Hojii 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooIttiin Lixa 1 Yaa ulfaataa Tewofilos! Macaafa koo isa kanaan duraa keessatti, waan Yesus hojjetee fi barsiise hundumaa caafeera*. 2 Kunis immoo jalqaba isaatii kaasee, hamma guyyaa inni ergamoota isaa warra fo'ate hafuura qulqulluudhaan abboomee, gara waaqaatti ol fudhatametti kan ta'ee dha*. Jiraataa Ta'uu Yesusii Fi Abdii Hafuura Qulqulluu 3 Yesus du'a isaa booddee immoo jiraataa akka ta'e, deddeebi'ee karaa hin mamsiifneen isaanitti of mul'ise; guyyaa afurtamaaf akka isa argan godhe, waa'ee mootummaa Waaqayyoos isaanitti in dubbate*. 4 Isaanii wajjin utuu jiruus, ?Abdii abbaan koo isiniif kenne, isa ani isinitti hime sana eeggadhaa malee, Yerusaalemii hin ba'inaa!? jedhee isaan abboome*. 5 Itti dabalees, ?Yohannis bishaaniin cuuphe, isin garuu guyyaa baay'ee utuu hin turin hafuura qulqulluudhaan in cuuphamtu? jedhe*. Yesus Gara Waaqaatti Ol Fudhatamuu Isaa 6 Yeroo walitti qabamanitti ergamoonni, ?Yaa gooftaa, si'a kana Israa'eliif mootummaa deebiftaafii ree?? jedhanii gaafatan*. 7 Inni immoo, ?Yeroo yookiis bara abbaan gooftummaa isaatiin dhaabe, beekuun isiniif hin kennamne*. 8 Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu'u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu? isaaniin jedhe*. 9 Dubbii kana dubbatees, utuma isaan ilaalanii gara waaqaatti ol fudhatame; duumessi isa simate, ija isaanii duraas in dhokse*. 10 Utuma isaan karaa inni ol ba'e sanattii ija hin buqqifatin, kunoo namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bukkee dhaabatanii*, 11 ?Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii waaqa keessa ilaalaa jirtu? Yesus, inni isin biraa gara waaqaatti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa? jedhaniin*. Waa'ee Isa Iddoo Yihudaa Bu'uu 12 Kana booddee ergamoonni gaara ejersaatii gara Yerusaalemitti deebi'an; gaarichi mandaricha irraa adeemsa guyyaa Sanbataa, kunis akka dhundhuma kuma lamaa in fagaata ture. 13 Yommuu deebi'an immoo mana isa keessa turan kutaa olaanutti galan. Isaanis Phexros, Yohannis, Yaaqoob, Indriiyaas, Filiphos, Toomaas, Bartolomewos, Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewos, Simoon isa ?Hinaafticha? jedhamee beekamee fi Yihudaa ilma Yaaqoob turan*. 14 Isaan kun hundinuu dubartoota tokkoo wajjin, Maariyaam haadha Yesus, obboloota isaa wajjinis yaada tokkoon kadhataaf of kennanii turan*. 15 Gidduu sana Phexros walga'ii, amantoota akka nama dhibbaa fi digdamaa ta'an keessa dhaabatee, 16 ?Obboloota nana, dubbiin macaafaa inni hafuurri qulqulluun duraan dursee afaan Daawitiin waa'ee Yihudaaf dubbate, raawwatameera; innoo warra Yesusin qabuu dhaqan dura adeemee argisiise*. 17 Inni nuu wajjin lakkaa'amee, hojii kanas nuyii wajjin hojjechuudhaaf fuula qabatee ture. 18 Namichi kun, horii isa hojii jal'inaa hojjetee argate sanaan, lafa bitate; ofii isaa mataadhaan kufee tarsa'ee, mar'umaan isaas bakkee guute*. 19 Kunis warra Yerusaalem jiraatan hundumaa biratti beekame, lafichis afaan isaaniitti ?Akeldaamaa? jedhamee waamame, hiikuun isaas ?Lafa dhiigaa? jechuu dha. 20 Macaafa faarfannaa keessatti, ?Qe'een isaa haa onu, isa keessa jiraachuufis tokko illee hin argamin!? Akkasumas, ?Hojii inni geggeessuuf itti waamame, namni kan biraa haa fudhatu? kan jedhu caafameera*. 21 ?Kanaafis yeroo itti Yesus gooftaan nu gidduu deddeebi'aa ture hundumaatti, warra nuu wajjin turan keessaa nama tokko nu barbaachisa*. 22 Innis yeroo cuupphaa Yohannisii jalqabee, hamma guyyaa gooftaan itti nu biraa ol fudhatametti, nu gidduu kan ture, nuu wajjin dhuga-baatuu du'aa ka'uu isaa ta'uun irra jira? jedhe*. 23 Achumaan namoonni lama maqaan isaanii dha'ame; isaanis Yoseef isa Baarsaabaas yookiis Yosxos jedhamee waamamu, akkasumas immoo Maatiyaas isa jedhamu turan. 24 Warri walitti qabaman sun, ?Gooftaa, garaa namoota hundumaa beektu, isaan kana lamaan keessaa isa fo'atte mul'isi*! 25 Hojiidhaaf ergaa Yihudaan irraa gara gale, gara iddoo isaaf ta'u dhaqe kana haa fudhatuuf? jedhanii kadhatan*. 26 Yommus isaan lamaaniif muka buufnaan, Maatiyaasiif ba'e; inni kana irratti ergamoota kudha tokkon sanatti dabalame*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia