3 Ergaa Yohaannis 1 - WAADAA LAMMATAA1 Ana manguddoo irraa: Ka dhuga'aan jaaladhu jaalatamaa Gayiyoosiif: 2 Jaalalloo kiyya, lubbuun tee akka misha'atti akka jiraattu, wonti maruu akka wol-siiqixxaayatuuf akka fayyaa qabaattu Rabbiin sii kadhadha. 3 Obboloonni dhufanii akka ati dhuga'atti jiraattu, waan dhugaa keetii naa rannaani guddisee gammade. 4 Wonti akka ijoolleen tiyya dhuga'atti jiraachuu isaanii dhagayu'uu na gammachiisu waan hin jirreef. Gaayiyoos Galateeffame 5 Jaalalloo kiyya siif keessummaa yoo ta'anillee ati waan obboleeyyanii gootu maraan amanama'a. 6 Waan jaalala keetiitiif isaaniif woldaa amantootaa afo'otti rageera. Akka Rabbi jaalatutti imala isaaniititti yoo isaan gargaarte, waan mishaa goote. 7 Worra Yihuudii hin taane irraa womaa uduu hin fudhanne maqaa Yesuusiitiif jedhanii waan bayaniiraniif. 8 Eegasuu nu dhugaa woliin akka hojjannuuf namoota akkanaa kanniin keessummummaa haa simannuu. Diyootreefesii Fi Dimeexroos 9 Mana amanta'aatiif barreessee ture, haata'uu ammoo, Diyootreefesiin sooressa ta'uu barbaadu nu hin fedhu. 10 Kanaafuu ani yoo dhufee hujii hamaa inni huja'aa odeessu hin dubbadha. Kunuu isa hanqatee, obboleeyyanillee ufitti hin dhiyeessu. Worra isaan simatullee dhooggee woldaa keessaa isaan baasa. 11 Jaalalloo kiyya waan mishaa malee hamaa hin fakkaatin. Ka waan mishaa godhu Rabbiin Ka hamaa godhu ammoo Rabbiin hin argine. 12 Dimeexiroosiif namni maruu ragaa bayaaf, dhugaanillee ragaa baatiif, nullee akkasuma hin rannaaf. Ragaan keennallee dhugaa akka ta'e hin beettan. Dhaamsa Dhumaa 13 Waan sii barreessu baayi'ee qaba. Haata'uu ammoo bi'iiri'ii fi qalamaan sii barreessuu hin barbaanne. 14 Hennaa dhiyoo keessatti si argee akka woliin qaandhu abdii godha. 15 Nageenni siif haa ta'u. Goshoonni tee nagaya sii dhaamaniiran. Goshoo kee marattuu nagaya naa himi. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia