Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Hujii Ergamootaa 3 - WAADAA LAMMATAA


Namichi Laamshayaan Tokko Fayye

1 Pheexroosii fi Yohaannisillee hennaa faate'ee sa'aatii sagalitti gara mana woyyu'uu dhaqan.

2 Worra mana woyyuu seenan irraa waa kadhatu'uuf, nama namoonni baadhatanii gara balbala mana woyyuu ka maqaan isaa «Midhaagaa» jedhamuu fidanii guyya guyya'aan achi kaayan tokkotu ture. Innillee urga dhalate irraa jalqabee nafti isaa naafa.

3 Innillee Pheexroosii fi Yohaannisiin akka waa kennaniifiif gara mana woyyuu uduu seena'aaran argee, akka waa isaa kennaniif isaan kadhate.

4 Isaanillee ija isaa keessa guuttatanii laalanii, Pheexroos, «Gara keenna laali!» jedheen.

5 Innillee waa isaan irraa fudhatu'uuf jedhee gara isaanii laale.

6 Pheexroos ammoo, «Birri'ii fi Worqii hin qabu; waan qabu ammoo sii kenna, maqaa Kiristoos Yesuusii Naazireetitiin ka'ii deddeebi'i» jedheen.

7 Harka mirgaatiin qabee ol kaaseen hennama san luttinii fi mogoleen hin jabaate. Innillee yoosuu ol utaalee dhaabatee deddeemuu jalqabe,

8 Deddeema'aa utala'aa Rabbii bara baraa galatoonfata'aa isaan woliin gara mana woyyu'uu seene.

9 Baniin maruu Rabbiin galateeffata'aa hennaa inni deddeemu arganiin.

10 Hulee, «Michuu» jedhamtutti balbala mana woyyu'uu taa'ee kadhata'aa ka ture isa akka ta'e beekanii, isa irratti waan ta'e arganii maalala'aa baaseffatan.


Waan Pheexroos mana woyyuu Keessatti Dubbate

11 Uduu inni Pheexroosii fi Yohaannisiin qabateeru, baniin maruu maalalfata'aa, «Hulee balbala Salamoon keessa deddeebi'u» jedhamtutti ka gara isaanii figan argee,

12 Pheexroos akkana jedhee bani'ii deebise, «Isin namoota Israa'elii! Waan kana maali'iif maalalfattan? Yookiin waan hunna mataa keennaatiin yookiin Rabbiin sodaachuu keennaan akka waan inni ka'ee deemuu akka waan nu goonee maali'iif xiinxallitanii ija keessa laaltan?»

13 Waandhi Abrahaamii, Yisihaaqii, Yaaqoobiitii fi Waandhi abbootii keennaa ka isin dabarsitanii kennitanii fi ka Philaaxoos uduu hiiku'uuf kutateeru ka isin gantan san Ilma ufii Yesuusiin kabajjeera.

14 Isin ammoo woyyuu qajeelaa gantanii, ka nama ajjeese akka gad isinii dhiisu kadhattan.

15 Ka mataa jireennaa ta'e hin ajjeeftan, isa ammoo Rabbi du'aa kaase. Nu waan dubbii kanaatiif raga'a.

16 Maqaa isaatitti amanu'uun ka argitanii fi ka beettan maqaa isaa jabeessee dhaabe. Amantaa isatti amanu'uu kanatu afoo keessan maratti fayyaa guutuu kana isaa kenne.

17 «Amallee obboleeyyan tiyya! Isin akkasuma akka bulchoota keessanii wol laalaan akka gootan beekeera.

18 Rabbi ammoo akka Kiristoosiin irra rakkinni gayu afaan raattota maraatiin dursee waan dubbate akkasuma raawwate.

19-20 Eeganaa Gooftaa biraa guyyaan jajjabeennaa akka isinii dhuftuuf, waan dura isinii file Kiristoos Yesuusiin akka isinii ergu akka cubbuun keessanillee isinii haqamu, aagii galaa'a deebi'aa'a.

21 Rabbillee duri irraa jalqabee afaan raattota woyyu'uutiin waan dubbate maraa haga bara wonti maruu haarawoomuutitti ol samii irra turuu barbaachisa.

22 Muuseenillee, ‹Akka Waandhi Gooftaan abbootaaf na kaase raaga obboleeyyan keessan keessaa isinii kenna. Waan inni isinitti himu maraa dhagayaa'a.

23 Namni raaga san hin dhageenne martuu banii keessaa fooyamee bada› jedhe.

24 Lammaffaallee Saamu'eeliin irraa jalqabee isaaniin maayiillee akkasuma raattonii maruu waan ji'oota kanaa dubbatan.

25 Isin ammoo ijoollee raattotaatii fi Ilmaan kaku'uu ka Rabbi abbootii keessan woliin seene, Abrahaamiin sabni lafa irraa cufti, ‹Karaa fiixaa keetiitiin eebbifama› jedhe sanii ti.

26 Isiniif dursee Rabbi ilma ufii kaaseera. Gari garii keessan karaa hamaa irraa deebisee akka isin eebbisu erge.»

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ