Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Wongeela Maatewos 4 - WAADAA LAMMATAA


Ataabamuu Yesuusii
( Mar. 1:12-13 ; Luq. 4:1-13 )

1 Achiin maayessa akka Yesuus daabiloosiin ataabamu, Ayyaanni Woyyuun gara gammooji'ii isa fide.

2 Inni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa haga soomeen maayessa hin beelaye.

3 Achiin maayessa ataabtichii gara isaa dhufee, «Ati Ilma Rabbii yoo taate, dhagaa kana xoroshoo akka ta'u ajaji» jedhe.

4 Innillee deebisee «Namni dubbii afaan Rabbiitii bayuun jiraata malee, xoroshoo calla'aan hin jiraatu» jedhamee barreeffameera jedheen.

5 Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin gara qachaa woyyitti'ii fidee, Ginnoo mana woyyuu gubbaa irra akka dhaabatu godhe.

6 Barreeffamin Woyyuun, lutti Kee dhaga'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ufiitiin si qaban, maleekkota ufii sii erga «Ati Ilma Rabbii yoo taate as irraa gad uf dhiisi» jedheen.

7 Yesuusillee deebisee, Barreeffamni Woyyuun, «Waaqa Gooftaa kee hin qorin jedhamee barreeffameera» jedheen.

8 Ammallee daabiloos gara gaara dheeraa tokko gubba'atti ol isa baasee, Mootoolee biyya lafaatii fi ulfinna isaanillee itti mudhiseeti,

9 «Yoo kuftee naa sagadde, kana maraa sii kenna» jedheen.

10 Hennaa san Yesuus, «Ati seexana, narraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi, isuma callaa kaddaami› jedhamee barreeffameera» jedheen.

11 Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin dhiisee deeme; maleekoonnillee dhufanii isa tajaajilan.


Yesuus Galiila'atti Hujii jalqabe
( Mar. 1:14-15 ; Luq. 4:14-15 )

12 Yesuus akka Yohaannis dabarfamee kenname hennaa dhagaye, gara Galiila'aa deebi'e.

13 Qachaa Naazireetii gadhiisee Zaabiloonii fi Niftaaleemiin keessaa gara biyya galaana biraa gara Qifirnaahoomii dhaqee achi taa'e.

14 Wonti Isaayyaas raattichi raage,

15 «Lafa Zaabilooniitii fi lafa Niftaalemii, karaa galaana Yordaanoosiitiin gama, Galiilaa lafa worra Yihuudota hin taaneetitti!

16 Baniin dukkana keessa jiraate, ifa guddaa arge; worra lafa du'aatii fi gaadidduu du'aa jala jiraataniif, ifni ife» jedhu akka raawwatamuuf kun ta'e.

17 Hennaa san irraa kaasee Yesuus, «Jeennanni sami'ii waan dhiyaatteertuuf, cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallabuu jalaqabe.


Yesuus Darasoota Arfan Waame
( Mar. 1:16-20 ; Luq. 5:1-11 )

18 Qarqara galaana Galiila'aatiin uduu lufa'aaru obboleeyyan lamaan, Simoonii ka Pheexroos jedhamee fi Indiriyaas obboleessi Simoonii hennaa isaan siiboo gara galaanaa darban arge; Isaan worra qurxummii qaban.

19 Yesuus isaaniin, «Na faana koottaa'a! Ani worra namoota qabdan isin taasisaa» jedheen.

20 Yomasan siiboo ufii dhiisanii isa faana deeman.

21 Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannisiin, ilmaan Zabdewoosii arge. Isaan yabala ufii keessatti abbaa ufii Zabdewoosiin woliin Siiboo uduu midhaaffatan argee, isaan waame;

22 Isaannillee yoosuu yabalaa fi abbaa ufiillee dhiisanii isa faanaa deeman.


Yesuus Dhukkubsatoota Fayyise
( Luq. 6:17-19 )

23 Yesuusillee manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa deddeeme.

24 Gurri isaallee biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii, dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan. Yesuusillee isaan fayyise.

25 Achiin maayessa gumiin hedduun Galiila'aa, qachaa qachoota kudhanii jedhamuu keessaa, Yeruusaalemii, Yihuuda'aa fi Yoordaanosiin gamaallee baniin hedduu isa faanaa deeman.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ