Baibulo la pa intaneti

- Zotsatsa -

Nahimiyaa 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Nahimiiyaan Waa'ee Yerusaalemiif Yaadaan Dhiphachuu Isaa

1 Dubbiin Nahimiiyaan ilmi Hakaaliyaa dubbate kanatti fufee jira; Nahimiiyaan,<<Artashaastaan mo'ee waggaa digdammaffaatti, ji'a Kiisluutitti mandara Susaan keessa utuun jiruu,

2 obboloota koo keessaa Hanaaniin jarreen tokkoo wajjin Yihudaadhaa in dhufe; anis waa'ee hambaa Yihudootaa warra utuu hin booji'amin achitti hafanii, waa'ee mandara Yerusaalemis nan gaafadhe>> jedhe.

3 Isaanis,<<Warri boojuu irraa hafanii naannoo sana keessa jiraatan, rakkina guddaadhaa fi miidhama keessa jiru; dallaan Yerusaalem inni dhagaan diigameera, karri ishees ibiddaan gubameera>> naan jedhan*.

4 Anis dubbii kana yommuun dhaga'e of irra gad taa'ee nan boo'e; Waaqayyo gooftaa bantii waaqaa durattis guyyaa muraasaaf nan gadde, soomees nan kadhadhe*.

5 Kadhata koo keessattis,<<Yaa Waaqayyo gooftaa bantii waaqaa, ati guddaa dha, in sodaachiftas! Warra si jaallatan, warra abboommota kee eeganiifis kakuu kee in eegda, gaarummaa kees in argisiifta*.

6 Kadhata ani garbichi kee halkanii fi guyyaa garboota kee ijoollee Israa'eliif kadhadhu dhaga'uudhaaf gurri kee gara koo haa dhaggeeffatu, iji kees gara koo haa ilaalu! Cubbuu nuyi namoonni Israa'el ittiin si yakkine sitti nan himadha; anii fi manni abbaa koo cubbuu hojjenneerra.

7 Nuyi si duratti wanta jal'aa hojjenneerra, abboommii kee fi seerrata kee, wanta qajeelaa ta'es isa ati Musee garbicha kee abboomte hin eegne.

8 <<Hadaraa wanta garbicha kee Musee abboomte yaadadhu! Ati,<<Isin yoo amanamoo ta'uu dhabaattan saba lafa irraa gidduu isin nan tamsaasa*;

9 garuu gara kootti yoo deebitan, wanta ani isin abboomes yoo gootan, hamma daarii lafaatti yoo tamsaatan iyyuu achii walitti isin sassaabee deebisee iddoo maqaan koo akka itti waamamuuf fo'adhe sanatti isin nan fida>> jetteetta*.

10 Isaan kun garboota kee fi saba kee warra ati humna kee isa guddaadhaa fi irree kee isa cimaadhaan furtee dha*;

11 hadaraa yaa Waaqayyo, gurri kee kadhata garbicha keetii fi kadhata garboota kee warra maqaa kee sodaachuun itti toluu haa dhaggeeffatu! Ani garbichi kee fuula nama kanaa duratti faara tolaadhaan akkan ilaalamuuf garaa isaa anaaf laafisi!>> nan jedhe; yommus ani dhugaatii dhi'eessituu mootichaan ture.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Titsatireni:



Zotsatsa