Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

2 Gara Ximotewoosii 2 - WAADAA LAMMATAA


Loltuu Yesuus Kiristoosii Ta'uu

1 Eeganaa ilma kiyya! Ati badhaadha Yesuus Kiristoosiin argatteen jabaadhu.

2 Ka namni hedduu ragaa bayeef ka narraa dhagette kanallee akkasuma worra barsiisuu danda'aniif namoota amanamaa ta'aniitti yaboo kenni.

3 Loltuu mishaa Yesuus Kiristoosii ta'iitii, rakkinna na Woliin qoodami.

4 Namni duulu maruu ka lolaaf erge gammachisu'uuf jedhee, fuudhaa fi daldalaan uf hin hidhu.

5 Akkasuma namni fiigichaan wol morku tokko, yoo akka seera morkii saniititti hin morkine, injifatee badhaasa hin argatu.

6 Qotte bulaan xaaru, worra daraaraa nyaatu keessaa ka duraa ta'uu barbaachisa dubbii jedhu laali.

7 Gooftaan waan maraanuu qaabii sii haa kennu.

8 Akkuma Oduu Nagayaatiin himame Yesuus Kiristoos fiixaa Daawitii ka worra du'e keessaa ka'e yaadi.

9 Ani waan Kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammoo hin dhaamu.

10 Kanaafuu isinillee fayyinna karaa Yesuus Kiristoosiitiin argamu ulfinna bara baraa woliin akka argattan waan worra filatameetiif waan maraanuu hin jabaadha.

11 Dubbiin akkana jedhu amanama'a. «Isa woliin yoo duune, akkasuma isa woliin lubbu'uun jiraanna.

12 Yoo obsinee jabaanee dhaabanne, akkasuma isa woliin moona. Yoo isa waakkanne, akkasuma, innillee nu waakkata.

13 Yoo amanuu baannellee, inni amanamee jiraata. Inni waan uf hin waakkanneef.»


Hojjataa Rabbiin Jaalatamaa Ta'e

14 Waan kana isaan qaabsis, dubbi'iin akka wol hin dhabne, Rabbiin afo'otti gorsi. Kun waan faayidaa hin qabne, worra dhagayullee waan diiguuf.

15 Nama dubbii dhuga'aa qajeellumma'aan dubbatu, hojjataa hin saalfachiifne taate, eennummaa kee ka qoratame Rabbiin afo'otti dhiyeessu'uuf jabaadhu.

16 Haata'uu ammoo dubbii adunyaa tanaa hamtuu ta Rabbi hin jaalanne irraa fagaadhu, cubbuu hojjachuu ka duraa caalaa waan edaataniif.

17 Dubbiin isaanii akka madaa nafa namaa nyaata'aa badhata'aa deemuuti; isaan keessaallee Hemenewoosii fi Filixoosiin fa'a.

18 Isaan kuniinillee du'aa ka'iinsi kanaan dura ta'eera jedha'aa, dhugaa irraa dogoggoranii amantaa namoota gari gari'ii balleessaniiran.

19 «Gooftaan worra ka isaa hin beeka» Akkasuma, «Worri maqaa Goofta'aa waamu maruu hammeena irraa haa fagaatuu» ka jedhu bu'uurri Rabbii ka hin sochoone ka chaappaa qabu jabaatee dhaabata.

20 Mana guddaa keessa meeshaa mukaatii fi meeshaa faaraatitu jira malee, meeshaa meeti'iitii fi worqi'ii calla'aa miti. Gariin ulfinnaaf, gariin salphinnaaf oola.

21 Eeganaa ennullee waan kanniin irraa yoo uf qulqulleesse, woyyuu ulfinnaaf ta'u, ka Gooftaa isaatiifillee fayyadu, meeshaa hujii mishaa maraaf qophaye ta'a.

22 Hawwii ka'imuumma'aa hamaa irraa dheessi; worra garaa qulqullu'uun Gooftaa waamatan woliin qajeellummaa, amantii, jaalalaa fi nagaya jabeessi hordofi.

23 Haata'uu ammoo wol dhabbii akka fidu beekiitii worra ceem'aaniif qora worra hin barannee irraa fagaadhu.

24 Garbichi Gooftaa nama maraa biratti gara-laafeessa, ka barsiisuu danda'uuf nama obsaan jabaatee haa dhaabatuu malee, ka namaan wol hin lolle haa ta'uu.

25-26 Akkasuma maallaataa Rabbi akka dhugaa beekanii fi akka aagii galan isaan taasisa, fedha daabiloosii raawwatu'uuf siiboo isaa jalaa bayanii gara qalbii isaanii hin deebi'an jedha'aa worra isa morman gara laafumma'aan isaan haa adabu.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ