Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Wongeela Maatewos 3 - WAADAA LAMMATAA


Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa
( Mar. 1:1-8 ; Luq. 3:1-18 ; Yoh. 1:19-28 )

1-2 Bara san Yohaannisiin cuuphaan lafa gammoojjii biyya Yihuuda'aa keessatti, «Jeennanni sami'ii dhiyaatteerti cubbuu irraa deebi'aa!» jedhee lallaba'aa dhufe.

3 Raatticha Isaayyaasiin, «Namni tokko lafa gammoojjii keessaa iyya'aa, ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa'a›; daandii inni irra deemu qajeelchaa'a!» Hennaa jedhu inni waan Yohaannisii dubbate.

4 Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa hojjatame; inni mudhii ufii teephaan hidhata; Nyaanni isaallee awwaannisaa fi damma gammoojjii keessaati.

5 Hennaa san Yeruusaaleemii, Yihuuda'aa fi biyya cinaa laga Yoordaanosii maraa irraa baniin gara isaa dhufan.

6 Cubbuu ufiillee himata'aa laga Yoordaanoosii keessatti harka Yohaannisiititti cuuphaman.

7 Yohaannis Fariisotaa fi Saduuqonni hedduu cuphamu'uuf gara isaa hennaa dhufan argee, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Rabbii ta isinitti dhufa'aartu jalaa baqattan eentu isinitti hime?

8 Eegasuu cubbuu irraa deebi'uu keessan waan mudhisu hojjadhaa'a.

9 Abbaan keenna Abrahaam jechuun waan isin baasu hin seeyinaa'a. Rabbi dhakaa kanniin fuudhee, Abrahaamiif ilmaan akka ta'an godhuu akka danda'u ani isinitti hima.

10 Amma dhagaraan mukkiin hiddatti muru'uuf qophaayeera; munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee, ibiddatti gatama.

11 Akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf ani bisaaniin isin cuupha, ka na maayessa dhufa'aaru ammoo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu harkaan qabu'uuf nama male miti.

12 Inni Manshii harkaa qaba. Oyiddillee sirritti qulqulleessa. Qamadii gootara'atti galcha. Buraa ammoo ibidda bobayee hin dhaamne keessatti guba».


Cuuphamuu Yesuusii
( Mar. 1:9-11 ; Luq. 3:21-22 )

13 Yesuus hennaa san Yohaannisiin cuuphaan akka isa cuuphuuf gara laga Yordanoosii dhufe.

14 Yohaannis ammoo, «Natu siin cuuphama malee, situ naan cuuphamaa?» jedhaa'a ufirraa isa dhoogga'aa ture.

15 Yesuus ammoo deebisee, «Akkanaan qajeellummaa maraa raawwachuu nu barbaachisa, amma na hoffolchi» jedheen. Yohaannisillee hin hoffolcheen.

16 Yesuus cuuphamee bisaan keessaa akkuma bayeen, Yoosuu samiin banamee Ayyaanni Rabbii akka handari'ii hennaa isa irratti bu'u arge.

17 Laagaan samii irraa, «Kun Ilma kiyya jaalatamaa Ani itti gammadu» jedhe.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ