Wongeela Luqaas 4 - WAADAA LAMMATAAAtaabamuu Yesuusii ( Mat. 4:1-11 ; Mar. 1:12 , 13 ) 1 Yesuus Ayyaana Woyyu'uun guutamee laga Yordaanosiitii hennaa deebi'e, Ayyaanaan gara lafa udume'ee geeffame, 2 Achitti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtamaa daabiloosiin ataabame, guyyoota sanniin waan womaa hin nyaanneef, kadhaa haga fixeen maayii hin beelaye. 3 Daabiloos, «Ati Ilma Rabbii yoo taate, dhagaa kana akka xoroshoo ta'u ajaji» jedheen. 4 Yesuus, « ‹Namni dubbii Rabbiitiin jiraata malee, xoroshoo calla'aan hin jiraatu› jedhamee barreeffameera» jedhee deebiseef. 5 Daabiloosillee gara gaara tokkoo ol isa baasee haga limsuu ijaatitti mootota adunyaa tanaa maraa itti mudhise. 6 Daabiloosillee, «Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maruu waan naa kennameeruuf, ani ka jaaladheef kennuu hin danda'a. 7 Kanaafuu ati yoo naa sagadde, wonti kun maruu kee ta'a» jedheen. 8 Yesuus deebisee, «Waaqa Gooftaa keetiif sagadi, Isuma callaa kaddaami! jedhamee barreeffameera» jedheen. 9-11 Akkasuma gara Yerusaalemii fideenii fiixxee ginnoo mana woyyu'uu irra ol isa baasee, «Ati yoo Ilma Rabbii taate, asii gad uf darbi» jedheen. ‹Rabbi akka si eeganiif maleekkota ufii sii ajaja. Akka lutti tee horoma dhaga'aan hin gufanne harka ufiitiin ol si qaban› jedhamee waan barreeffameeruuf, ati Ilma Rabbii yoo taate, asi irraa gadi uf darbi» jedheen. 12 Yesuusillee deebisee, « ‹Waaqa Gooftaa kee hin qorin› jedhamee barreeffameera» jedheen. 13 Daabiloosillee ataabee ufii maraa haga fixeen maayessa haga henna'aatiif isa biraa deeme. 14 Yesuusillee hunna Ayyaana Woyyu'uutiin gara Galiila'aa deebi'ee, gurri isaallee biyya naannoo jirtu marattuu dhagayame. 15 Innillee mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisaa ture, namni maruu isa jaje. 16 Innillee gara biyya itti guddatee gara Naazireetii dhaqee, akkuma aada'aatitti guyyaa Sambataa mana sagada Yihuudotaa seenee kitaaba dubbisu'uuf ka'ee dhaabate. 17 Isaanillee Kitaaba raatticha Isaayyaasii itti kennan. Innillee maraa kitaabaa badhisee, 18 «Ayyaanni Goofta'aa ana irra jira. worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammachu'uu akka himuuf na muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lallabuuf, worra ballaa akka argan haa godhuuf, worra miidhame akka wolaba baasuuf, 19 Bara Gooftaan banii ufii fayyisullee akka labsuuf na ergeera» dubbiin jedhu hulee itti barreeffameeru arge. 20 Innillee Kitaaba san maree, tajaajila'atti deebisee kennee taa'e, worri mana sagada Yihuudotaa san keessa turan maruu xiinxallanii isa laala'aa turan. 21 Achiin maayessa Yesuus, «Akkuma hennaa dubbifamu dhageettan, Barreeffamni Woyyichi kun adha raawwatame» isaaniin jedhe. 22 Maruu isaa ragaa baya'aa turan. Kennaa dubbi'ii Ayyaana qabeessa ka afaan isaatii bayu maalalanii, kun ilma Yooseefiitii mitii? jedhan. 23 Yesuusillee, «Akka isin ati abbaan qorichaa uf fayyisi, Qifiranaahomittillee waa hojjachuu kee akkuma dhageenne san asi biyya kee keessattillee hojjadhu jettanii akka natti mammaattan ani shakkii hin qabu» isaaniin jedhe. 24 Lammaffaallee, «Ani dhugamaan isinitti hima, raattichi kamuu biyya ufiititti fudhatama hin qabu. 25 Ani dhugamaan isiniin jedha, bara Eeliyaasii raattichaatitti woggaa sadihii fi ji'a jahaa roobni caamee, beelli jabaan biyya maraa irratti hennaa bu'e, Biyya Isiraa'elii keessatti haati hiyyeeyyi'ii heddutu ture. 26 Haata'uu ammoo Eeliyaasi gara Saraphta'aa biyya Siidonaa keessa jirtuutii gara hiyyeettii takkaa deeme malee, gara taawwanii hin ergamne. 27 Bara raatticha Elsaa'ii namni dhukkuba gogaa kukkutuun qabame heddutu biyya Israa'el keessa jira; garuu Niimaanii biyya Sooriya'aa tokkicha san malee, worra kaawwan keessaa namni tokkolle hin fayyine» jedhe. 28 Namoonni mana sagada Yihuudotaa keessa jiran maruu hennaa kana dhagayan akka malee aaran. 29 Isaanillee gaara irraa isa darbu'uuf gara gaara qachaan sun irratti hojjatamtee qachaa keessaa isa baasanii gara ededaa isa fidan. 30 Inni ammoo isaan jidduu lufee deeme. 31 Achiin maayii qachaa Qifirnaahoomii gara Galiila'aa bu'ee guyyaa Sambata diqqa'aa isaan barsiisa'aa ture. 32 Inni baalli'iin barsiisa'aa waan tureef dubbii barumsa isaa maalalan. 33 Mana sagada Yihuudotaatitti namicha jinni'iin dhayame tokkotu ture. Inni laagaa gudda'aan, 34 «Laki! Yesuusii nama Naazireetii hajaa maal nurraa qabda? Nu balleessu'uuf dhuftee? Ati eennuun akka taate si beeka! Ati Woyyicha Rabbii ti» jedhee iyye. 35 Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! isa keessaa bayi!» jedhee isa teedeffate. Seexannillee isaan jiddutti isa kuffisee uduu namicha hin miine isa keessaa baye. 36 Namoonni maruu maalalfatanii, «Dubbiin akkanaa kun maal? baalli'ii fi hunnaan ayyaanota battii ajaja; isaanillee ajajamanii bayan» jedha'aa woliin qaaqan. 37 Gurri isaa gara biyya naannoo san jirtu maraa keessatti dhagayame. Yesuus Dhibamtoota Hedduu Fayyise ( Mat. 8:14-17 ; Mar. 1:29-34 ) 38 Mana sagada Yihuudotaatii ka'ee gara mana Simoonii seene. Hennaa san soddaatiin Simoonii dhukkuba oo'aatiin dhukkubsattee waan turteef, isaanillee akka inni isii fayyisu isa kadhatan. 39 Innillee yoosuu dhibee san teedeffate. Dhibeen hennama san isii dhiisee. Isiinillee ol kaatee isaan tajaajilte. 40 Hennaa aduun dhiite dhukkubsattoota dhibee adda addaatiin qabaman maraa gara isaa fidan. Innillee tokko tokko isaanii harka ufii isaan irra kaayee isaan fayyise. 41 Jinniin ammoo, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbiiti» jedha'aa namoota hedduu keessaa iyya'aa bayani. Akka inni Kiristoosiin ta'e waan beekaniif, Innillee isaan teedeffate akka isaan hin dubbanne isaan dhoogge. Yesuus Manniin Sagadaa Yihuudotaa Keessatti Lallabe ( Mar. 1:35-39 ) 42 Yesuus akkuma lafti bariiteen bayee gara lafa udume'ee deeme. Baniin isa barbaadee gara isaa dhufe. Inni isaan dhiisee gara biraa akka hin deemne dhoogguu barbaadan. 43 Inni ammoo isaaniin, «Ani Oduu Nagayaa ka jeennata Rabbii qachoota biraatittillee lallabuu na barbaachisa; ani akka kana hujuuf ergame» jedhe. 44 Innillee mana sagada Yihuudotaa ka Galiila'aatitti lallaba'aa ture. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia