Baibulo la pa intaneti

- Zotsatsa -

Lewwota 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Seera Qalma Guutummaatti Gubamuu

1 Waaqayyo Musee waamee, dunkaana isa Waaqayyo duratti itti wal ga'an keessaa isatti in dubbate;

2 inni,<<Namoota Israa'eliin,<<Namni isin keessaa ana Waaqayyoof kennaa yommuu dhi'eessu, karra sa'aa keessaa yookiis karra bushaayee keessaa haa dhi'eessu!>> jedhi!

3 <<Kennaan isaa kun karra sa'aa keessaa qalma gubatuuf kennama yoo ta'e, dibicha mudaa hin qabne haa ta'u! Ana Waaqayyo duratti fudhatamaa akka inni ta'uufitti namichi balbala dunkaana itti wal ga'anii sana duratti haa dhi'eessu*!

4 Inni harka isaa mataa horii qalma gubamuuf dhi'aate sana irra haa kaa'u! Araara isaaf buusuudhaafis fuula koo duratti fudhatamaa in ta'aaf.

5 Dibichichas fuula koo duratti haa gorra'u! Ilmaan Aaron warri luboonni dhiigicha dhi'eessanii, iddoo aarsaa balbala dunkaana itti wal ga'anii jiru sanatti naannessanii haa facaasan!

6 Namichi immoo qalma gubamuudhaaf dhi'aate kana gogaa irraa baasee, bu'aa bu'aa isaatti haa kukkutu!

7 Ilmaan Aaron lubichaa iddoo aarsaa irratti ibidda qabsiisanii qoraan irra haa naqan!

8 Ilmaan Aaron warri luboonni foon isa bu'aa bu'aa isaatti kukkutame, mataa isaa, moora isaas qoraan ibidda irra nam'e sana irra tarree galchanii haa kaa'an!

9 Mi'a garaa isaa fi many'eewwan isaa garuu namichi bishaaniin haa miicu! Lubichi immoo guutummaa isaa iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu! Kun ana Waaqayyoof qalma gubamu, foolii garaa ciibsu, isa ibiddaan gubamee dhi'aatuu dha*.

10 <<Kennaan isaa inni qalma gubamuuf dhi'aatu kun karra bushaayee keessaa hoolaa yookiis reettii yoo ta'e, korbeessa mudaa hin qabne haa ta'u!

11 Namichi iddoo aarsaa bukkee gara harka bitaatti fuula koo duratti haa gorra'u! Ilmaan Aaron warri luboonni dhiigicha iddoo aarsaatti naannessanii haa facaasan!

12 Namichi foonicha bu'aa bu'aa isaatti haa kukkutu! Lubichi immoo isa kukkutame sana mataa fi moora korbeessichaa wajjin qoraan ibidda iddoo aarsaa irra nam'e sana irra tarree galchee haa kaa'u!

13 Mi'a garaa isaa fi many'eewwan isaa garuu namichi bishaaniin haa miicu! Lubichi immoo guutummaa isaa iddoo aarsaa irratti gubee haa aarsu! Kun ana Waaqayyoof qalma gubamu, foolii garaa ciibsu, isa ibiddaan gubamee dhi'aatuu dha.

14 <<Kennaan isaa inni qalma gubamuuf dhi'aatu kun warra baal'eedhaan ka'an keessaa yoo ta'e, gugee horaa yookiis gugee ishee kaan sosokkee ishee haa ta'u!

15 Lubichi iddoo aarsaatti dhi'eessee, miciiree mataa irraa kutee, dhiiga ishee iddoo aarsaa bukkeetti gad naqee, iddoo aarsaa irratti akka ixaanaatti haa aarsu!

16 Qalqalloo midhaan ishee baasee, rifeensa ishee wajjin iddoo aarsaa bukkee gara ba'a-biiftuutiin lafa daaraan itti nam'utti haa gatu!

17 Qoochoo ishee gad haa quncisu malee irraa hin kutin! Lubichi qoraan ibidda iddoo aarsaa irra nam'ee jiru sana irratti akka ixaanaatti haa aarsu! Kun ana Waaqayyoof qalma gubamu, foolii garaa ciibsu isa ibiddaan gubamee dhi'aatuu dha.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Titsatireni:



Zotsatsa