Baibulo la pa intaneti

- Zotsatsa -

Fakkeenya 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Bu'aa Fakkeenyonni Kennan

1 Fakkeenyonni Solomoon ilma Daawit, mootii Israa'el kanatti aananii jiru*.

2 Isaanis namoonni ittiin ogummaa fi barsiisa akka argataniif, dubbii beekumsa of keessaa qabus akka hubataniif in gargaaru;

3 akkasumas qalbifachuudhaan, qajeelummaa fi wanta seeraan eegame, wanta dhugaa ta'es akka argataniif,

4 wallaalonni mala, ijoollonnis beekumsaa fi dubbii gargar baasu akka qabaataniif kennaman.

5 Namni ogeessi in dhaggeeffata, barumsas in dabalata, namni dubbii gargar baasuu beekus mala in argata.

6 Dubbii fakkeenyaan dubbatamu, haasaa sookaa, wanta ogeeyyiin dubbataniif hibboo in hubata.

7 Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, gowwoonni garuu ogummaa fi barsiisa in tuffatu*.


Dargaggeessaaf Gorsa Kennuu Isaa

8 Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaga'i, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin*.

9 Isaan mataa keetiif akka daraaraa battee dha'amee ti, morma keetiifis mi'a miidhaginaa ati dirattuu dha.

10 Yaa ilma ko, cubbamoonni yoo si wallaalchisuuf jedhan, tole hin jedhiniif*;

11 isaan,<<Nuu wajjin kottu, dhiiga namaa dhangalaasuudhaaf dhaqnee riphnee eegganna; nama balleessaa hin qabnes sababiidhuma tokko malee, miidhuudhaaf karaatti in eegganna;

12 akka iddoo lafa jalaatti, akka warra fayyaatti boolla gad fagoo keessa buufamaniittis guutummaatti isaan in liqimsina.

13 Nuyi wanta gati-jabeessa hundumaa in arganna, manneen keenyas wanta saamneen in guuttanna;

14 hirmaata keenya walitti in dabalanna, korojoon keenyas tokko haa ta'u!>> yoo siin jedhan,

15 yaa ilma ko, isaanii wajjin hin adeemin, karaa isaanii irras hin bu'in!

16 Miilli isaanii hamaatti in fiiga, isaan dhiiga dhangalaasuudhaaf in ariifatu.

17 Warra baalleedhaan ka'an qabuudhaaf, erga isaan arganii kiyyoo diriirsuun waa'ee hin baasu.

18 Namoonni kun riphanii eeggachuun isaanii, dhiiguma ofii isaanii dhangalaasuutti in geessa; kan biraa karaatti eeggachuun isaaniis jireenya ofii isaanii in balleessa.

19 Jireenyi nama bu'aa jal'inaa buufatuu kana in fakkaata; qabeenyi akkasiis lubbuu namichaa in balleessa.


Ogummaan Namoota Waamuu Ishee

20 Ogummaan bakkee keessaa guddiftee in iyyiti, walga'ii karaa keessaas sagalee ishee in dhageessifti;

21 mataa lafa namoonni itti wal ga'anii irraa, sagalee ishee ol fudhattee in iyyiti; karra kellaa mandaraatiis in dubbatti*.

22 Isheen,<<Isin wallaalota nana, hamma yoomiitti wallaalummaa jaallattu>> Isin ga'iftoota nana, hamma yoomiitti ga'isuutti gammaddu>> Isin warri gowwoonnis hamma yoomiitti beekumsa jibbitu>>

23 Gorsa koo dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani hafuura koo isiniif nan dhangalaasa, dubbii koos akka beektan nan godha;

24 ani isin waamnaan erga diddanii, harka koo bal'ifnaanis gara koo kan dhufu erga dhibee*,

25 isin gorsa koo hundumaa tuffattanii, iffata koos erga hin barbaannee,

26 ani immoo badiisa keessanitti nan kolfa, naasuun yommuu isin qabatus isinittan ga'isa*.

27 Naasuun akka bubbeetti yommuu isinitti dhufu, badiifni akka qilleensa jabaatti yommuu isinitti bubbisu, rakkinnii fi muddamni yommuu isin irra gara galu,

28 isin na waammattu, ani garuu deebii isiniif hin kennu; dhimmitaniis na barbaaddu, ana hin argattan*.

29 Isin beekumsa in jibbitan, sodaa Waaqayyoos hin fo'anne;

30 isin gorsa koo hin barbaanne, iffata koo hundumaas in tuffattan;

31 kanaaf isin ija hojii keessanii in nyaattu, wanta akeeka baafattaniinis in wichirooftu*.

32 Wallaalota karaa irraa goruutu ajjeesa, gowwootas <<Giddii hin qabu>> jechuutu balleessa.

33 Namni anaaf dhaga'u garuu nagaatti in jiraata, wanta hamaa hin sodaatu, hin bir'atus>> in jetti.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Titsatireni:



Zotsatsa