Isaayyaas 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooSabni Israa'el Waaqayyoon Diduu Isaa 1 Mul'anni Isaayaas ilmi Amoz bara Uziyaa, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihudaa turanitti waa'ee Yihudaa fi waa'ee Yerusaalemiif arge, kanatti fufee jira*; 2 Waaqayyo,<<Yaa bantiiwwan waaqaa dhaga'aa! Yaa lafaa dhaggeeffadhu! Ani Waaqayyo ilmaan guddifadhee ol isaan nan kaase, isaan garuu ana irratti in ka'an*; 3 qotiyyoon abbaa isaa, harreenis gorantoo gooftaa isaatii beeka, Israa'el sabni koo garuu hin beeku, kana hin hubatus>> jedhee dubbateera. 4 Saba cubbamaadhaaf, saba yakki ulfaataan irra jiruuf, sanyii warra hamaa hojjetaniif, warra amalli isaanii manca'eef wayyoo! Isaan Waaqayyoon in dhiisan; Waaqayyo isa qulqulluu isa kan Israa'el in tuffatan, dugdas itti in gatan. 5 Mataan keessan guutummaatti madaa'eera, lapheen keessan raawwatee dadhabeera; egaa si'achi eessa akka isin rukutan barbaaddu>> Maaliifis diduutti jabaattu>> 6 Gubbee mataa keessanii jalqabee hamma faana miilla keessaniitti fayyaa miti; guutummaatti rukutamaa, dirmammaa'aa, madaa ho'aa dhas; inni walitti hin deebine, hin hidhamne, dhadhaadhaanis hin sukkuumamne*. 7 Biyyi keessan in one, mandaroonni keessanis ibiddaan in gubaman; utuma isin ilaaltanii ormi wanta maasii keessan keessatti biqilu in nyaata; biyyi keessan akka waan ormi qabatetti in barbadaa'a; 8 Mandarri Xiyoon akka gordomoo iddoo dhaabaa waynii jiruu fi akka godoo iddoo dhaabaa buqqee dheedhii nyaatamu jiru, akka mandara diinni marses in taati. 9 Waaqayyo gooftaan maccaa hambaa yartuu ishee utuu nuuf hambisuu dhabaate, akka Sodoom in taana, Gomoraas in fakkaanna turre*. Waaqayyoof Utuu Hin Abboomamin Aarsaa Dhi'eessuun Waa'ee Kan Hin Baafne Ta'uu Isaa 10 Isin warri akka bulchitoota Sodoom dubbii Waaqayyoo dhaga'aa! Isin warri akka saba Gomoraa gorsa Waaqayyo keenyaa dhaggeeffadhaa! 11 Waaqayyo, << <Baay'inni qalma aarsaa keessan isa gubamuu maal anaaf godha>> Ani aarsaa korbeessa hoolaa fi moora horii coccoomoo quufeera, akkasumas immoo dhiiga tuntunoo, dhiiga ilmoo hoolaa fi dhiiga ilmoo reettiitti ani hin gammadu. 12 Isin ana duratti yommuu dhi'aattan, oobdii koo akka dhidhiittan eenyutu isin irraa fedha>> 13 Kennaa waa'ee hin baafne deebitanii hin fidinaa! Ani aarsaa ixaana keessanii ciigga'eera, baatii haaraa, Sanbataa fi walga'ii keessan, jal'inaaf walitti qabamuu keessanis ani obsuu hin danda'u. 14 Ayyaannan baatii haaraa keessanii fi ayyaannan keessan warra beekamoo ani nan jibbe; isaan ba'aa anatti ta'aniiru, ani isaan baachuu dadhabeera*. 15 << <Yommuu isin harka keessan gara kootti bal'iftanii kadhattan, ani immoo gara keessan hin ilaalu; harka keessan keessa dhiigni waan guuteef, kadhata yoo baay'iftan iyyuu ani isiniif hin dhaga'u; 16 dhiqadhaa of qulleessaa, hojii keessan isa hamaas ija koo duraa balleessaa, hamaa gochuu dhiisaa! 17 Gaarii gochuu baraa! Firdii qajeelaa duukaa bu'aa! Warra nama miidhan ifadhaatii qajeelchaa! Ijoollee abbaan irra hin jirreef faradaa! Haadha hiyyeessaaf falmaa*! 18 << <Kottaa mee walii wajjin dhugaa in baafnaa cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii in addaattu; diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu, akka jirbii iddamaa adii in taatu*. 19 Tole jettanii yoo abboomamtan wanta gaarii lafichi baasu in nyaattu; 20 diddanii yoo ana irratti kaatan garuu, billaan isin in nyaata>> jedhee ani Waaqayyo dubbadheera>> jedhe*. Firdii Yerusaalem Irratti Dhufe 21 Mandarri ishee amanamtuun attamitti ejjituu taate>> Dur firdii qajeelaan ishee keessa guutee ture, qajeelummaanis ishee keessatti in argama ture, amma garuu warra nama ajjeesantu keessa guute*; 22 meetiin kee udaan sibiilaa in ta'e, dhugaatii kees bishaantu dugda kute*; 23 gurguddoonni biyyaa kee gara-didoo dha, nyaatii warra hattuu tis; hundumti isaanii gabbarsuu jaallatu, kennaa ari'aniidhuma qabu; ijoollee abbaan irra hin jirreef hin faradan, dhimma haadha hiyyeessaas hin dhaga'aniif*. 24 Kanaaf Waaqayyo gooftaan maccaa, aango-qabeessi Israa'el, <<Egaa ani warra na jibban of irraa nan kuta, diinota koo irrattis ijaa nan ba'a; 25 ani si irratti harka koo ol nan fudhadha, akka nama sibiila qulleessutti sin qulleessa, xurii kee hundumaas si keessaa nan baasa*. 26 Ani abboota firdii kee akka duriitti, warra gorsituus akka yeroo jalqabaatti siif nan deebisa; kana booddee ati mandara qajeelummaan keessa jiruu fi mandara amanamtuu in jedhamta>> jedhe*. 27 Warri ishee keessa jiran gaabbanii gara qajeelummaatti yoo deebi'an, Xiyoon firdii qajeelaadhaan in furamti; 28 warri irra-daddarbanii fi warri cubbuu hojjetan garuu walii wajjin in caccabu, warri Waaqayyo irraa deebi'anis in badu; 29 qilxuu jalatti hirreefattanii itti gammaddan sanaaf yeella'uuf jirtu, iddoo dhaabaa isa fo'attan sanaafis salphachuuf jirtu*; 30 isin akka qilxuu baalli isaa harca'ee, akka iddoo dhaabaa bishaan hin qabnees in taatu; 31 namni jabaan akka hofaa caccabaa in ta'a, hojiin isaas akka barbadaa ibiddaa ti, lachanuus walii wajjin in boba'u, kan isa dhaamsus hin jiru. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia