Macaafa Ruut 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooEliimelekii Fi Maatiin Isaa Biyya Mo'aabitti Godaanu 1 Bara abboonni firdii biyya Israa'el seerrachaa turanitti, beelli biyya sanatti bu'e; baras namichi tokko kutaa biyya Yihudaa mandara Betlihem keessaa, haadha manaa isaa fi ilmaan isaa lamaan fudhatee, biyya ormaa isa <<Mo'aab>> jedhamu in dhaqe*. 2 Maqaan jarreen Efraataa, warra mandara Betlihemii ba'anii biyya Mo'aab takka taa'uudhaaf itti galan kanaa, Eliimelek, haati manaa isaa Naa'omii, ilmaan isaa lamaan immoo Maahiloonii fi Kiliyoon ture. 3 Eliimelek in du'e, haati manaa isaa Naa'omiin garuu ilmaan ishee lamaanii wajjin hafte. 4 Ilmaan ishee kunis durba warra Mo'aab keessaa, isheen tokko Orphaa isheen kaanis Ruut kan jedhamtu fuudhan; maatiin kun walumatti akka waggaa kudhanii achi taa'an. 5 Booddee immoo Maahiloonii fi Kiliyoon duunaan, dubartittiin abbaa manaa ishee fi ilmaan ishee lamaan in dhabde. Naa'omiin Ergasii Ruutii Wajjin Gara Betlihemitti Deebi'uu Ishee 6 Naa'omiin, biyya Mo'aab keessa utuma jirtuu, Waaqayyo saba isaa ilaalee midhaan akka kenneef waan dhageesseef, niitota ilmaan ishee wajjin gara biyyaatti deebi'uudhaaf kaate*. 7 Isheen lafa turte sanaa baatee, niitota ilmaan ishee lamaanii wajjin karaa biyya Yihudaatti geessu irra in buute. 8 Yommus Naa'omiin niitota ilmaan ishee lamaaniin,<<Deebi'aa, gara mana mana warra keessanii dhaqaa; akkuma isin warra isin irraa du'eef, anaafis gaarii gootan, Waaqayyo gaarii isiniif haa godhu! 9 Waaqayyo, mana itti<<Uffee>> jettan akka argattaniif bultii isiniif haa kennu!>> jette; yeroo isheen dhudhungattee nagaa itti dhaamtetti immoo, isaan sagalee isaanii guddisanii in boo'an. 10 Amaatii isaaniitiin immoo,<<Nuyi sii wajjin gara saba kee in dhaqna malee, si biraa hin deebinu!>> jedhan. 11 Naa'omiin garuu,<<Deebi'aa malee ijoollee ko, maaliif anaa wajjin dhaqxu>> Ani ilmaan si'achi abbaa manaa isiniif ta'an garaa koo keessaa qabaa ree>> 12 Ani heerumaaf baay'ee dulloomeeraatii, yaa ijoollee ko deebi'aa, karaa keessan dhaqaa! Ani abdii qaba jedhee, edana heerumee utuun ilmaan da'ee iyyuu, 13 kanaaf hamma isaan guddatanii ga'anitti eeguuf jirtuu ree>> Kanaaf jettaniis heerumuu irraa of dhowwituu ree>> Lakkisaa yaa ijoollee ko, wanta harka Waaqayyoo keessaa anatti dhufeen isin akkas ta'uun keessan keessuma ba'ee anatti hadhaa'eera>> jetteen. 14 Kana irratti ammas sagalee isaanii guddisanii walitti boo'an; Orphaan amaatii ishee dhudhungattee nagaa itti dhaamte, Ruut garuu<<Si biraa hin hafu>> jettee isheetti marmite. 15 Naa'omiin yommus Ruutiin,<<Ilaa agabaatteen kee gara saba isheetti, gara waaqayyolii isheettis deebiteetti; atis agabaattee kee duukaa deebi'i!>> jette. 16 Ruut garuu,<<Si duukaa dhaquu dhiisee akkan deebi'uuf, cimsitee itti ana hin oofin! Lafa ati dhaqxu anis nan dhaqa, lafa ati jiraattu anis nan jiraadha, sabni kee saba koo in ta'a, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in ta'a*. 17 Lafa ati duututti anis achitti nan du'a, achittis nan awwaalama; du'a irraa kan hafe si irraa kan gargar na baasu yoo jiraate, Waaqayyo ana haa balleessu!>> jetteen. 18 Naa'omiinis Ruut akka ishee wajjin adeemuudhaaf kutte yommuu argite, dabaltee itti hin dubbanne. 19 Kanaaf isaan lamaan hamma Betlihem ga'anitti itti fufanii in adeeman; yeroo isaan Betlihem ga'anittis, mandarri guutuun sababii isaaniif in socho'e; dubartoonnis,<<Kun Naa'omii dhaa?>> jedhan; [<<Naa'omii>> jechuun <<Faara toleettii>> jechuu dha]. 20 Isheen immoo,<<Naa'omii jettanii ana hin waaminaa! Inni hundumaa danda'u jireenyi koo keessa ba'ee akka anatti hadhaa'u waan godheef,<<Maaraa>> anaan jedhaa! 21 Ani harka guutuudhaan nan ba'e, Waaqayyo immoo harka duwwaa deebisee na fide; erga Waaqayyo ana harkatti qabee, inni hundumaa danda'us waan hamaa anatti fide, maaliif<<Naa'omii>> naan jettu ree?>> jetteen. 22 Akkasitti Naa'omiin biyya Mo'aabii deebitee, Ruut haadha manaa ilma ishee ishee durba Mo'aab sanaa wajjin dhufte; isaanis yeroo garbuun haamamuu jalqabutti Betlihemitti galan. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia