Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Gara Worra Rooma'aa 4 - WAADAA LAMMATAA


Abrahaam Amanta'aan Qajeelaa Ta'e

1 Eegasuu Abrahaamiin fooniin abbaa keenna ta'e maal argate jenna?

2 Abrahaam huji'iin uduu qajeelaa ta'ee, waan ittiin dhaadatu qaba. Haata'uu ammoo Rabbiin biraa miti.

3 Kitaabni maal jedha? «Abrahaamillee Rabbitti amanee, akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayame»

4 Namni tokko hujii yoo hojjate mindaan isaa akka gati'iititti malee, akka badhaadhaatitti hin laakkayamuuf.

5 Haata'uu ammoo nama hin hojjanneefi nama cubbamaa qajeelchutti amanu, amantaan isaa akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayama.

6 Namni Rabbi uduu inni hujii mishaa hin hojjatin qajeelaa taasisuun sun ka eebbifame akka ta'e Daawiti akkana jedhee dubbate,

7 «Worri yakki isaanii dhiifameef worri cubbuun isaaniillee haqameef worra eebbifame!

8 Namni Gooftaan cubbuu isaa itti hin laakkoofne ka eebbifame!»

9 Eegasuu eebbi kun waan gadoomu'uu dubbate? Moo waan gadoomuu dhabu'uuti? «Amantaan Abrahaamiif qajeellummaa ta'ee laakkawwameera» waan jennuuf.

10 Attamitti laakkawwameef? Haga gadoomee asi moo? Yookiin uduu hin gadoomneen dura? Haga gadoomee miti uduu hin gadoominiin dura malee.

11 Amantaa uduu hin gadoomneen dura qabuun chaapaa woyyumma'aa malkata gadoomu'uu argate, kunillee akkasuma isaan woyyoota ta'anii akka laakkayamaniif worra uduu hin gadoomne amanan maraafuu abbaa akka ta'uuf.

12 Worra gadoomaniif abbaa akka ta'u, akkasuma worra gadooman calla'aafii miti, Haata'uu ammoo abbaan keenna Abrahaam uduu hin gadoomin amantaa soquun isaaf qofa uduu hin ta'in worra duukaa bu'aniifille'e.


Waadaan Rabbii Yoo Amanan Raawwatama

13 Inni ka ardii tana dhaalu akka ta'u Abrahamii fi fiixaa isaatii dubbii abdi'ii ka kenname qajeellummaa amanta'aatti malee, seeraanii miti.

14 Worri seeraan jiraatan yoo ka dhaalan ta'e amantaan duwwaa ta'eera, abdiin dubbi'iillee diiggameera.

15 Seerri waan balaa fida; Haata'uu ammoo, hulee seerri hin jireeti, cubbuu hujuun hin jiru.

16-17 Kanaafuu seera calla'aan uduu hin taane, akkasuma ka amantaa Abrahamiitiin ta'e, fiixaa isaa maraaf, dubbiin abdi'ii kun akka raawwatamuuf, amantaan akka badhaadhummaa isaa akka ta'uuf, innillee akkuma abbaa worra Yihuudii hin taanee taata jedhame barrayeen, isa du'aa fi jireenna kennu, ka waan hin jirre akka waan jiruu godhee waamu, Waaqa itti amane afo'otti abbaa nu maraati.

18 Fiixaan keellee akkanuma ta'u'uuf ta'a akkuma jedhame, haga abdiin ta'uu dhabellee, abbaa worra Yihuudii hin taanee maraa ta'u'uuf «Abdii qabatee amane»

19 Inni waan jaarsa woggaa dhibbaa ta'eef, qaama isaa ka akka waan du'ee ta'eef hormaanni Saaraa akka du'e haga arge, amanta'aan uduu hin dadhabne,

20-21 Rabbiillee ulfinna kenna'aa, abdii kenname raawwachuu akka danda'u jabeessee hubatee laale. Amanta'aan jaabaatee laale malee, amanuu dhabu'uun abdii dubbii Rabbii hin mamne.

22 Kanaafuu akka qajeellumma'aatitti laakkawwameef.

23 Haata'uu ammoo laakkayameeraaf dubbiin jedhu waan isaa calla'aaf ka barreeffamee miti.

24-25 Ka waan cubbuu keennaatiif dabarfamee kenname ka qajeelaa nu taasisu'uuf du'aa ka'e, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka du'aa kaaseetti worra amannuullee hin laakkayama jedheen.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ