Mudhata Yohaannisii 8 - WAADAA LAMMATAABanamuu Chaappaa Torbaffa'aa 1 Hennaa chaappaa torbaffa'aa hiike haga wodhakkaa sa'aatii tokko samii irratti hin cadhifame. 2 Maleekkoota torban ka afoo Rabbii dhaabatan arge, isaaniillee xurumbaa torbatu kennameef. 3 Maleekkaan biraa dhufeeti girgiraa worqi'ii qabateeti hulee ciinca'aa bira dhaabatee afoo teesso'oo ka jiru ciincaa worqi'ii irratti qulqulloota maraaf faatee akka itti eda'u hixaanni guddaan itti keename. 4 Aarri hixaanaa faatee woyyoota woliin harka Maleekka'aatitti afoo Rabbiititti ol baye. 5 Maleekkaan girgiraa qabatee ibidda hulee ciinca'aatii itti guuteeti gara lafaa gadi darbe; laagaan gigissa'aatiif bakakka'aa dhagayamee laftillee hin sochoote. 6 Maleekkaan torbaa ka xurumbaa torbaa qaban afuufu'uuf qophaayan. 7 Maleekkaan duraa xumbaa afuufe baradaa dhiigaan makameef ibiddatu uumame. Innillee gara lafaa darbame. Lafti harka sadi keessaa tokko hin gubatte. Munnillee harka sadi keessaa tokko hin gubate. Margi lalise maruu hin gubate. 8 Maleekkaan lamaffa'aallee xurumbaa afuufe. Gaarri waan akka ibidda qilleensaatiin gubatu fakkaatu gara galaanaa gadi gatame, galaanni harka sadi keessaa tokko dhiiga ta'e. 9 Uumamni lubbu qabeeyyiin galaana keessa jiraatan keessaa sadi keessaa harki tokko hin du'e. Markabni sadi keessaa harki tokko hin bade. 10 Maleekkaan sadaffa'aallee xurumbaa afuufe. Urjiin guddaan akka shawa'aa gubatu sami'ii darbame. Lagootaaf bisaan burqa'aa sadi keessa harki tokko irratti kufe. Maqaan urji'iille Irreetoo jedhama. 11 Bisaanillee sadi keessa harki tokko hin hadhaaye. Waan hadhaayeef miidhaa bisaaniitiin namoonni hedduu du'an. 12 Maleekkaan arfaffa'aa Xurumbaa afuufe. Aduun sadi keessaa harki tokko, addeessi sadi keessa harki tokko, urjiiwwan sadi keessaa harki tokko dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu guyyaan sadi keessa harki tokko akka ifu akkasuma ka halkaniillee'e. 13 Bajjaan tokko samii wodhakka'aa bararee laagaa gudda'aan waan Maleekkota sadihii xurumbaa afuufu'uuf ta'anii, waan laagaa Maleekkota biraa worra lafa irra jiraataniif isaanii aanne'e! Hennaa jedhu dhagaye. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia