1 Gara Worra Tasaloonqee 3 - WAADAA LAMMATAAXimootiwoos Gara Tasolonqe'ee Ergame 1 Kanaafuu obsuu dadhabnaan, ganda Ateena'aatitti hojjuma keenna hafu'uuf murteeffanne. 2 Waan amantaa keessaniitiif akka isin jajjabeessuu fi akka isin gorsu, obboleessa keenna tajaajilaa Rabbii ka nu woliin Oduu Nagayaa Kiristoosii hojjatu Ximotiwoosiin gara keessan ergineerra. 3 Sababaa rakkinna kanaatiin eennullee akka hin raaffamne, waan kanaaf akka filamne isinuu waan beettaniif. 4 Hennaa isin woliin jiru, rakkinni akka nu irra gayu duraanuu isinitti himneerra. Akkasuma akkuma isin beettan wonti sun dhugamaan ta'eera. 5 Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe, maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantaa keessan beeku'uuf isa ergeera. 6 Amma ammoo Ximootiwoos isin biraa gara keenna dhufeeti, waan amantaa keessaniitii fi waan jaalala keessanii oduu nama gammachiisu hennaa nutti hime, nullee isin argu'uuf akkuma yaannu, akka nu argitan yaada'aa hennaa maraa isin waan keennaaf mishaa akka yaaddan nutti hime. 7 Kanaafuu obboleeyyan tiyya, karaa amantaa keessaniitiin rakkinnaa fi miidhamuu keenna maraa sababaa amantaa keessaniitiin jajjabaanneerra. 8 Yoo isin Goofta'aan jabaattanii dhaabattan, amma nullee jiru'uun jiraanna. 9-10 Fuula keessan argu'uuf, waan amantaa keessan keessaa hanqate isinii guutu'uuf halkanii fi guyyaa hagaa olitti Rabbiin kadhata'aa, waan keessaniif, Waaqa keenna afo'otti gammachuu gammannu maraa sababaa keessaniif Rabbii hagam galata galchuu dandeenaa? 11 Waandhi kaddaamamaan Abbaan keennaa fi Gooftaan keenna Yesuus Kiristoosillee gara keessan karaa nuu haa qajeelchu. 12-13 Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos woyyoota maraa woliin hennaa dhufu, afoo Waaqa Abbaa keennaa, woyyootaa fi worra mudaa hin qabne isin taasisee, onnee keessan akka dhaabu akkuma nullee isinii taane Goofta'aan waan wolii qabnu jaalala maraafuu ta'uun isinii haa guddisu, haa eda'ullee. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia