Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

1 Gara Ximotewoosii 5 - WAADAA LAMMATAA


Haala Amantoota Itti Bulchan

1 Jaarsa hin rifachiisin, isa akka abba'aatitti, Ka'imman ammoo akka obboleeyyaniititti.

2 Dubartoota jaaran akka haadhaatitti, shamarran akka obboleetti'iititti yaada qulqullaaya'aan isaan laali.

3 Dubartoota abbaa manaa hin qabne kabajji.

4 Ta abbaa manaa hin qabne ammoo akkayoota yookiin ijoollee ijoollee ufii yoo qabaatte, isaan maatii ufii biratti Rabbiin kabajjuun akka isaanii beekkamuuf, jasaa maatii ufii deebisuu haa baratanii; kun Rabbiin biratti misha'aa fi ka jaalatame waan ta'eef.

5 Ta Abbaa manaa hin qabne ta hojja ufii jiraattu, halkanii fi guyyaa Rabbiin faateffata'aa abdi'iin jiraatti.

6 Ta abbaa manaa hin qabne ta waan adunyaa tanaa callaa jaalattu ammoo, isiin uduu lubbu'uun jirtuu ta duute.

7 Isaanillee mudaa malee akka jiraataniif ajaji.

8 Worra fira isaanii ta'aniif keessumattuu maatii ufiitii ka hin yaanne, eennullee yoo jiraate, inni ka amantaa ufii gane, nama hin amanne caalaa hama'a.

9 Ta abbaa manaa hin qabne galmee irratti yoo bareeffamtu, umuriin isi'ii woggaa jaahatamaa gadi akka hin taaneef, dubartii abbaa manaa tokko qabdu ta'uu barbaachisa.

10 Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, worra rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.

11 Ta abbaa manaa hin qabne qacalee kaawwanitti hin makin.

12 Fedhii foon ufiitiin mooyatamanii, jaalalli Kiristoosii qaban hennaa jalaa dhidhate heerumuu waan barbaadaniif, amantaa ufii ka duraa san waan tuffataniif, isaanitti murteeffama.

13 Hujii hin hujan; mana tokkoo gara mana tokkoo deema'aatti waan hin taane dubbata'aa odeessitootaa fi worra hujii hiikan callaa uduu hin ta'in, worra waan namaa keessa galan ta'an malee, worra hujii hiiku calla'aallee miti.

14 Eegasuu durboonni qacaleen akka heeruman, ijoollee akka dayanii fi mana ufiillee akka bulchan, Worri nu mormu maqaa akka nu hin balleessine isaan kana gorsa.

15 Kanaan dura isaan keessaa gari gariin seexana hordofu'uun amantaa waan gad dhiisaniif.

16 Dubartiin amante takkaaf dhiirrii amane tokko, dubartii abbaa manaa hin qabne maatii ufii keessaa yoo qaabatan woldaa Kiristaanaatitti ba'aa akka hin taane, isaan haa gargaaraniinii.

17 Manguddoonni woldaa seeraan bulchan, keessatuu lallabaa fi barsiisu'uun, worra dadhabanii ulfinna gudda'atu isaan barbaachisa.

18 Kitaabni sangaa qotu afaan hin hidhin akkasuma ammoo hojjata'aafillee mindaan hin barbaachisa waan jedhuuf.

19 Namni lamaa yookiin sadi yoo itti rageesse malee, himannaa manguddoo irratti dhiyaate hin fudhatin.

20 Worri biraallee akka sodaatan, worra cubbuu hujan nama maraa afo'otti gorfadhu.

21 Tokkochallee uduu wol hin caalchifne gara tokkoo uduu hin dabne akka eedu Rabbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Maleekkota filataman afo'otti si gorsa.

22 Eennuun irrallee daddaftee harka kee hin kaayini; cubbuu nama biraatitti hin makamin qulqullinnaan uf eegi.

23 Waan garaa keetiitiif waan dhibee sitti baayi'atuutiif daadhii woyini'ii diqqoo dhugi malee, ammaa achi bisaan callaa hin dhugini.

24 Cubbuun namoota gari gari'ii addaata'a; murtii waan mudhisuuf; kaawwan ammo faanaa deema.

25 Akkasuma hujiin mishaan addaata'a, yoo ifa hin taanellee ammo dhokachuu hin danda'u.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ