Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

1 Gara Ximotewoosii 4 - WAADAA LAMMATAA


Barsiisota Sobaa

1-2 Ayyaanni ammoo adima bara maayeesa keessa namoonni gari gariin barumsa ayyaana sobdoota uf tuultootaatii fi jinni'ii keennamu caqasa'aa, amantaa ganan jedha; yaanni akkanaa kun worra sammuu isaanii akka waan guba'aan gubameetitti hadoode irraa dhufa.

3 Worri sobu kun akka namni wol hin fuune dhooggan, worri amananii dhugaa beekan galata woliin akka fudhatanii hin nyaanne, nyaata Rabbi isaanii uume irraa akka fagaatan godhan.

4 Wonti Rabbi uume martinuu mishaa waan ta'eef, galata woliin yoo fudhatan wonti gatamu hin jiru.

5 Ka dubbii Rabbiitii fi faate'een woyyoome waan ta'eef.


Hojjataa Mishaa Yesuus Kiristoosii Ta'uu

6 Kanaafuu obboleeyyan uduu yaadachiftee amanta'aa fi dubbii barumsa mishaa hordofteen yoo dubbii barsiifte, tajaajilaa mishaa Yesuus Kiristoosii taata.

7 Haata'uu ammoo tapha xuraayaa adunyaa tanaatii fi oduu dubartoota jaartee irraa fagaadhu; bikka san jireenna Rabbitti tolu jiraachu'uuf tattaaffadhu.

8 Nafa jabeessu'uuf uf leenjisuun bu'aa diqqoo qaba. Jiruu Rabbi fedhu jiraatu'uuf uf leenjisuun ammoo jiruu ammaatii fi ta dhuftuttillee abdii waan qabduuf gara maraanuu bu'aa qaba.

9 Dubbiin kun amanama'a, namni martuu fudhatuu barbaachisa.

10 Nu Waaqa jiraataa fayyisaa nama maraa ta'e; keessumatu ka worra amananiititti waan abdanuuf, hin dadhabna, hin arabamnalle'e.

11-12 Kanniin ajaji barsiisille'e dubbii jireennaan jaalalaa fi amanta'aan qulqulluma'aan, worra amanan maraafuu fakkeenna ta'i malee, ijoollummaa keetiif eennullee si hin tuffatin.

13 Haga ani dhufuuf, dubbisuu, gorsuu, barsiisuu irratti jabaadhu.

14 Kennaa hennaa manguddoonni harka sirra keettee sii kadhattee sii kenname, raaga sii dubbatamee fi kennaa badhaadhaa ka si keessa jirutti lash hin jedhin.

15 Guddinni kee waan maraanuu akka mudhatu yaadi; waan kanniinitti hennaa maraa jabaadhu.

16 Waan keetiif barumsa kee midhaassii qabi; kanniin irrattillee jabaadhu kana yoo goote, ufiif worra si dhagayanillee hin fayyifta.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ