Wongeela Luqaas 13 - WAADAA LAMMATAAKa Aagii Hin Galle Maruu Hin Bada 1 Hennaa san namoonni gara Yesuusii dhufanii, namoonni Galiila'aa hennaa ciincaa dhiyeessan, Philaaxoos isaan ajjeesee dhiiga isaanii ciincaa isaan Rabbiif dhiyeessan woliin wolitti make jedhanii Yesuusitti himan. 2 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Namoota Galiila'aa kanniinitti wonti kun wonti isaan irra gayeef, namoota Galiilaa maraa caalaa cubbamoota waan ta'aniif isinitti fakkaataa? 3 Wa'a! Ani isinitti hima akkasii miti, Haata'uu ammoo, isin maruu cubbuu irraa deebitanii yoo aagii hin galle hin baddan. 4 Namoota kudha saddeetii ka Saalihoomitti dalloofni dhaga'aa isaanitti jigee ajjeese sun namoota Yeruusaalemiin keessa jiraatan caalaa cubbamtoota isinitti fakkaataa? 5 Ani isinitti hima akkasii miti, Haata'uu ammoo isinillee cubbuu keessan irraa deebitanii aagii yoo hin galle isin maruu akkasuma baddan» isiniin jedha. Mammaaka Hurbuu Daraaraa Hin Qabnee 6 Innillee akkana jedhee mammaaka kanaan isaanitti dubbate. Nama ashaakiltii woyinii keessatti muka hurbu'uu dhaabate tokkotu jira. Sanyii irraa argadha jedhee laaluuf dhufe; garuu womaa irratti hin argine. 7 Innillee hojjataa ashaakiltii woyini'iitiin, ‹Muka hurbu'uu tana irraa sanyii fudhachu'uuf woggaa sadihiif deddeebi'aa ture. Haata'uu ammoo womaa irraa hin arganne. Muri, maaf lafa balleessitii?› jedheen. 8 Inni ammoo deebisee, gooftaa kiyya shuqunee dikee itti buusaa woggattii tanaaf dhiisi. 9 Uf afoo yoo daraarteef misha'a; yoo hin taane ammoo hin murta jedheen. Dubartii Yesuus Guyyaa Sambata Diqqa'aa Fayyise 10 Yesuus guyyaa Sambata diqqa'aa mana sagada Yihuudotaa tokkotti barsiisa'aa ture. 11 Hennaa san dubartiin woggaa kudha saddeetiif ayyaana hama'aan qabamtee ta duddi isi'ii gad goge takkatu achi ture. Isiinillee waan gadi goddeef ol qajeeltee deemuu hin dandeettu. 12 Yesuusillee hennaa isii arge gara ufii isii waamee, «Dubartii nana, ati dhibee kee irraa fayyiteerta» jedheen. 13 Innillee harka ufii isii irra kaayee, isiinillee yomasan ol jettee qajeeltee dhaabattee Rabbiin galateefatte. 14 Bulchaan mana sagada Yihuudota ammoo Yesuus Sambataan waan nama fayyiseef aaree, akkana jedhe, «Guyyoonni hujiin itti hojjatamuu barbaachisu jahatu jira. Kanaaf guyyoota sanniinitti kootta'aa fayyaa malee, guyyaa Sambataatiinii miti» jedhe. 15 Gooftaanillee deebisee, «Isin fakkeessitoota nana, isin keessaa gari gariin guyyaa Sambataatiin qotiyyoo yookiin harree urgee okaya nyaatuu hiikee bisaan obaasu'uuf ka hin finne eennu? 16 Intalti tun Fiixaa Abrahaamii taatee woggaa kudha saddeetiif ta jinniin hidhe guyyaa Sambataatiin hidhaa kana keessaa hiikkamuun isii hin barbaachisuu ree?» jedheen. 17 Hennaa inni waan kana dubbate waan morman maruu saalfatanii waan maalalee isaan jiddu'utti godhame maraaf baniin maruu hin gammade. Mammaaka Waan Daraaraa Sanaaficii ( Mat. 13:31-33 ; Mar. 4:30-32 ) 18 Achiin maayessa Yesuus, «Jeennanni Rabbii maal fakkaatti? Anillee maali'iin wol fakkeessa?» jedhee gaafate. 19 «Jeennanni Rabbii gumaa sanaaficaa ka namni fuudhee maasaa ufii keessatti dhaabe fakkaatti. Isiinillee guddattee muka guddaa taate; simbirroonni sami'iillee dhuftee damee isi'ii irratti mana ijaaratti» jedhe. Mammaaka Waan Raaciti'ii ( Mat. 13:33 ) 20 Yesuus ammallee akkana jedhee gaafate, «Jeennata Rabbii maaliin wol fakkeessa? 21 Raacitii dubartiin takka fuutee daakuu kooboo sadihiititti safartee haga bukaawutti wolitti matte fakkaatti» jedhe. Balbala Dhiphoo ( Mat. 7:13-14 , 21-23 ) 22 Yesuus hennaa gara Yeruusaalemii deemu qachootaa fi gandiin keessatti barsiisa'aa keessa lufa'aa ture. 23 Namichi tokko, «Gooftaa kiyya, worri fayyan diqqo'oo mitii?» jedheen. 24 Innillee akkana isaaniin jedhe, Balbala dhipha'aan ol seenu'uuf tattaafadhaa'a; ani isinitti himaa, namoonni hedduu seenuuf tattaafatan. Haata'uu ammoo seenuu hin dandeenne. 25 Abbaan mana sanii balbala haga cufeen maayessa isin diida dhaabattanii, ‹Gooftaa Gooftaa nuu bani›! jedha'aa balbala dhayaa kadhattan. Inni garuu deebisee, ‹Eessaa akka dhuftan isin hin beeku› isaaniin jedha. 26 «Isin ammoo hennaa san, ‹Nu si woliin nyaannee dhunneerra; gumii keenna irrattillee nu barsiifteerta› jechuu jalqabdan. 27 Inni garuu deebisee, ani isin hin beeku, ‹Eessaa akka dhuftan isin hin beeku; isin worri hamaa hojjattan maruu narraa fagaadhaa'a› isiniin jedha. 28 Hennaa Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raattota maraa jeennata Rabbii keessatti argitan isin ammoo gara diidaa gatamtan, achitti booya'aa ilkaan qartan. 29 Baya biiftu'uutii fi dhiya adu'uutii, bita'aa fi mirgaa namoonnillee hin dhufan. Jeennata Rabbii keessa taa'anii hurbaataa nyaatan. 30 Worra maayessaa keessaa worri dura ta'an, worra duraa keessaallee ka maayessa ta'u hin jira». Heroodis Yesuusiin Ajjeesu'uuf Soqe 31 Hennaa san Fariisota keessaa gari gariin gara Yesuusii dhufanii, Heroodiis si ajjeesuu waan barbaaduuf asii bayii deemi jedhaniin. 32 Innillee akkana isaaniin jedhe, «Dhaqa'aatii jeedalattii saniin, adhaa fi boru jinnii baasaa. Namoota dhukkubsatan hin fayyisa; guyyaa saddaffa'aatittillee hujii kiyya hin raawwadha jedha'aanii. 33 Haata'uu ammoo, raattichi Yeruusaaleemiin alatti du'uun waan hin barbaachifneef, adha, boru yookiin haga iftaaniititti hin deema» isaaniin jedhe. Yesuus Yerusaalemiif Gadde ( Mat. 23:37-39 ) 34 «Yerusaaleem, Yerusaaleem! Ati raattota ka ajjeeftu, worra gara kee ergamanillee ka dhakaan tumtu! Akkuma lukkuun ilmoolee ufii koola ufii jalatti wolitti qabbattu, anillee ijoollee kee wolitti qabu'uuf hennaa meeqa barbaade, isin ammo hin diddan. 35 Amma manni keessan ona ta'ee hafa. ‹Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame› haga jettanitti ammaa achi na hin argitan» jedhe. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia