Wongeela Luqaas 9 - WAADAA LAMMATAAYesuus Ergamoota Kudha Lamaa Erge ( Mar. 10:5-15 ; Mar. 6:7-13 ) 1 Yesuus ergamtoota ufii kudha lamaanuu wolitti waamee, jinniiwwan maraa akka baasan, dhibeellee akka fayyisan hunnaa fi baallii isaanii kenne. 2 Jeennata Rabbii akka lallabaniif dhukkubsattoota akka fayyisan akkana jedhee isaan erge. 3 Ulee, korojoo, buddeenaaf birriillee yoo ta'e hennaa imala deemtan womaa harkatti hin qabatinaa'a. Ka uffattan sanii achi ka biraa harkatti hin qabatinaa'a. 4 Mana keessummummaa dhaxxan san haga gaafa achii baataniif achuma taa'aa'a. 5 Eennullee yoo isin simachuu dhabaate, qachaa san keessaa hennaa baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii hargufadhaa'a. 6 Isaanillee achii bayanii Oduu Nagayaa lallaba'aa bakka maratti fayyisa'aa, qachaa maraa keessa deema'aa turan. 7 Bulchaan kutaa arfaffa'aa Heroodis, waan ta'e san maraa dhagayee, Innillee, namoonni gari gariin Yohaannisii cuupha'atu worra du'an keessaa ka'eera. 8 Kuuwwan ammoo Eeliyaasitu mudhate, kuuwwanillee Raattota duraa keessaa tokko ka'eera jedha'aa waan turaniif mame. 9 Heroodisillee, Yohaannis ka ani morma isaa mursiise. Namni ani amma waan isaa dhagayu kun eennu? jedhee isa kana argu'uuf barbaada'aa ture. 10 Ergamtoonnillee deebi'anii waan hojjatan maraa isatti himan. Innillee isaan qabatee qachaa Beetasayidaa jedhamtu bira hojjuma isaa gara lafa udume'ee dhaqe. 11 Gumiinillee akka inni Yesuusiin ta'e beekanii isa faanaa deeman. Innillee isaan simatee waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ture. Worra fayyuun isaan barbaachisullee hin fayyise. 12 Hennaa lafti dhiitetti darasoonni kudha lamaa isati dhiyaatanii, «Nu lafa udume'ee keessa waan jirruuf, gara naannoo ganda baadiyaa jiranii deemanii akka bulanii fi waan nyaatanillee akka argatan banii kana geggessi» jedhaniin. 13 Inni ammoo, «Isinuu waan nyaatan kenna'aaf» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Deemnee gumii kana maraafuu yoo waan nyaatan binne malee, xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa callaa qabna» jedhaniin. 14 Gumiin haga namoota kuma shanii waan turaniif, darasootaan, «Kuta kuta'aan shantama shantama godha'aa gumii teessisaa'a» isaaniin jedhe. 15 Isaanillee akkuma inni godhaa jedhe maraa teessisan. 16 Innillee xoroshoo shanii fi qurxumii lamaanuu fuudhee gara sami'ii ol laalee, eebbisee, caccabsee gumi'iif akka kennan darasoota ufiititti kenne. 17 Marti isaaniituu nyaatanii quufanii hambaa isaan irraa hafe xoroshoo gindoo kudha lamaa guutuu isaan jalaa fuudhan. Pheexroos Eennummaa Yesuusii Hime ( Mat. 16:13-19 ; Mar. 8:27-29 ) 18 Yesuus hojja ufii uduu faateffata'aaru, darasoota isa woliin turaniin, «Namoonni eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate. 19 Isaanillee deebisanii, «Gariin Yohaannisii cuupha'a siin jedhan; gariin Eeliyaas siin jedhan; kuuwwan raattota durii keessaa tokkotu du'aa ka'eera siin jedhan» jedhaniin. 20 Yesuus, «Isin hoo eennu naan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoosii Rabbiiti» jedheen. Yesuus Du'aa Fi Du'aa Ka'uu Ufii Dursee Hime 21-22 Yesuus ammoo, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota seeraatiin tuffatamee guddisee rakkata, hin ajjeefama, guyyaa sadaffa'aatitti hin ka'a» jedhe. Waan kana ammoo eennuttillee akka hin himne jabeessee isaan seere. 23 Inni isaan maraanuu akkana jedhe, «Namni na faanaa dhufuu barbaadu yoo jiraate, ufirraa haa bayuu. Guyya guyya'aan fannoo ufii baadhatee na faana haa deemuu. 24 Namni lubbuu ufii fayyisuu fedhu maruu hin balleeffata. Namni naaf jedhee lubbuu ufii kennu maruu hin hanbifata. 25 Namni waan adunyaa tanaa maraa argatee, lubbuu ufii yoo balleeffate yookiin dhabe faayidaa maal argata? 26 Namni anaaf dubbii kiyyatti saalfatu maruu ilmi namaa ulfinna isaatiin, ulfinna Aabba'aatii fi ulfinna maleekkota woyyootaa woliin hennaa dhufu isatti saalfata. 27 Ani dhugamaan isiniin jedha, namoota as dhaabata'aaran kanniin keessaa uduu hin duune worri jeennata Rabbii argatan jiran» isaaniin jedhe. Jijjiiramuu Bifa Yesuusii ( Mat. 17:1-8 ; Mar. 9:2-8 ) 28 Yesuus haga dubbii kana dubbateen maayessa guyyaa saddeetii tureet Pheexroosiin, Yohaannisiif, Yaaqoobiin qabatee faateeffachu'uuf gara gaaraa baye. 29 Uduu inni faateffata'aaru bifti fuula isaa jijjiirame uffanni isaallee calalaqee adii ta'e. 30 Hennaa san namoonni lamaan, Muuseef Eeliyaas isa woliin dubbata'aa turan. 31 Ulfinnaan mudhatanii, waan du'uu Isaatii fi waan Yeruusaalemitti Isa irratti ta'u dubbata'aa turan. 32 Haata'uu ammoo Pheexroosiif worri isa woliin turan hirribni waan isaan qabeef rafa'aa turan. Hennaa dammaqan ammoo ulfinna Yesuusiitiif namoota lamaan isaan woliin dhaabata'aa turan sanniin argan. 33 Akkuma namoonni sun isa biraa deemaniin, Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! Asitti argamuun keenna waan misha'a; daasee sadihii, tokko siif, tokko Muuse'eef, tokko ammoo Eeliyaasiif haa ijaarruu» isaan jedhe; Inni ammoo woma dubbata'aaruu hin beeku ture. 34 Uduu inni kana dubbata'aaru duumessi dhufee isaan golge. Haga duumessi isaan golge hin sodaatan. 35 Duumessa keessaa, «Kun Ilma kiyya, ka Ani filadhe; isa dhagayaa'a!» laagaan jedhu dhagayame. 36 Haga laagaan sun dhagayameen maayessa, Yesuus hojjuma ufii achitti argame. Isaan hin cadhisan. Hennaa san isaan waan argan eennuttillee hin himne. Yesuus Mucaa Ayyaana Batti'iin Qabame Fayyise ( Mat. 17:14-18 ; Mar. 9:14-27 ) 37 Haga lafti bariite gaara gubba'aa hennaa bu'an, banii heddutu isaan wol arge. 38 Banii san keessaa namichi tokko laagaa ufii ol qabatee, «Barsiisaa'a! Ilmi kiyya tokkichi qabu hafuura hama'aan waan qabameeruuf akka naa laaltu si kadhadha jedheen. 39 Jinniin homacheessa'aa, kuffisa'aa, gangalcha'aa, hollachiisa'aa rakkisaan. 40 Darasoota teellee akka isa keessaa baasan kadhadhee ture, isaan ammoo keessaa baasuu hin dandeenne» jedhe. 41 Yesuusillee deebisee, «Isin worra hin amanne dhaloota dabaa, haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? Namichaan mee Ilma kee as fidi» jedheen. 42 Hennaa itti dhiyaate jinniin kuffisee dhidhiitachiise. Yesuus ammoo ayyaana hamaa teedeffatee, mucaa fayyisee abba'atti deebisee kenne. 43 Isaan maruu guddinna hunna Rabbii maalalan. Isaan maruu waan Yesuus godhe uduu baaseffatan, 44 Darasootaan, «Ilmi Namaa harka namaatitti dabarfamee waan kennamuuf isin kana gurra keessanitti qabadhaa'a» isaaniin jedhe. 45 Isaan ammoo waan kana hin hubanne. Hiikkaan isaan jalaa waan dhokateeruuf hubachuu hin dandeenne; Kanaaf isaan waan kana gaafachuu sodaatan. Eentu Caala? ( Mat. 18:1-5 ; Mar. 9:33-37 ) 46 Isaan keessaa eentu eennuun akka caalu beeku'uuf jedhanii mormiin isaan jiddu'utti ka'e. 47 Yesuus yaada garaa isaanii beekee, daa'ima tokko fuudhee qabee uf bira dhaabsisee, 48 «Eennullee ka daa'ima kana maqaa kiyyaan simatu na simata. Ka na simatu maruu ka na erge simata. Ka isin maraa irraa gadi aanu inni sun maraa caala» isaaniin jedhe. Ka Isiniin Hin Mormine Gara Keessan ( Mar. 9:38-40 ) 49 Yohaannis deebisee, «Barsiisaa'a, namichi tokko maqaa keetiin uduu jinnii baasu arginee, waan inni keenna hin taaneef, dhooggineen» jedheen. 50 Yesuus ammoo, «Ka isiniin hin mormine isin woliin waan ta'eef, isa hin dhoogginaa'a» isaaniin jedhe. Ganda Samaariya'aa Keessatti Yesuusiin Simatuu Didan 51 Hennaan inni gara sami'ii ol fudhatamu waan dhiyaateef, gara Yeruusaaleemii deemu'uuf kutatee ka'e. 52 Gara qachaa Samaariya'aa dhaqanii, waan maraa akka isaa qopheessaniif worra dhaamsa geessan erge. 53 Namoonni naannoo sanii ammoo akka inni gara Yeruusaalemii deema'aaru waan beekaniif, isa simachuu didan. 54 Darasoonni isaa Yaaqoobii fi Yohaannis waan kana hennaa argan, «Gooftaa'a, akkuma Eeliyaas godhe ibiddi sami'ii bu'ee akka isaan balleessu akka ajanyu maarre nuu jettaa?» jedhaniin. 55 Inni ammoo isaanitti garagalee isaan teedeffatee, «Isin Ayyaanni attamii akka isin irra jiru hin beettan; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisu'uuf malee, balleessu'uuf hin dhufne» jedhe. 56 Achiin maayessa isaan achii ka'anii gara qachaa biraa deeman. Jarri Sadiin Takka Yesuusiin Faana Deemuu Barbaadan ( Mar. 8:19-22 ) 57 Isaanillee karaa irra uduu deeman namichi tokko Yesuusiin, «Gara ati deemtu maraa si faana deema» jedhe. 58 Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla, Simbirti samii irra barartullee maandhee qabdi; Ilmi Namaa ammoo hulee mataa ufii itti irkifatuu hin qabu» jedheen. 59 Nama biraatiinillee, «Na faana koottu» jedhe. Namni sun ammoo, «Gooftaa'a, duraan dursee abbaa kiyya akka awwaalu na hoffolchi» jedhe. 60 Yesuus deebisee, «Du'aan du'aa ufii haa awwaaluu; ati ammoo deemii waan jeennata Rabbii lallabi» jedheen. 61 Akkasuma namni biraallee, «Gooftaa kiyya, ani si faana deema; haata'uu ammoo duraan dursee worra kiyyatti akka nagaya dhaamadhu na hoffolchi» jedhe. 62 Yesuus ammoo, «Eennullee dongoraa harkisa'aa harkatti qabatee ka uf duuba laalu jeennata Rabbiitiif hin malu» jedheen. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia