Mudhata Yohaannisii 16 - WAADAA LAMMATAAXuwwee Lola Rabbii 1 Maleekkaa torbaan laagaa guddaa dhaqa'aatii mijuu xuwwe'ee ka lola Rabbii lafa keessatti jissaa'a, jedhu mana woyyuu keessaa dhagaye. 2 Maleekkaan duraa dhaqeeti mijuu xuwwe'ee lafa keessatti jisse; worri malkanni bineensaa irra jiruuf namoota fakii isaatii sagadan, madaa nafa isaanii nyaatutu isaanitti baye. 3 Maleekkaan lammaffa'aallee mijuu xuwwe'ee galaana keessatti jisse; galaanni sunillee akka dhiiga nama du'e ta'e, wonti galaana keessa jiru ka lubbuu qabu maruu hin du'an. 4 Maleekkaan sadaffa'aallee mijuu lagaa fi burqaa bisaanii keessatti jisse; isaanillee dhiiga ta'an. 5 Maleekkaan bisaanillee, «Gooftaa jirtuuf ka turte, woyyuu akka kana waan murteessiteef, ati qajeela'a; 6 Waan dhiiga woyyootaatii fi raattotaa jissaniif. Akkasuma dhiiga isaan obaafteerta. Waan isaan barbaachisuuf!» jedhee yoo dubbatu dhagaye. 7 Waan kennaa irratti dhiyeessan keessaa, «Ee, Waaqa Gooftaa maraa bulchitu, murtiin kee dhuga'aa fi sirri'i» jedha'aa hennaa dubbatu dhagaye. 8 Maleekkaan arfaffa'aa mijuu aduu irratti jisse; namootallee ibiddaan akka gubdu isi'ii kenname. 9 Namoonnillee oo'a gudda'aan gubatan. Maqaa Rabbii ka balaa kanniin irratti baallii qabu abaarani; aagii galanii ulfinna isaa hin kennine. 10 Maleekkaan shanaffa'aa mijuu teessoo busaaya'aa irratti jisse mootummaan isaallee hin dukkanoofte. Waan dhiphataniif arraba ufii alanshan. 11 Waan dhiphatanii fi waan madaayaniif Waaqa sami'ii arrabsan. Hujii isaanii irraallee deebi'anii aagii hin galle. 12 Maleekkaan jahaffa'aallee mijuu laga guddaa Efiraaxes jedhamu irratti jisse. Mootota baya biiftu'uutii dhufan, karaan akka isaanii qophaayuuf bisaan goge. 13 Afaan Jawwe'eetii, afaan busaaya'aatii, afaan raaga sobaatii wonti raacha fakkaatan, ayyaanni battiin sadihii hennaa bayan arge. 14 Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan. 15 «Ani akka hattu'uu ta'ee dhufa! akka qullaa hin deemne saala isaallee akka hin argine, ka dammaqee uffata ufii eegu ka eebbifame!» 16 Afaan Ibraayisixiitiin gara hulee «Armaageedoon» jedhamutti wolgayan. 17 Maleekkaan torbaffaan mijuu qilleensa keessatti jisse; mana woyyuu keessaa, laagaan guddaan, «Raawwatameera» jedhu teessoo irraa dhagayame. 18 Laagaan Bakakka'aatiif gigissaan dhagayamee lafti guddiftee sochoote. Haga namni lafarratti uumamee jalqabee sochiin akkanaa guddaan sirimaa ta'ee hin beeku. Kun maraa caale. 19 Qachattiin guddoon bakka sadihitti qoodamte. Qachaan worra Yihuudii hin taanee hin kufan. Baabiloonii guddoon daadhii woyini'ii ta lolaa jabduu akka isi'ii kennamuuf Rabbiin afo'otti yaadatamte. 20 Tulluun bisaaniin marfaman maruu hin dheessan; gaarranillee hin badan. 21 Baradaan guddaan madaalaan taalentii tokko ta'u Samii irraa namoota irratti bu'e, namoonnillee sababaa balaa barada'aatiin Rabbiin arrabsan, balaan guddisee guddaa waan ta'eef. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia