Baibulo la pa intaneti

- Zotsatsa -

1 Seenaa 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Dhaloota Addaamii Jalqabanii Hamma Abrahaamitti Lakkaa'aman
( Uma 5:1-32 ; 10:1-32 ; 11:10-26 )

1 Addaam, Sheetin dhalche; Sheet, Enoshin dhalche;

2 Enosh, Qayinaanin dhalche; Qayinaan, Mahalaleelin dhalche; Mahalaleel, Yaaredin dhalche;

3 Yaared, Henokin dhalche; Henok, Matusaalaa dhalche; Matusaalaan, Laamekin dhalche;

4 Laamek, Nohin dhalche; Nohi immoo Seemin, Kaamin, Yaafetin dhalche.

5 Ilmaan Yaafet,<<Gomer, Maagoog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshekii fi Tiiraas>> jedhamu.

6 Ilmaan Gomer,<<Ashkenaas, Riifaatii fi Togaarmaa>> jedhamu.

7 Ilmaan Yaawaan,<<Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Rodaaniim>> jedhamu.

8 Ilmaan Kaam,<<Kuush, Misraayim, Fuxii fi Kana'aan>> jedhamu.

9 Ilmaan Kuush,<<Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'imaa fi Sabtekaa>> jedhamu; ilmaan Ra'imaa,<<Sheebaa fi Dedaan>> jedhamu.

10 Kuush, Niimrodin dhalche; Niimrod kun biyya lafaa keessatti loltuu jabaa isa duraa ture.

11 Misraayim immoo Ludiimin, Anaamiimin, Lehabiimin, Naftuhiimin,

12 Fatrusiimin, Kasluhiimin isa warri Filiisxiyaa irraa argamanii fi Kaftoriimin dhalche.

13 Kana'aan, Sidoonin dhalche; inni ilma isaa isa angafa ture; itti aansee Heetin,

14 Yibusoon, Amooron, Girgaashon,

15 Hiiwon, Arqon, Siinon,

16 Arwaadon, Simaaroo fi Kamaaton dhalche.

17 Ilmaan Seem, Elaam, Ashuur, Arfaaksaad, Lud, Aaram; ilmaan Aaram immoo, Uz, Hul, Geterii fi Meshek.

18 Arfaaksaad, Shalaa dhalche; Shalaan immoo Ebeerin dhalche.

19 Ebeeriif ilmaan lama in dhalatan; bara inni tokko dhalate lafti waan hirmatameef maqaan isaa <<Feleg>> jedhame; [<<Feleg>> jechuun,<<Hiramuu>> jechuu dha;] maqaan obboleessa isaa immoo Yoqxaan ture.

20 Yoqxaan ilmaan in dhalche; isaanis, Almodaad, Sheleef, Hasarmaawet, Yaaraa,

21 Hadoraam, Uzaal, Diqilaa,

22 Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa,

23 Ofiir, Hawiilaa fi Yobaab turan; isaan kun hundinuu ilmaan Yoqxaan turan.

24 Dhaloonni Seemii hamma Abraamitti lakkaa'aman kanatti fufanii jiru; Seem, Arfaaksaad, Shalaa,

25 Ebeer, Feleg, Re'uu,

26 Seruug, Naahor, Taaraa,

27 Abraam, innis isa booddee<<Abrahaam>> jedhamee dha.


Ilmaan Ishmaa'el
( Uma 25:12-16 )

28 Ilmaan Abrahaam, Yisihaqii fi Ishmaa'el turan.

29 Hiddi dhaloota isaanii kanatti fufee kan jiruu dha; ilmi Ishmaa'el inni angafni Nabaayot, warri booddee immoo Qedaar, Adbii'el, Miibsaam,

30 Miishmaa, Dumaa, Maasaa, Hadaad, Temaa,

31 Yetuur, Nafiishii fi Qedimaa turan; isaan kun ilmaan Ishmaa'el.

32 Ilmaan Abrahaam warri Qexuuraa saajjatoo isaa irraa dhalataniif immoo Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishbaakii fi Shuwaa turan; ilmaan Yokshaan, Sheebaa fi Dedaan.

33 Ilmaan Miidiyaan, Efaa, Efer, Henok, Abiidaa fi Elda'aa turan; isaan kun ijoollee warra Qexuuraan hortee dha.


Ilmaan Esaawuu
( Uma 36:1-19 )

34 Abrahaam, Yisihaqin dhalche; ilmaan Yisihaq, Esaawuu fi Yaaqoob; Yaaqoob kun isa booddee<<Israa'el>> jedhamee ture.

35 Ilmaan Esaawuu immoo Eliifaaz, Reu'el, Ye'ush, Yaa'alamii fi Qoraahi turan.

36 Ilmaan Eliifaaz, Temaan, Omaar, Zafoo, Gaataam, Qenaz, Tiimnaa fi Amaaleq turan.

37 Ilmaan Reu'el, Naahaat, Zeraa, Shamaa fi Miizaa turan.


Jalqaba Namoota Warra Edoom Keessa Jiraatanii
( Uma 36:20-30 )

38 Ilmaan Se'iir, Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa, Diishon, Ezerii fi Diishaan turan.

39 Ilmaan Loxaan, Hoorii fi Hemaam turan; obboleettiin Loxaan immoo Tiimnaa turte.

40 Ilmaan Shobaal, Alwaa, Manahaat, Ebaal, Shefoo fi Onaam; ilmaan Zibe'on, Ayyaa fi Aannaa;

41 ilmi Aannaa, Diishon; ilmaan Diishon immoo Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan turan.

42 Ilmaan Ezer, Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan turan; ilmaan Diishaan, Uzii fi Aaraan.


Mootota Biyya Edoom
( Uma 36:31-43 )

43 Namni mootii ta'ee warra Israa'el irratti mo'u utuu hin argamin, mootonni biyya Edoom irratti mo'an kanatti fufanii in lakkaa'amu; Bel'aa ilma Be'or isa maqaan mandara isaatii Diinhaabaa ture.

44 Yeroo Bel'aan du'e, Yobaab ilma Zeraa nama biyya Bozraatu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.

45 Yeroo Yobaab du'e, Hushaam nama biyya Temaantu iddoo isaa bu'e.

46 Yeroo Hushaam du'e, Hadaad ilma Bedad isa biyya Mo'aabitti warra Miidiyaan harka jala galfatetu iddoo isaa bu'e; maqaan mandara isaa immoo <<Awiit>> jedhama.

47 Yeroo Hadaad du'e, Saamlaa nama biyya Masreqaatu iddoo isaa bu'e.

48 Yeroo Saamlaan du'e, Shaawul nama biyya Rehobot isa laga Efraaxiis biraatu iddoo isaa bu'e.

49 Yeroo Shaawul du'e, Ba'aal-Hanaan ilma Akbortu iddoo isaa bu'e.

50 Yeroo Ba'aal-Hanaan du'e, Hadaadtu iddoo isaa bu'e; maqaan mandara isaatii Phaayi, maqaan haadha manaa isaatiis Mahexaabi'el, isheen intala Maxired akkoo Mezahab turte.

51 Hadaadis in du'e; warri Edoomitti abboota gosaa ta'an warra kanatti aananii jiranii dha; isaanis Tiimnaa, Alwaa, Yetet,

52 Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon,

53 Qenaz, Temaan, Miibzaar,

54 Magdii'elii fi Iraam; isaan kun abboota gosa Edoom turan.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Titsatireni:



Zotsatsa