Wongeela Luqaas 7 - WAADAA LAMMATAAYesuus Hojjataa Ajajaa Dhibbaa Fayyise ( Mat. 8:5-13 ) 1 Inni dubbii kana maraa bani'itti himee haga fixeen maayessa gara Qifirnaahoomii deeme. 2 Ajajaan loltoota dhibbaa tokko gara isaa dhufee, hojjataan ani jaaladhu tokko dhukkubsatee du'uu gayeera. 3 Inni hennaa waan Yesuusii dhagaye, manguddoota Yihuudii gara isaa ergee, akka inni dhufee hojjataa isaa isaaf fayyisu kadhateen. 4 Isaanillee gara Yesuusii dhufanii, «Inni banii keenna hin jaalata, Mana Sagadaallee nuu ijaareera, 5 kanaafuu, Namni kun gargaarsa sirraa argatuu barbaachisa» jedhanii jabeessanii kadhataniin. 6 Yesuusillee isaan woliin deeme. Hennaa gara mana isaa dhiyaate ajajaan dhibbaa loltoota jaalalloo ufii gara isa ergee akkana jedheen, «Gooftaa'a, ati mana kiyya seenuun waan siin hin malleef hin dadhabiin. 7 Kanaafuu ani gara kee dhufuun naaf hin malu. Haata'uu ammoo afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya jedhe. 8 Ani nama worra baallii qabu jalatti bulu. Anillee loltoota uf jalatti bulchu qaba. Isaan keessaa tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innillee hin deema; ka biraatiinillee ‹Koottu› yoo jedhe, innillee hin dhufa; hojjataa kiyyaan ‹Waan kana huji› yoo jedheen hin huja» 9 Yesuusillee kana dhagayee maalalfatee gara banii isa faanaa deemaaruutitti garagalee, «Ani isinitti hima, amantii guddaa akkasii Israa'eliin keessattuu sirimaa hin argine» isaaniin jedhe. 10 Worri ergamanillee hennaa gara manaa deebi'an hojjataa san ka fayyeeru argan. Yesuus Ilma haadha Hiyyeessa Tokko Du'aa Kaase 11 Bariisaallee achii ka'anii gara qachaa Naayin jedhamtuu takka dhaqe; darasoonni isaatii fi gumiin hedduunillee isa woliin deeman. 12 Hennaa gara balbala qachaa sanii dhiyaate, jarri tokko nama du'e baadhatanii gad baasan. Ka du'e sun haadha ufiitiif tokkicha ture. Isiin ta abbaa manaa hin qabne turte; baniin qachaa saniillee heddutu woliin ture. 13 Gooftaan hennaa isii arge, gaddeefii «Hin booyin» jedheen. 14 Gara wosaasa'aa dhiyaatee, wasaasaa tuqe. Jarri reeffa baadhatan sunniinillee hin dhaabatan. Innillee akkana jedhe; «Dargaggeessa nana! Ani si'iin jedhaa ka'i!» jedhe. 15 Dargaggeessi du'e sunillee ol jedhee taa'ee dubbachuu jalqabe. Achiin maayessa Yesuus deebisee Haadhatti kenne. 16 Maruu sodaatanii, edduu keennatti raanni guddaan ka'eera. Rabbillee banii ufii tooyateera jedha'aa Rabbiin galatoonfatan. 17 Gurri isaa Yihuuda'aa fi biyya naannoo isi'ii jirtu marattuu dhagayame. 18 Darasoonni isaa kanniin maraa Yohaannisitti himan. Yohaannisillee barattoota keessaa lamaan gara ufii waamee, 19 «Ka dhufu'uuf ta'u si'i moo ka biraa haa eennuu?» jedhee gara Yesuusii erge. 20 Namoonnillee gara isaa dhufanii, «Yohaannis cuuphaan, ‹Ka dhufu'uuf ta'u si'i moo yookiin ka biraa eenna?› jedhee gara kee nu ergeera» jedhaniin. 21 Hennama sanitti dhukkubaa fi rakkinna dhukkubaatiin ayyaana hamaa irraallee heddu isaanii fayyise; ballaa hedduullee ija bane. 22 Yesuusillee deebisee, «Deema'aatii, waan argitanii fi waan dhageettan Yohaannisitti himaa'a! Ballaan hin arga, worri hokkolu hin deema, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabame hin fayya, worri gurraan hin dhageenne hin dhagayan, worri du'ellee hin ka'a, Oduun Nagayaa hiyyeeyyi'iif hin lallabama. 23 Namni na mamee hin gufanne ka eebbifame!» isaaniin jedhe. 24 Ergamtoonni Yohaannisii haga deemaniin maayessa, bani'itti waan Yohaannisii akkana jedhee dubbachuu jalqabe, maal laalu'uuf gara lafa udume'ee dhaxxani? Ooyyaa leemmanii ka qilleenssi sochoosuu? 25 moo maal laaluuf baatan? nama uffata haphii uffatuu? worri uffata bareedaa uffatanii fi qanani'oonni mana moototaa jiran. 26 Maal laalu'uuf baatan raagaa? ee ka raaga caalutu asi jira isiniin jedha. 27 Karaa kee si afo'otti ka haxayu ergamaa kiyya afoo keetitti hin erga jedhamee ka barreeffameef isa kana. 28 Ani akkana isiniin jedha worra dubartoota irraa dhalatan keessaa ka Yohaannis cuuphaa caalu eennullee hin jiru. Jeennata Rabbii keessatti ammo ka maraa irra diqqa'aatitu isa caala. 29 Baniin dhagaye maruu worri qaraxa guuranillee uduu hin hafin cuuphaa Yohaannisiitiin cuuphamanii Rabbiin ajaa'ibsiifatan. 30 Fariisoninii fi barsiisonni Seera Muuse'ee ammoo isaan waan hin cuuphamneef seera Rabbii fudhachuu didan. 31 «Eegasuu namoota dhaloota bara kanaa maali'iin wol haa fakkeessu ree? Isaan eennuun fakkaatanii? 32 Isaan ijoollee gabayaa keessa taa'an fakkaatan. Isaan wol waama'aa, ‹Xurumbaa isinii afuufnee, isin ammoo hin sirbine. Faaruu booyaa isinii faarsinee, isin ammoo hin boonne› jedhan. 33 Yohaannis cuuphaan hennaa dhufe, xoroshoo hin nyaatu. Daadhii woyini'iillee hin dhugu. Isin ammoo, ‹Inni jinnii uf keessaa qaba› jettan. 34 Ilmi Namaa ammoo hennaa dhufe, nyaata'aa dhuga'aa waan dhufeef, isin ammoo, ila! Inni worra nyaatu, machooftuu, qaraxxu'uu fi cubbamoota jaalata jettaniin. 35 Ogummaan, worra isii fudhate maraa hin qajeelchiti. 36 Fariisota keessaa namichi tokko isa woliin akka hurbaata nyaatu kadhateen Yesuusillee mana Fariisicha sanii seenee nyaachu'uuf taa'e. 37 Qachaa sanitti dubartiin cubbamtuun takka akka inni mana Fariisicha sanii dhaqee taa'e haga beette bililee urgoo Albaalxiroosiitiin guuttame fidee, 38 Duuba isaatiin luka isaa bira dhaabattee booya'aa imimmaaniin luka isaatitti jissitee rifeensa ufiitiin haqa'aa luka isaa dhungata'aa urgoo dibaa turte. 39 Fariisichi isa hurbaataa nyaachisu'uuf waamellee argeet namichi kun uduu raaga ta'ee ta luka isaa qaqqabdu tun maal akka taate attamitti akka turtellee hin beeka ture. Isiin cubbamtu'u jedhee garaa ufiititti yaade. 40 Yesuusillee deebisee, «Simoon waan sitti himu qaba» jedheen. Innillee, «Barsiisaa kiyya, natti himi» jedheen. 41 Yesuusillee akkana jedheen, «Namoonni lamaa nama birrii liqeessu tokko irraa birrii liqeeffatan. Tokko birrii dhibba shanii liqeeffate kuun ammoo birrii shantamaa liqeeffate. 42 Jarri lachuu waan kaffalan waan dhabaniif lamaaniifuu dhiise. Eegasuu isaan keessaa kamiin irra caalaa jaalata»? 43 Simoonillee deebisee, «Ka liqaan guddaan dhiifameef sani natti fakkaata» jedheen. Innillee deebisee, «Dhugama dubbate» jedheen. 44 Gara dubartitti'ii gara galee Simooniin akkana jedhe, «Dubartii tana argitaa? Urga ani gara mana keetii seenee ati bisaanuma lukaatuu naa hin kennine, isiin ammoo imimmaan ufii luka kiyyatti jisa'aa rifeensa mataa ufiitiin gossite. 45 Ati na hin dhunganne, isiin ammoo urga ani mana seenee jalqabdee luka kiyya dhungachuu hin dhiifne. 46 Ati mataa kiyya dhadhaa na hin ibsine, isiin ammoo urgoo gatii gudda'aan bitamu luka kiyya ibsite. 47 Kanaaf akkana isiniin jedha guddiftee waan jaalala guddaa mudhifteef cubbuun hedduu isi'ii dhiifameera. Ka jaalala diqqoo qabuuf waan diqqatu dhiifamaaf. 48 Isi'iinillee «Cubbuun kee sii dhiifameera» jedhe. 49 Worri isaan woliin hurbaata nyaata'aa jiran garaa isaanii keessatti, «Kun ka cubbuu namaa dhiisu eennu? Woliin jedhan. 50 Yesuusillee dubartii saniin amantiin kee si fayyiseeraa, nagayaan gali» isi'iin jedhe. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia