Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

1 Gara Worra Tasaloonqee 4 - WAADAA LAMMATAA


Jireenna Rabbiin Gammachiisuu

1 Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya, attamitti akka jiraattaniif, Rabbiinillee gammachiisuu attamitti akka dandeettan, nurraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baayi'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna, isin gorsinalle'e.

2 Maqaa Gooftaa Yesuusiitiin ajaja kamiin akka isinii kennine waan beettaniif

3 Fedhiin Rabbii akka woyyoomtaniif.

4-5 Seebaruu irraa akka fagaattan, akka worra Yihuudii hin taanee, ka Rabbiin hin beenne sanniin fedhaa fi dharraa foonii hamaa hin qabaatinaa'a. Isin keessaa namni maruu nafa ufii woyyumma'aa fi ulfinnaan haa eeggatuu.

6 Ammallee akkuma duraan isiniin jennee fi akkuma isinii ranne, Gooftaan waan kana maraa waan haluu bayuuf eennullee waan kanaan akka hin yakkine obboleessa ufiillee akka hin sobne.

7 Rabbi Battumma'aaf uduu hin taane, woyyumma'aaf nu waameera.

8 Eeganaa namni gorsa kana jibbu, nama jibbuu isaatii miti. Rabbii Ayyaana woyyuu akka isin keessa jiraatuuf kenne san jibbe malee.

9 Waan wol jaalachuu obboleeyyanii isinii barreessuun hin barbaachisu. Wol jaalachuun akka isin barbaachisu isinuu Rabbiin irraa waan barattaniirtaniif.

10-12 Akkasumallee Obboleeyyan Maqedooniyaa keessa jiran maraaf waan gootaniif. Haata'uu ammoo Obboleeyyan tiyya, ka duraa caalaa akka baayi'attan cadheensaanillee akka jiraattan, akka hinaaftan, waan keessan irrattillee akka uf eeddan, akkuma nu isin ajanye, worra hin amanne jiddu'utti, haalaan akka jiraattan, waan isiniif barbaachisuufillee harka namaa irraa akka hin eegganne, harka keessaniin akka hojjattaniif isin kadhanna.


Dhufa Goofta'aa

13 Haata'uu ammoo obboleeyyan tiyya! Akka worra abdii hin qabnee, akka worra kaawwanii akkasuma akka hin gaddine, waan worra du'anii akka beettan hin jaalanna.

14 Yesuus akka du'ee fi du'aa akka ka'e yoo amanne, akkasuma Yesuusitti amananii worra du'an, Rabbi gara ufii waan isaan fiduuf.

15 Wonti dubbii Goofta'aatiin isiniin jennu kana waan ta'eef, nu jiraattota taane, haga Gooftaan deebi'ee dhufuuf nu worri jirru, worra du'anillee hin firrifnu.

16 Gooftaan inninuu ajajaan laagaa bulchaa Maleekka'aatiin laagaa xurumbaa Rabbiitiinillee sami'ii waan bu'uuf, worri Kiristoosiin amananii du'an firrisanii ka'an.

17 Achiin maayii, nu worri jiraata'aarru, Gooftaa qilleensa irratti reebbachu'uuf isaan woliin duummeessaan ol fudhatamna. Achiin maayii hennaa maraa Gooftaa woliin jiraanna.

18 Kanaafuu isin dubbii kanaan wol jajjabeessaa'a.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ