Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Gara Worra Galaatiyaa 3 - WAADAA LAMMATAA


Qajeellummaan Seera Eegu'uun Uduu Hin Taane Kiristoositti Amanu'uun

1 Isin namoota Galaatiya'aa worra qalbii hin qabne, ija teessan afo'otti Yesuus Kiristoos akka waan faki'iititti fannifame akka dhuga'aaf hin ajajamne eentu muuseessaa isinitti buuse?

2 Ani waan tokko caallaa beekuu barbaada. Isin seera eegu'uun mo'o dubbii Rabbii dhageettanii itti amantaniin Ayyaana Woyyuu fudhatan?

3 Isin hagasuma mara gowwa'aa? Ayyaana Rabbiitiin jalqabdan; amma ammoo yaada fooniitiin fixuu barbaadanii?

4 Kun dhugamaan waan hin fayyanne yoo ta'e, isin waan duwwaa kanaaf rakkoon isin irra gayee?

5 Eegasuu Rabbiin Ayyaana ufii isinii keennu ka isin birattillee maalalee godhu, hujii seeraa tiin mo'o amantaa dhageetti'iin ta'een?

6 Akkasuma, «Abrahaam Rabbitti amane; amantaan isaallee qajeellumma'aatti laakkawameef»

7 Eegasuu worri amanan martinuu ijoollee Abrahaamii akka ta'an beekaa'a.

8 Kitaabnillee Rabbiin worra Yihuudii hin taane amanta'aan qajeelchu dursee argee, «Baniin maruu siin eebbifama» jedhamee Oduun Nagayaa Abrahaamiif dursee himameera.

9 Kanaaf worri amanan maruu, Abrahaamii amane woliin eebbifaman.

10 Ka hujii seeraatiin ta'e maruu abaarsa jala waan jiraniif, «Kitaaba seeraa mara keessatti ka barreffaman ka jabaatee ittiin hin jiraanne maruu ka hujii irra hin olchine maruu ka abaarame!» jedhamee waan bareeffameeruuf.

11 «Qajeelaan amanta'aan jiraata» waan jedhameeruuf, eennullee Rabbiin afo'otti seeraan akka qajeelaa hin taane ifa.

12 Seerrillee amanta'aanii miti. Haata'uu ammoo, «Namni seera raawwatu seera keessa jiraata» jedhameera.

13 Ka muka irratti fannifamu maruu ka abaarame jedhamee waan barreeffameeruuf, Kiristoos waan keennaaf abaaramaa ta'ee, seera abaarsaa jalaa nu booji'e.

14 Abdii Ayyaanaa amanta'aan akka fudhannu eebbi Abrahaamii gara worra Yihuudii hin taanee karaa Yesuus Kiristoosii irraan isaan akka dhaqqabuuf.


Seerri Waadaa Abdi'ii Hin Diigu

15 Obboleeyyan tiyya! Akka Aadaa namaatitti kana jedha. Namallee yoo ta'e, abdii mirkanaaye eennullee hin tuffatu yookiin itti hin eda'u.

16 Abrahaamiif fiixaa isaatiillee dubbii abdi'iititu himame. Barreeffamni Woyyuun, akka namoota hedduuf dubbatuuf, «Fiixaa» isaaniitiin hin jedhu, akka nama tokkotti dubbateetitti ammoo, «Fiixaa» keetiif jedha; innillee Kiristoos.

17 Kanallee akkana jedha, woggaa dhibba afurii fi soddomaan maayii seerri duraan keenname abdii dubbii Rabbiitiin mirkanaaye haga diiguuf dubbii abdi'ii balleessuu hin danda'u.

18 Dhaala argachuun karaa seeraatiin uduu ta'ee, ammaa achi dhaalli karaa Waada'aatiin hin argamu ture. Jecha abdi'iitiin ammoo, Rabbi Abrahaamii kenneera.

19 Eegasuu seerri maali'iif kenname? Haga fiixaan abdiin keennameef sun dhufuuf, seera diiguun maal akka ta'e mudhisu seerri eda'amee kenname.

20 Jiddu galeessi tokko calla'aafii miti. Rabbi ammoo tokko.


Kaayyoo Seeraa

21 Eegasuu seerri dubbii abdii Rabbii ka mormu ta'aa? Miti. Seerri akka jiruu kennu uduu kennamee jiraatee, silaa dhugamaan seera eeguun qajeellummaa fida.

22 Haata'uu ammoo dubbiin abdi'ii Yesuus Kiristoositti worra amananiif akka kennamuuf akkuma kitaabni woyyuun jedhu adunyaan maruu cubbuu jalatti hidhamaniiran.

23 Amantaan uduu hin dhufne amantaa mudhatu'uuf ta'u nutti cufamee seeraa gaditti bula'aa turre.

24 Akkanatti amanta'aan akka qajeelaa taanuuf seerri guddiftuu gara Kiristoosii nu fidu ta'eera.

25 Amantaan ammoo waan dhufeef, ammaa achi guddiftu jalaa miti.


Ijoollee Rabbii

26 Karaa amanta'aatiin marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti ijoollee Rabbii waan taataniif,

27 Kiristoosiin woliin tokko ta'u'uuf worri cuuphamtan maruu Kiristoosiin uffattaniirtan.

28 Yihuudii yookiin namni Giriikii hin jiru. Garbichi yookiin wolabaan hin jiru, dhiira yookiin intala jechuun hin jiru; marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti nama tokko waan taataniif.

29 Isinillee ka Kiristoosii eega taatan, akkasuma fiixaa Abrahaamii worra dubbii abdi'ii dhaalu.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ