Maarqos 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooLallaba Yohannis Cuuphaa ( Mat 3:1-12 ; Luq 3:1-18 ; Yoh 1:19-28 ) 1 Kun jalqaba wangeela Yesus Kristos ilma Waaqayyoo ti. 2 Macaafni, ?Ilaa, ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si dura nan erga!? in jedha. Macaafa Isaayaas raajichaa keessatti immoo*, 3 ?Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya; dhaga'aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemus qajeelchaa!? kan jedhu caafamee jira*. 4 Yohannis cuuphaan lafa onaa keessatti argamee, ?Cuuphamaa, yaada garaa geddarachuu keessan mul'isaa! Waaqayyo immoo cubbuu keessan isiniif in balleessa? jedhee labse*. 5 Guutummaa kutaa biyya Yihudaa keessa, mandara Yerusaalem keessa kan jiraatanis hundinuu lafa Yohannis cuuphaan jirutti ba'anii, cubbuu isaanii himachaa laga Yordaanositti of in cuuphsisu turan. 6 Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa dha'ame uffate, mudhii isaas teephaan hidhate, hawaannisaa fi damma moggaa nyaachaa jiraate*. 7 Innis, ?Inni ana irra jabaatu na booddeedhaan dhufaa jira; gad gugguufee hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf ani nama ta'u miti*. 8 Ani bishaaniinan isin cuuphe; inni garuu hafuura qulqulluudhaan isin in cuupha? jedhee labse*. Cuuphamuu Yesus ( Mat 3:13-17 ; Luq 3:21-22 ; Yoh 1:31-34 ) 9 Bara sanatti Yesus, Naazireet mandara Galiilaatii dhufee, Yohannis Yordaanositti isa cuuphe*. 10 Yohannis akkuma Yesus bishaanicha keessaa ba'een, bantiiwwan waaqaa saaqamuu isaanii, hafuurri qulqulluunis akka gugeetti dhufee isa irra bu'uu isaa arge. 11 Sagaleen immoo, ?Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama? jedhee waaqa irraa dubbate*. Qoramuu Yesus ( Mat 4:1-11 ; Luq 4:1-13 ) 12 Hafuurri qulqulluun achumaan Yesusin gara lafa onaatti in baase. 13 Yesus lafa onaa keessa guyyaa afurtama bubbule, Seexanaanis qoramaa ture. Achittis bineensota gidduu ture, ergamoonni Waaqayyoos isaaf in ergamu turan. Yesus Galiilaatti Hojii Isaa Jalqabuu Isaa ( Mat 4:12-17 ; Luq 4:14-15 ) 14 Yohannis cuuphaan mana hidhaatti dabarfamee erga kennamee booddee, Yesus kutaa biyya Galiilaa dhufee wangeela Waaqayyoo lallabe*. 15 ?Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhi'aateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa!? jedhe*. Yesus Bartoota Warra Jalqabaa Arfan Waamuu Isaa ( Mat 4:18-22 ; Luq 5:1-11 ) 16 Yesus ciisa bishaan Galiilaa bukkee utuu darbuu, Simoonii fi Indriiyaasin obboleessa Simoon kiyyoo isaanii bishaanichatti utuu darbatanii arge; isaan qurxummi-qabduu turan. 17 Yesus immoo, ?Na duukaa kottaa! Anis nama kan walitti qabdan isinan godhadha? isaaniin jedhe. 18 Isaan achumaan kiyyoota isaanii achitti dhiisanii, isa duukaa in bu'an. 19 Yesus takka adeemee, Yaaqoobii fi Yohannisin ilmaan Zabdewos, bidiruu isaanii keessa taa'anii kiyyoota isaanii utuu tottolfatanii arge. 20 Inni achumaan isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewosin hojjetootaa wajjin bidiruu keessatti dhiisanii, Yesusin duukaa bu'an. Yesus Qifirnaahomitti Hafuura Hamaa Ifachuu Isaa ( Luq 4:31-37 ) 21 Yesus, bartoonni waamamanis mandara Qifirnaahom dhaqan; inni immoo guyyaa Sanbataatti mana sagadaatti galee barsiise*. 22 Garaan warra isa dhaga'aniis barsiisa isaatiin rukutame; Yesus akka barsiisota seeraatti utuu hin ta'in, akka nama aboo qabutti isaan in barsiisa ture*. 23 Namni hafuura hamaadhaan qabame tokko mana sagadaa isaanii keessa ture iyyuu, si'uma sana caraanee, 24 ?Yaa Yesus nama Naazireet, dhimma keenya keessa maaltu si buuse? Silaa nu balleessuu yaaddee dhuftee? Anoo eenyu akka ati taate si beeka, yaa qulqulluu Waaqayyoo? jedhe*. 25 Yesus garuu, ?Gab jedhi, keessaa ba'is!? jedhee hafuuricha hamaa in ifate. 26 Hafuurri hamaan sun namicha qabatee ture sana wixxifachiisee, sagalee guddaadhaan iyyee, namicha keessaa ba'e*. 27 Isaan hundinuu na'anii, dinqifataniis, ?Maal wanti akkasii? Barsiisa haaraa aboo of keessaa qabu! Inni hafuurota hamoota iyyuu in abbooma; isaanis isaaf in abboomamu? jedhanii walitti dudubbatan. 28 Oduun isaa takkaadhumaan naanna'aa kutaa biyya Galiilaa sana keessaa iddoo halle hundumaatti dhaga'ame. Yesus Dhukkubsatoota Baay'ee Fayyisuu Isaa ( Mat 8:14-17 ; Luq 4:38-41 ) 29 Yesus mana sagadaatii akkuma ba'een, Yaaqoobii fi Yohannisii wajjin mana Simoonii fi Indriiyaas dhaqe. 30 Yommus amaatiin Simoon dhukkuba dhagna-gubaadhaan qabamtee in ciifti turte; achumaan jarri waa'ee ishee isatti himan*. 31 Yesus itti dhi'aatee, harka ishee qabee ol ishee kaase. Dhagna-gubaan sunis ishee dhiise, isheen immoo isaan in keessumsiifte. 32 Galgala sana erga aduun lixee booddee, warra dhukkubsatan, warra hafuura hamaadhaan qabamanis hundumaa gara isaatti fidan. 33 Namoonni mandara sanaa hundumtuu balbala duratti walitti qabaman. 34 Yesus dhukkubsatoota baay'ee warra dhukkuba garaa garaatiin rakkachaa turan fayyisee, hafuurota hamootas baay'ee baase; hafuuronni hamoonni isa waan beekaniif, inni dubbachuu isaan dhowwe*. Yesus Galiilaatti Lallabuu Isaa ( Luq 4:42-44 ) 35 Ganama barii amma illee utuu hin ifin ka'ee, gad ba'ee gara iddoo namni hin jirree dhaqee, achitti Waaqayyoon in kadhate*. 36 Simoonii fi warri isaa wajjin turan isa barbaacha ba'an. 37 Isa argatanii, ?Hundinuu si barbaadaa jiru? jedhaniin. 38 Yesus garuu, ?Ani isaaf waanan ba'eef, achittis akkan lallabuuf kottaa gara mandaroota nutti aananii in dhaqnaa!? isaaniin jedhe. 39 Inni dhaqee manneen sagadaa isaanii guutummaa kutaa biyya Galiilaa keessa jiranitti lallabee, hafuurota hamootas namoota keessaa baase*. Yesus Namicha Lamxaa'aa Qulleessuu Isaa ( Mat 8:1-4 ; Luq 5:12-16 ) 40 Namni dhagni isaa lamxaa'e tokko gara Yesus dhufee [jilbeenfatee], ?Fedha kee yoo ta'e na qulleessuu in dandeessa? jedhee isa kadhate. 41 Kanaaf Yesus garaa laafeefii hiixatee qabee, ?Fedheeraa qullaa'i!? ittiin jedhe. 42 Achumaan namichi lamxii isaa irraa fayyee qullaa'e. 43 Yommus Yesus namicha cimsee of eeggachiisee*, 44 ?Beekkadhu, waan tokko illee namatti hin himin! Garuu dhaqii luba of ilaalchisi, fayyuun kee hundumaattuu haa mul'atuuf akka Museen abboomettis qullaa'uu keetiif kennaa kee dhi'eessi!? jedhee isa gad dhiise*. 45 Namichi achii erga ba'ee booddee, waan baay'ee waa'ee isaatiif odeessuutti ka'ee, dubbii kana biyyaan ga'e. Kanaaf Yesus lafa namni hin jirre bubbule malee, mul'inatti mandaratti galuu hin dandeenye; namoonnis iddoo hallee gara isaa in dhufu turan. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia