Ibroota 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooWaaqayyo Ilma Isaatiin Nutti Dubbachuu Isaa 1 Bara duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera. 2 Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa uume; waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe*. 3 Ifni ulfina Waaqayyoo isa irraa in calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan in mul'ata; dubbii isaa isa humna-qabeessaanis waan uumame hundumaa in baata. Inni cubbuuttii qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra-qabeessaa dhaqee in taa'e*. Ilmi Waaqayyoo Ergamoota Irra Caalaa Guddaa Ta'uu Isaa 4 Kanaanis maqaan Waaqayyo isaaf kenne maqaa ergamootaa irra caalaa beekamaa akkuma ta'e, innis ergamoota irra caale*. 5 Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, ?Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche? yookiis eenyuun, ?Ani isaaf abbaa nan ta'a, innis ilma anaaf in ta'a? jedhee beeka*? 6 Waaqayyo ilma isaa isa angafa waan hundumaa, gara biyya lafaatti yommuu erge immoo, ?Ergamoonni Waaqayyoo hundinuu isaaf haa sagadan!? jedhe*. 7 Waa'ee ergamootaa illee, ?Inni ergamoota isaa akka qilleensaa, warra isaaf ergamanis akka arraba ibiddaa in godhata? jedhe*. 8 Waa'ee ilmaa garuu, ?Teessoon kee yaa Waaqayyo, baraa hamma baraatti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti. 9 Ati qajeelina jaallattee jal'ina jibbite; kanaaf Waaqayyo kee, waaqayyichatu si dibee, dibata gammachuu kanaanis warra sii wajjin jiran irra si caalchise? jedhe*. 10 Ammas immoo, ?Ati yaa gooftaa, jalqabatti hundee lafaa jabeessiteetta, bantiin waaqaa hundinuus hojii harka keetii ti. 11 Ati haftee in jiraatta; isaan garuu baduuf jiru, hundumti isaaniis akka uffataa in moofa'u*; 12 akka wayyaas isaan in marta, akka uffataas in geddaramu; ati garuu hin geddaramtu, waggoonni kees dhuma hin qaban? jedhe*. 13 Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, ?Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti gara mirga koo taa'i!? jedhee beeka*? 14 Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree*? |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia