsu; wanta akka bineensota waa yaadanii gargar hin baafnetti dhageettii uumamaatiin hubataniin immoo, in badu*.

11 Isaaniif wayyoo! Isaan karaa Qaayin irra bu'aniiru, bu'aadhaaf jedhanii guutummaatti irraa kaachuu Bala'aamitti of gad dhiisaniiru; akkuma Qoraahi mormanii Waaqayyo irratti ka'uu isaaniitiinis balleeffamuu isaanii ti*.

12 Jarri kun irbaata jaalalaa isa walii wajjin qabdan yeelloo malee isinii wajjin nyaachuun isaanii xurii isinitti in ta'a. Isaan garaa isaanii duwwaadhaaf in yaadu; isaan akka duumessa bokkaa of keessaa hin qabne, isa qilleensaan oofamuu ti; akka muka yeroo ija kennuun isaaf ta'utti ija dhabee ti, akka muka hundeedhaan buqqa'ee gogee qosoree ti*.

13 Akkuma dha'aan galaanaa inni hunkuramaan hoomacha baasuu, isaanis hojii isaanii isa yeellaasisaa akka hoomachaatti ol in baasu; isaan akka qorsaa ti; iddoon dukkana limmixii bara baraan isaaniif kaa'amee jira*.

14 Henok Addaamii jalqabee dhaloota torbaffaa ture; inni waa'ee isaan kanaa immoo raajii dubbatee, ?Kunoo! Gooftichi kumaatama qulqulloota isaa wajjin in dhufa*.

15 Inni nama hundumaa irratti faraduudhaaf taa'ee, waan warri Waaqayyo malee jiraatan jireenya akkasii keessatti hojjetan hundumaa, dubbii jajjabaa cubbamoonni warri Waaqayyo malee jiraatan isa irratti dubbatan hundumaa, bakkeetti baasee amansiisee, nama adduma addaan in adaba? jedhe*.

16 Namoonni raajiin irratti dubbatame kun waan hundumaatti in guungumu, waan hundumaas in komatu, akka kajeellaa isaaniitti in jiraatu, afaaniin guddisanii of in jaju, warra waa irraa abdatan immoo sobanii in saadu*.


Of Eeggachiisuu Isaa, Gorsuu Isaas

17 Isin garuu michoota ko, dubbii ergamoonni gooftaa keenyaa Yesus Kristos kanaan dura dubbatan yaadadhaa*!

18 Isaan, ?Yeroo gara dhumaatti ga'iftoonni warri Waaqayyo malee akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan dhufuuf jiru? jedhanii isinitti himaniiru*.

19 Warri dhufan kun gargar ba'uu in fidu, yaada foonii jalas of in galchu, hafuuricha of keessaa hin qaban*.

20 Isin garuu michoota ko, amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu irratti dhaabamaatii cimaa! Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaatii kadhadhaa*!

21 Jaalala Waaqayyoo keessatti of egaa; araara ittiin gooftaan keenya Yesus Kristos jireenya bara baraatti isin geessu eeggadhaa!

22 Warra maman gara-laafina argisiisaa!

23 Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa! Warra kaan immoo, uffata isa cubbuu foon isaaniitiin xuraa'e iyyuu jibbuudhaan, ofii keessaniifis sodaachuudhaan, gara-laafina argisiisaa*!


Kadhata Galataa

24 Isin akka hin gufannetti Waaqayyo isin eeguu, mudaa malee gammachuudhaan ulfina isaa dura isin dhaabachiisuu in danda'a*.

25 Waaqayyo fayyisaa keenya isa tokkichaaf karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos ulfinni, guddinni, aangoon, gooftummaanis lakkaa'amuu baraa fuula duraa jalqabee, ammas, bara baraanis haa ta'u. Ameen*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Titsatireni:



Zotsatsa