Baibulo la pa intaneti

- Zotsatsa -

Obaadiyaa 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Firdiin Edoom Irratti Akka Dhufu Himuu Isaa
( Isa 34:5-17 ; 63:1-6 ; Er 49:7-22 ; His 25:12-14 ; 35:1-15 ; Amo 1:11-12 ; Mil 1:2-5 )

1 Mul'anni Waaqayyo gooftaan waa'ee biyya Edoomiif Obaadiiyaatti mul'ise kanatti fufee jira; ergamaan tokko gara saba biyya lafaa irra jiraniitti ergamee, <<Ka'aa! Dhaqnee biyya Edoom in lollaa!>> jechuuf akka jiru nuyi Waaqayyo irraa dhageenyeerra.

2 Ammas Waaqayyo,<<Kunoo, saba lafa irraa keessaa ati akka xinnaattu, raawwattees akka tuffatamtu nan godha;

3 ati yaa isa mana kee iddoo ol jedhaa irratti ijaarrattee, yaa isa holqa dhagaa keessa jiraattuu, <<Eenyutu lafatti gad na buusa?>> jettuu, of tuulummaa garaa keetiitu si gowwoomse*.

4 Ati akka joobiraa yoo ol kaate iyyuu, mann'ee kees urjoota gidduutti yoo ijaarratte iyyuu, ani achii gad sin buusa>> jedhee dubbateera*.

5 Hattuun yookiis saamtuun halkaniin mana kee dhufuun si balleessuudhaaf yoo ta'e iyyuu, hammuma barbaadan hatu mitii ree>> Warri ija waynii ciratanis yoo dhufan, qarmii in hambisu mitii ree>>

6 Garuu attamitti qabeenyi Esaawuu fonqolfame, badhaadhummaan inni dhokfates attamitti akka jirutti saamame ree>>

7 Warri garee keetii hundinuu gara daariitti si in dhiibu, firoonni kees gowwoomsaadhaan si mo'u; firoonni kee warri amanamoon dhoksaatti kiyyoo si dura in kaa'u, <<Inni immoo hin hubatu>> siin jedhu.

8 Guyyaa sanatti Waaqayyo, <<Ani warra ogeessota Edoom keessaa, warra hubatoo tulluu Esaawuu irraa hin balleessuu ree?>> jedhee dubbateera.

9 <<Yaa Temaan! Loltoonni kee in sodaachifamu, warri tulluu Esaawuu irra jiran hundinuus ajjeefamanii in dhumu.

10 Obboleessa kee Yaaqoob irratti humnaan waan kaateef, in yeellaasifamta, bara baraanis in badda.

11 Yommuu warri ormaa loltoota isaa booji'anii dallaa isaatti ol lixanii Yerusaalem irratti muka buufatan, atis akkuma warra kaanii isaanitti taatee, irraa fagaattee in dhaabatte*.

12 Guyyaa obboleessi kee rakkatutti isa tuffachuun, guyyaa badiisa namoota Yihudaatti, gammaduun, yeroo dhiphina isaaniittis isaanitti baanachuun siif hin ta'u ture!

13 Guyyaa badiisi saba kootti dhufutti dallaa isaaniitti ol lixuun, guyyaa badiisa isaaniitti isaanitti ga'isuun, isaan saamuunis siif hin ta'u ture*!

14 Guyyaa dhiphina isaaniitti karaa qaxxaamuraa irra dhaabattee eegdee warra baqatanii ba'an rukuttee ajjeesuun, warra hafanis dabarsitee kennuun, siif hin ta'u ture!

15 <<Guyyaan ani Waaqayyo saba hundumaatti faradu dhi'aateera; akkuma ati nama irratti hojjette si irratti in hojjetama; hojiin kees mataa keetti in deebi'a*.

16 Akkuma sabni koo tulluu koo isa qullaa'aa irratti xoofoo dheekkamsaa keessaa dhugan akkasuma immoo sabni hundinuu utuu wal irraa hin kutin isa in dhugu; isaan qodaa isaa keessaa xuruurfatanii in dhugu, akka waan hin jirrees in ta'u*.

17 Warri hafan garuu tulluu Xiyoon irra in jiraatu, tullichis qulqullaa'aa in ta'a; sanyiin Yaaqoob immoo warra lafa isaanii fi qabeenya isaanii isaan irraa fudhatee harkaa deebisanii in fudhatu*.

18 Yommus egaa sanyiin Yaaqoob ibidda, sanyiin Yoseefis barbadaa itti ta'anii, sanyii Esaawuu isa akka habaqii gubanii in fixu; sanyii Esaawuu keessaa kan oolu tokko illee hin jiru>> jedhee dubbateera*.

19 Warri biyya gara mirgaa tulluu Esaawuu, warri gaara jala jiraatan immoo biyya Filiisxiyaa in qabatu; isaan Samaariyaadhaa fi lafa sanyii Efreem in qabatu, sanyiin Benyaamiin immoo Giil'aadin in qabatu.

20 Loltoonni Israa'el warri booji'amanii turan biyya Kana'aan hamma Zaarefaatitti in qabatu; warri Yerusaalemii booji'amanii Sefaaraad jiran immoo mandaroota biyya gara mirgaa keessa jiran in qabatu.

21 warri isaan furan tulluu Xiyoon irratti ol ba'anii Esaawuutti in faradu; yommus mootummaan kan Waaqayyoo in ta'a*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Titsatireni:



Zotsatsa