Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Wongeela Maatewos 2 - WAADAA LAMMATAA


Dhufa Ogeeyyii Urjii Qoranii

1 Bara Heroodis mootii ta'eeru, qachaa Beetelihem Yihuuda'aa keessatti Yesuus dhalate. Achiin maayii ogeeyyiin Urjii qoran karaa baya adu'uutii gara Yeruusaalemii dhufan.

2 «Mootiin Yihuudotaa ka dhalate, eessa jira? nu urjii isaa karaa aduun baatutti arginee, isaa sagadu'uuf dhufneerra» jedhanii iyyaafatan.

3 Mootiin Heroodisillee kana dhagayee naye.

4 Inni bulchoota gadootaatii fi barsiisoota Seera Muuse'ee wolitti qabee, «Kiristoos eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.

5 Isaan akkana jedhaniin «Biyya Yihuuda'aa qachaa Beeteliheemiititti dhalata; kun dubbii raagaan,

6 ‹Ati Beeteliheemii Yihuudaa keessaa! qachoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa keessaa ati horoma hin diqqaattu; Sababaanillee ka banii kiyya Isiraa'eliin bulchu, Bulchaan si keessatti dhalata› jedhamee barreeffameera» jedhaniin.

7 Heroodiis ogeeyyii dhossa'aan waamee, bara urjiin mudhatte isaan irraa sirri'itti qulqulleefatee hubate.

8 «Dhaqa'aatii, waan daa'imaa midhaassa'aa qoradha'aa; hennaa isa argitan, anillee dhaqee akka isaa sagadu natti himaa'a» jedhee, gara Beeteliheemii isaan erge.

9 Isaan waan Mootiin isaaniin jedhe dhagayanii, ka'anii bayanii deeman; Baya biftu'uutitti urjiin isaan argan sun, haga hulee daa'imni jiruu san irra dhaabattutti afoo isaanii deemte.

10 Isaanillee urjiin akka dhaabatte hennaa argan guddisanii gammadan.

11 Mana seenanii, daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin arganii, gad kufanii isaa sagadan. Achiin maayii Saanduqa ufii bananii, kennaa worqi'ii, Hiixana fi qumbii isaa kennan.

12 Achiin maayessa isaan gara Heroodisii akka hin deebine, Rabbi eebju'uun waan isaan uf eeggachiiseef, karaa biraatiin gara biyya ufii deebi'an.


Gara Biyya Misirii Baqatan

13 Haga ogeeyyiin sun gara biyya ufii deebi'an, ergamaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee, «Heroodis daa'ima ajjeesuu waan barbaaduuf, ka'iitii, daa'imaa fi haadha isaa qabadhuutii gara Misirii baqadhu; haga ani sitti himutti achuma taa'i» jedheen.

14 Yooseefillee halkanniin ka'ee haadha fi daa'imallee qabatee, gara biyya Misirii deeme.

15 Haga Heroodis du'utti achuma taa'e; Gooftaan afaan raagaatiin, «Ani biyya Misiriitii ilma kiyya waame» jedhee dubbate suni akka raawwatamuuf kun ta'e.


Heroodis Daa'imman Ficcisiise

16 Worri urjii qoru akka isa soban hennaa hubate, Heroodis guddisee aare. Hennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qoran irraa akka gaafatee hubatetti, daa'imman Beetelihem keessaatii fi naannoo san maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadi ta'an loltoota ufii ergee ajjeesisiise.

17 Akka kanaan wonti raattichi Ermiyaas jedhe raawwatame.

18 Wonti inni raagallee, «Laagaan Raama'atti dhagayame, laagaa wocaa fi booyaa ti. Raahel ijoollee ufiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu dadhabde» jedha.


Biyya Misiriitii Gara Naazireetii Deebi'an

19 Haga Heroodis du'een maayessa, Maleekaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhate.

20 «Worri lubbuu daa'imaa soqan waan du'aniiraniif, ka'ii, daa'imaa fi haadhallee qabadhuutii gara biyya Israa'elii dhaqi!» jedheen.

21 Innillee ka'ee daa'imaa fi haadha qabatee, gara biyya Isira'eelii gale.

22 Arkelawoos bakka abbaa isaa Heroodisii akka mooye hennaa dhagaye, garas deemuu waan sodaateef, eebju'uun ka gara biyya Galiila'aa deemu argee, gara biyya Galiila'aa deeme.

23 Raattotaan waan Yesuusii, «Inni ‹Naazireeticha› jedhama» jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, gara qachaa Naazireeti jedhamtuu dhaqee achi taa'e.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ