Gara Ibirootaa 8 - WAADAA LAMMATAAYesuus Gadicha Hayyicha Waadaa Haarawaati 1 Waan dubbanne keessaa wonti guddaan kana. «Ka sami'itti teessoo ulfinnaa irra mirga Rabbii taa'e, gadicha hayyicha guddaa akkanaa kana qabna» 2 Inni tajaajilaa mana woyyu'uutii fi tajaajilaa dukkaanaa dhuga'aa ti, isiinillee ta namaan uduu hin taane ta Goofta'aan ijaaramte. 3 Hayyoonni gadootaa maruu, kenna'aa fi ciincaa dhiyeessu'uuf muudaman. Kanaafillee akkasuma waan dhiyeessu qabaachuun giddi'i. 4 Inni lafarra uduu jiraatee, akka seeraatitti gadoonni kennaa dhiyeessan waan jiraniif silaa gadicha hin ta'u. 5 Dukkaanni gadoonni keessatti tajaajilan kun dukkaanaa samii gubbaa jiruuf fakkeennaaf gaaddiddu'u, hennaa Muuseen dukkaanaa ijaaru'uuf ka'e, Rabbi, «Waa maraa malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhisetti uf eeggadhuu huji!» jedheeniiti. 6 Amma ammoo, waadaan Yesuus jiddu-galeessa ta'e; waadaa duraa maraa akkuma caalu, tajaajilli inni fudhatellee tajaajila isaanii hin caala; kun abdii caalu irratti hundeeffame. 7 Kakuun duraa uduu ka mudaa hin qabne ta'ee, silaa ka lammaffa'aatiif huleen hin barbaadamu. 8 Isaan tuffata'aa akkana isaaniin jedha, «Kunnoo ji'oonni mana Isiraa'eliitii fi Yihuuda'aa woliin waadaa haarawa galu hin dhufa» jedha Gooftaan. 9 Biyya Misiriitii isaan baasu'uuf guyyaan harka isaanii qabe, waadaa akka abboota isaanii woliin galeetii miti. ‹Isaan waada kiyya irra waan hin dhaabanneef, anillee lash isaanitti jedhe› jedha Gooftaan. 10 ‹Ji'oota sanniiniin maayii, waadaan mana Isiraa'elii woliin galu, seera kiyya qalbii isaanii keessa kaaya; Onnee isaaniitittillee hin barreessa; ani Rabbiin isaanii ta'a, Isaanillee banii kiyya ta'an, ka jedhu kana› jedha Gooftaan. 11 ‹Marti isaaniituu ollaa ufiitiin obboleessa ufiitiinillee, Gooftaa beeki! jedhee hin barsiisu; diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu waan na beekaniif. 12 Waan hammeenna isaaniitiifillee isaanii araarama; cubbuu isaanillee lammata hin yaadu.› » 13 Haarawa jechuu isaatiin ka duraa moofseera, wonti moofaanii fi ka jaare badu'uuf dhiyaateera. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia