Maatewos 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooHidda Dhaloota Yesus ( Luq 3:23-38 ) 1 Toorri hidda dhaloota Yesus Kristos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam isa kana*. 2 Abrahaam Yisihaqin dhalche; Yisihaq Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yihudaa fi obboloota Yihudaa dhalche*. 3 Yihudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zaaraan dhalche; Faares Hesromin dhalche; Hesrom Aaramin dhalche*. 4 Aaram Aminaadaabin dhalche; Aminaadaab Nahasonin dhalche; Nahason Salmoonin dhalche*. 5 Salmoon Rahaab irraa Boazin dhalche; Boaz Ruut irraa Yoobeedin dhalche; Yoobeed Iseyin dhalche*. 6 Isey Daawit mooticha dhalche; Daawit haadha manaa Uriiyaa irraa Solomoonin dhalche*; 7 Solomoon Rehobiyaamin dhalche; Rehobiyaam Abiiyaa dhalche; Abiiyaan Asaafin dhalche; 8 Asaaf Yosaafaaxin dhalche; Yosaafaax Yooraamin dhalche; Yooraam Oziyaasin dhalche; 9 Oziyaas Yoataamin dhalche; Yoataam Akaazin dhalche; Akaaz Hizqiyaasin dhalche. 10 Hizqiyaas Minaaseen dhalche; Minaasee Amosin dhalche; Amos Yosiyaasin dhalche*. 11 Yosiyaas bara sabni Israa'el biyya Baabilonitti booji'amanitti Yekoniyaasii fi obboloota Yekoniyaas dhalche*. 12 Sabni Israa'el biyya Baabilonitti erga booji'amanii booddee Yekoniyaas Salaatiyelin dhalche; Salaatiyel Zarubaabelin dhalche*. 13 Zarubaabel Abiyuudin dhalche; Abiyuud Eliyaaqimin dhalche; Eliyaaqim Azorin dhalche; 14 Azor Zaadoqin dhalche; Zaadoq Akiimin dhalche; Akiim Eliyudin dhalche. 15 Eliyud Eleazaarin dhalche; Eleazaar Maattaanin dhalche; Maattaan Yaaqoobin dhalche; 16 Yaaqoob Yoseefin dhalche; Yoseef kun kaadhima Maariyaam; isheen immoo Yesusin isa ?Kristosicha? jedhamee moggaafame deesse*. 17 Dhaloonni kun hundinuu Abrahaamii hamma Daawititti dhaloota kudha afur, Daawitii hamma bara sabni Israa'el biyya Baabilonitti booji'amaniitti dhaloota kudha afur, bara biyya Baabilonitti booji'amanii hamma Kristositti dhaloota kudha afur turan. Dhalachuu Yesus ( Luq 2:1-7 ) 18 Dhalachuun Yesus Kristos akka kanatti fufee jiru ture; Maariyaam haati isaa Yoseefiif kaadhimatamtee turte; isheen Yoseefii wajjin utuu wal bira hin ga'in, hafuura qulqulluudhaan ulfooftee argamte*. 19 Yoseef inni ishee kaadhimates nama jireenya qajeelaa jiraatu waan tureef, dhoksaatti ishee dhiisuudhaaf murtoo godhe malee, immata duratti ishee yeellaasisuu hin barbaanne. 20 Utuu Yoseef kana yaadaa jiruu, kunoo ergamaan gooftaa abjuutti itti mul'atee, ?Yaa Yoseef ilma Daawit, Maariyaam kaadhimni kee hafuura qulqulluudhaan waan ulfoofteef, ishee of biratti fudhachuu hin sodaatin! 21 Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa ?Yesus? jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa? jedheen*. 22 Kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta'e. 23 Innoo, ?Kunoo durbi in ulfoofti ilmas in deessi, maqaa isaas ?Amaanu'el? jedhanii in moggaasu? jedhe; ?Amaanu'el? jechuun ?Waaqayyo nuu wajjin jira? jechuu dha*. 24 Yoseef hirribaa dammaqee, akkuma ergamaan gooftaa isa abboometti kaadhima isaa of biratti in fudhate. 25 Haa ta'u iyyuu malee, inni hamma isheen ilma ishee deessutti ishee hin barre; mucicha immoo, ?Yesus? jedhee in moggaase*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia