2 Gara Worra Tasaloonqee 2 - WAADAA LAMMATAANama Hamaa 1-2 Obboleeyyan tiyya! Waan dhufa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif waan isa biratti wolgawuu keennaa, Ayyaanaan yookiin dubbii nu biraa isinii ergameen, guyyaan Goofta'aa gayeera jettanii ariifattanii yaada keessaniin hin raafaminaa'a, hin nayinalle'e, jennee isin kadhanna. 3 Eennullee karaa kamiin isin hin dogoggorsin, uduu ganuun firrisee hin dhufne namni mitaa, innillee ilmi badi'ii uduu hin mudhanne guyyaan sun hin dhufu. 4 «Ani Rabbi jedha'aa» labsi'iin hima'aa, haga mana woyyuu Rabbii keessatti, worra Waaqa jedhaman maraa caalaa, ka namoonni kaddaaman maraa ol ka uf qabuu fi morma'a. 5 Hennaa isin woliin jiru, akka kana isiniin jedhe hin qaabattanii? 6 Hennaa ufiititti akka mudhatuuf amma waan isa dhooggu isinuu hin beettan. 7 Dhossaan hunna hameennaa ammumaa hujii irra jira; ta'ullee haga karaa irraa ka'utti amma waan isa dhooggutu jira. 8 Hennaa san ka Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura afaan ufiitiin balleessuu, hennaa deebi'ee dhufu mudhachuu ufiitiin ka balleessu ilmi badi'ii hin mudhata. 9-10 Fayyu'uuf jaalala dhuga'aa worra hin fudhanneef, worra badaniif dhufti isaa maalalee maraa fi malkata sobdootaatiin, soba hamaa maraan, sobu'uun akka hujii seexanaatiin. 11-12 Sababaa kanaaf dhuga'aan worri hin amanne, worri hama'atti gammada'aa turan maruu, akka murtii argataniif sobatti akka amanan, Rabbi hunna isaan wol wolaalchisu isaanitti erga. Isin Fayyinnaaf Filatamtan 13 Nu ammoo worra Goofta'aan jaalatamtan hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa. Rabbi Ayyaanaan woyyoomuu dhugaallee amanu'uun fayyinnaaf akka hangafaatitti waan isin filateeruuf. 14 Waan kanaan ulfinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii akka argattaniif, Oduu Nagayaa nu isinitti lallabneen isin waame. 15 Eeganaa obboleeyyan tiyya, jabaadha'aa dhaabadhaa'a; dubbii keennaanillee yoo ta'e yookiin erga'aaf barreeffamaan waan isin barsiifne jabaadha'aa eegaa'a. 16-17 Gooftaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Rabbiin Abbaan keenna ka nu jaalate badhaadha, jajjabaachuu bara baraatiif, ka abdii mishaa nuu kenne, onnee keessan haa jajjabeessan. Hujii misha'aa fi dubbii maraan isin haa dhaaban. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia