Miikiyaas 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooIttiin Lixa 1 Kun dubbii Waaqayyoo isa bara Yotaam, Ahaaz, Hisqiyaasis tarreetti Yihudaa irratti mo'anitti gara Miikiyaas nama mandara Mooresheet dhufeef, mul'ata isa waa'ee Samaariyaa fi waa'ee Yerusaalemiif itti mul'atee dha*. Firdiin Israa'elii Fi Yihudaatti Dhufuuf Akka Jiru Himuu Isaa 2 Waaqayyo gooftaan mana qulqullummaa isaa keessaa isin irratti dhugaa in ba'a; sabni lafa irraa guutummaatti waan gooftichi jedhu haa dhaga'an! Biyyi lafaa, warri isa keessa guutanis yaadaan haa qaban! 3 Ilaa! Waaqayyo iddoo jiruu in ba'a, gadis in bu'a, lafa ol jedhaa gara irraas in adeema*. 4 Tulloonni akka gagaa ibiddi baqsuu isa jalatti in baqu, akka lafa bishaan irraan-gadee lola'u qotuuttis dachaawwan in tatarsa'u*. 5 Kun hundinuu immoo sababii irra-daddarbaa Yaaqoobiif sababii cubbuu mana Israa'eliif ta'e; Yaaqoob akka irra daddarbu eenyutu godhe>> Samaariyaa dha mitii ree>> Yihudaa keessatti iddoo itti waaqayyolii tolfamaniif sagadan eenyutu qopheesse>> Yerusaalem mitii ree*>> 6 Kanaafis Waaqayyo, <<Ani mandara Samaariyaa caccabsee lafatti nan dabala, lafa muka waynii dhaabanis isa nan godha; dhagaa ijaarsa mana isheetii dachaatti gad nan naqa, hundee ishees bakkeetti nan baasa. 7 Bifni fakkeenyaa isheen waaqessitu hundinuu in hurreeffamu, galchiin ishee keessatti argamu hundinuus ibiddaan in gubama, waaqayyoliin tolfamoon ishee akka gatii dhaban nan godha, wanti isheen waaqayyolii isheetiif hojjechuuf ejjaan argatte immoo deebi'ee hojii ejjummaaf in ta'a>> jedhe*. Rakkinni Waan Dhufuuf Jiruuf Boo'uu Isaa 8 Sababii kanaaf ani nan boo'a nan wawwaadha, miilla qullaa, uffata malees nan adeema; akka waangoo nan wawwaadha, akka guchii goromtiis nan boo'a*. 9 Madaan rukuttaa mandarattii isa fayyu miti; gara biyya Yihudaa dhufeera, karra Yerusaalem ishee kan saba kootii bira iyyuu ga'eera. 10 Mandara Gaatitti kana hin himinaa! Mandara Aakoo keessatti hin boo'inaa! Mandara Bet-Le'aafraatti immoo awwaara keessa gangaladhaa*! 11 Isin warri mandara Shaafiir qullaa keessan yeelloodhaan ba'aa! Warri Zaanaan mandaraa isaaniitii gad hin ba'in! Boo'ichi mandara Bet-Ezel achi isin hin dhaabachiisu; 12 warri mandara Maaroot wanta gaarii dhimmanii eeggatu; wanti hamaan immoo Waaqayyo biraa balbala kellaa Yerusaalem irratti gad in dhufa. 13 Yaa warra mandara Laakiish, teepha konkolaataa, farda isa harkisutti hidhaa! Irra-daddarbaan Israa'el keessatti hojjetamaa ture isin gidduutti argame; warra Xiyoonis isintu cubbuu hojjechuu jalqabsiise*. 14 Kanaafis isin mandara Mooresheet-Gaat gad in dhiiftu; manneetiin mandara Akziib mootota Israa'el in gowwoomsan. 15 Isin yaa warra Mareshaa, isa ammas dhufee mandara keessan qabatu Waaqayyo isinitti in fida; Israa'el keessaa warri ulfina qaban gara Adulaam in dhufu*. 16 Gadda ijoollee warra mararsiifattaniif rifeensa mataa keessanii murmuradhaa yookiis mataa keessan haaddadhaa! Isaan isin duraa waan booji'amaniif, mataa keessan akka mataa goggocoroo isa rifeensi irra hin jirree godhadhaa*! |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia