Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

2 Gara Worra Tasaloonqee 3 - WAADAA LAMMATAA

1-2 Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen dubbiin Goofta'aa akka ariiti'iin deemu, isin birattillee akka ta'uutti akka kabajjamu, namoonni hedduu waan hin amanneef, namoota hameeyyi'ii fi worra diiggaa hojjatan jalaa akka baanu nuu faateffadhaa'a.

3 Haata'uu ammoo Gooftaan isin dhaabu ka hamaa irraa isin eegu amanama'a.

4 Waan isin ajanyu amma akka gootan, duranaallee akkasuma akka gootan, waan keessaniif Gooftaa hedanneerra.

5 Gooftaan garaa keenna gara jaalala Rabbii, gara obsa Kiristoosii haa qajeelchu.


Hujii Malee Taa'uun Barbaachisa'aa Miti

6 Obboleeyyan tiyya! Worra worra huji'iif seera malee deemaniif worra akka aaloo nu isinii dabarsineetiin hin jiraanne maraa irraa akka fooyamtan maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya.

7 Attamitti akka nu fakkaachuun isin barbaachisu isinuu waan beettaniif, nu isin biratti haala malee hin jiraanne.

8 Isin birratti waan tokkonilee akka isinitti hin ulfaanne, halkanii fi guyyaa dadhabbi'ii fi Xaari'iin hojjata'aa jiraata'aa turre malee, eennun irraallee buddeena akkanumaan hin nyaanne.

9 Kunillee isin akka nu fakkaattaniif uf akka fakkeennaatitti isinii keennu'uuf turre malee, nu waan baallii hin qabneefii miti.

10 Akkasuma isin woliin hennaa jirru, «Ka hujuu hin jaalanne hin nyaatin» jennee isin seerree waan turreef.

11 Sirima hujii uduu hin hojjanne waan namaa keessa gaala'aa seera malee isin keessa worra deemaniif waan namoota gari gari'ii dhageenneerra.

12 Worri akkanaa kunniin cadhisanii hojjata'aa buddeenuma isaanii akka nyaatan, maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isaan seerra, isaan gorsinalle'e.

13 Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo hujii mishaa hojjachuu hin dadhabinaa'a.

14 Dubbii keenna ka dhaamsa kanaan ergameef ka hin ajajamne eennullee yoo jiraate kana laala'aa akka saalfatu isa woliin wol hin ta'inaa'a.

15 Haata'uu ammoo akka obboleessaatitti isa gorsaa malee, akka diinaatitti isa hin laalinaa'a.


Dhaamsa Dhumaa

16 Rabbiin nagayaa, hennaa maraa karaa maraan, inninuu nagaya isinii haa kennu. Gooftaan isin maraa woliin haata'u.

17 Dhaamsi kun ani Phaawuloos harkuma kiyyaan ka barreese. Ragaan dhaamsa kiyyaa marattuu akkanatti barreesseera.

18 Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haa ta'u.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ