Baibulo la pa intaneti

- Zotsatsa -

Qolosaayis 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Nagaa

1 Ani Phaawulos fedha Waaqayyootiin ergamaa Kristos Yesus kanan ta'e Ximotewos obboleessaa wajjin kana caafuu koo ti*.

2 Kanaan obboloota Kristositti amananii Waaqayyoof qulqullaa'anii mandara Qolosaayis jiraataniif nagaa koo nan dhi'eessa; Waaqayyo abbaan keenya ayyaana, nagaas isiniif haa kennu*!


Waaqayyoon Galateeffachuu Isaa

3 Yommuu isiniif kadhannu, nuyi yeroo hundumaa Waaqayyoon abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos in galateeffanna*.

4 Kristos Yesusitti amanuu keessan, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaa jaallachuu keessanis dhageenyeerra*.

5 Kana gochuun keessanis sababii abdiin waaqa irra isiniif kaa'amee jiruuf; waa'ee abdii kanaa duraan dursitanii wangeela isa dhugaa irraa dhageessaniittu*.

6 Wangeelli kunis isin bira jira; guutummaa biyya lafaa keessa akkuma jiru, ija godhachaas akkuma bal'atu, erga gaafa isa dhageessanii, ayyaana Waaqayyoos dhugumaan hubattanii akkasuma isin gidduuttis hojjechaa jira.

7 Waa'ee ayyaana Waaqayyoo Ephafraas hidhata keenya isa jaallatamaa irraa bartaniittu; inni Kristosiif hojjetaa amanamaa ta'ee isiniif ergame*.

8 Waa'ee jaalala keessanii isa hafuurri qulqulluun kaase isatu nutti hime.

9 Kanaafis nuyi erga gaafa kana dhageenyeetii Waaqayyoon isiniif kadhachuu hin dhiifne; fedha isaa hubattanii ogummaa hundumaan qalbifannaa hafuurri qulqulluun kennuunis akka guutamtaniif Waaqayyoon isiniif in kadhanna*.

10 Jireenya gooftaadhaaf ta'u jiraachuu, yeroo hundumaa waan isatti tolu gochuu, hojii gaarii ta'e hundumaatti ija godhachuu, Waaqayyoon beekuuttis guddachuu akka dandeessaniif kadhachuu keenya*.

11 Obsa hundumaa fi gammachuudhaan waliif danda'uuf akka aangoo isa ulfina isaa keessaa dhufutti, jabina hundumaan jabeeffamaa*!

12 Abbaa keenya isa ifa waaqa irraattii qooda warra isaaf qulqullaa'anii keessaa hirmaachuu isin dandeessiseef galata dhi'eessaa*!

13 Inni aboo dukkanaa jalaa nu baasee, gara mootummaa ilma isaa isa jaallatamaatti nu dabarse*.

14 Ilma isaa kanaan furamuu dhiifamuu cubbuus arganneerra*.


Kristos Uumama Hundumaa Gara Irraa Ta'uu Isaa

15 Kristos, bifa Waaqayyoo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul'atuu dha; uumama hundumaa duras dhalate*.

16 Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa'anii fi warri mootummaa qaban, warri bantii waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman isaan uumaman; wanti hundinuu karaa isaa uumame, isaafis uumame*.

17 Inni wanta hundumaa dura ture; karaa isaa wanti hundinuu iddoo godhatee in jiraata*.

18 Inni mataa waldaa kristiiyaanaa isa dhagna isaa jedhamee waamamee ti; inni jalqaba waan hundumaa ti; waan hundumaatti isa duraa akka ta'uuf, inni warra du'an keessaa dura ka'e*.

19 Waaqayyo guutummaa waaqayyummaa isaatiin isa keessa jiraachuutti gammadeera*.

20 Waaqayyo wanta hundumaa karaa isaa ofitti araarse; dhiiga Kristos isa fannoo irratti dhangala'eenis lafa irratti waaqa irrattis nagaa buuseera*.

21 Isin dur hamaa yaaduu keessaniin, hojjechuu keessaniinis orma, diina Waaqayyoos taatanii turtan*.

22 Amma garuu Waaqayyo du'a namummaa ilma isaatiin isin araarsee, warra isaaf qulqullaa'an, warra mudaa hin qabne, warra balleessaa hin qabnes godhee, of dura isin dhaabachiiseera*.

23 Haa ta'u iyyuu malee, amantii keessatti hafuun, hundee keessan irratti jabaattanii dhaabachuun abdii isa karaa wangeelaa dhageessan irraa socho'uu dhiisuun isin irra jira. Wangeelichi waaqa jalaa uumama hundumaatti lallabamee jira; ani Phaawulosis hojjetaa isaa ta'eera*.


Hojii Waldaa Kristiiyaanaatti Dadhabuu Isaa

24 Ani amma isiniif dhiphachuu kootiif nan gammada; rakkina Kristos rakkate keessaa hirmaachuudhaaf waan na duraa hir'ate anis dhagna isaatiif, kana jechuun waldaa kristiiyaanaatiif, foon kootiin rakkachuudhaan nan guuta*.

25 Akka hojii isiniif hojjechuudhaaf Waaqayyo anatti kennetti, dubbii Waaqayyoo guutummaatti waliin ga'uudhaaf hojjetaa waldaa kristiiyaanaa ta'eera*.

26 Dubbiin kun bara durii durii jalqabee dhaloota turan duraa dhokatee ture, amma garuu warra Waaqayyoof qulqullaa'anitti mul'ifameera*.

27 Waaqayyo dhoksaa isa ulfinaan guutuu kana warra saba isaa hin ta'in keessatti argisiisuudhaan warra kan isaatiitti beeksisuu jaallate. Dhoksaan mul'ifame kunis Kristos isa isin keessa jiruu dha; inni ulfina isin argachuuf jirtaniif abdii keessan*.

28 Nus isuma labsina; namni hundinuu karaa Kristos nama ga'aa ta'ee fuula Waaqayyoo dura akka dhaabatuuf nama hundumaa in gorsina; ogummaa hundumaanis in barsiifna*.

29 Jabina isaa isa humnaan ana keessaa hojjechaa jiruun kana gochuuf itti nan dadhaba, wal'aansoon ittiin qabas*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Titsatireni:



Zotsatsa