Gara Worra Galaatiyaa 6 - WAADAA LAMMATAABa'aa Wolii Baadhachuu 1 Obboleeyyan tiyya! Namni balleessaa kamiinuu hojjatee yoo argame, isin worri ka Ayyaanaa taatan isin nama akkanaa kana Ayyaana gara laafumma'aatiin qajeelchaa'a. Atillee akkasuma akka hin qoratamne uf eegi. 2 Isin keessaa gari gariin ba'aa nama kaanii haa baadhatuu, akkasuma seera Kiristoosii raawwadhaa'a. 3 Namni tokko uduu womaa hin taane, yoo waan waa ta'e itti fakkaate uf soba. 4 Haata'uu ammoo, namni maruu hujii ufii haa qoratuu. Achiin maayessa ka nama biraa wol bira qabee uduu uf hin laalin ufumaa waan ittiin uf jaju argata. 5 Namni maruu ba'aa mataa ufii waan baadhatuuf. 6 Haata'uu ammoo, namni dubbii Rabbii baratu, ka barsiisu woliin waan mishaa maraa qoodama. Hin dogoggorinaa'a! Rabbi ka itti baldanii miti. 7 Namni waanuma faacaafate san maraa haamata. 8 Namni fedha fooniitiin faacaafatu fooniin badii haamata. Namni fedha Ayyaanaatiin facaafatu ammoo Ayyaanaan jireenna bara baraa haamata. 9 Waan mishaa hojjachuu akka hin dadhabne yoo abdii kutuu baanne, hennaa haamaan gaye hin haamanna. 10 Eeganaa hennaa yoo arganne, nama maraafuu, keessattuu worra amantootaatii waan mishaa haa goonuu. Gorsaa Fi Nagaya Dhaamachuu 11 Attamitti akka qubee gugurda'aan harka kiyyaan isinii barreesse laalaa'a. 12 Worri fooniin mishaa ta'anii mudhachuu fedhan maruu, akka isin gadoomtan isin giddisiisan; Haata'uu ammoo, waan fannoo Kiristoosiitiif akka miidhaan isin irra hin geenne calla'aaf. 13 Gadoomuu keessaniin uf jajuu barbaadan malee, isaan worri gadoomanuu seera hin eenne. 14 Fannoo Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosii akka adunyaan ittiin naa fannifamte, ka anillee ittiin adunya'aaf fannifame saniif malee, waan biraatiin uf jajuun narraa haa fagaatu. 15 Yesuus Kiristoosiin dhaloota haarawa ta'u'utu fayyada malee, gadoomuu ta'ee yookiin gadoomuu dhabuun womaa waan hin fayyanneef. 16 Worra Seera kanaan jiraatan maraa fi Isiraa'elii worra Rabbii ta'an irratti, nagayaa fi dhiifamsi haa ta'u. 17 Ani gadaannisa Yesuusii nafa kiyya irraa waan qabuuf, ammaa achi wonti tokkollee na hin dadhabsiisu. 18 Obboleeyyan tiyya! Badhaani Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosii hafuura keessan woliin haata'u. Amiin. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia