1 Gara Worra Tasaloonqee 2 - WAADAA LAMMATAAHujii Phaawuloos Tasolonqe'etti Hojjate 1 Obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufuun keenna duwwaa akka hin taane hin isinuu hin beettan. 2 Haata'uu ammoo akkuma beettan Filiphisiyuusitti dura rakkinna nu irra gayeen xaarii dadhabbii hedduun Oduu Nagayaa isinitti himuu Waaqa keennaan uggine. 3 Kadhaan keenna dogoggoraan yookiin battumma'aan yookiin hammeennaan waan hin turreef. 4 Haata'uu ammoo, akka Rabbi qoree nu laalee amanamtoota ta'uu keenna argee, Oduu Nagayaa yaboo nutti keennetti dubbanna. Kanallee yoo goonu, Rabbii keessa keenna qoru san gammachiisu'uuf malee, nama gammachiisu'uufii miti. 5 Akkuma isin beettan, akkuma Rabbillee nuu ragu dubbii sossobu'uutiin hin dubbanne. Kajeellaa dhoffachu'uuf jennee hin fakkeessine, hin hojjannelle'e. 6 Ergamaa Kiristoosii taanee isinitti ulffaachuu uduu dandeennu, isin irraa ta'ee yookiin kaawwaan irraa yookaan nama irraa, ulfinna hin barbaanne. 7 Haata'uu ammoo akkuma guddiftuun ijoollee ufii kunuunsitu, isin jiddu'utti gara-laafeyyii taane. 8 Akkasuma isin jaalata'aa Oduu Nagayaa ka Rabbii qooduu callaa uduu hin taane, lubbuu teennallee akkasuma isinii keennuun fedhaa fi jaalala keenna. Waan jaalatamtoota keenna taataniif. 9 Obboleeyyan tiyya! Dadhabbii keennaa fi xaarii keenna waan qaabattaniif, isin keessaa nama tokkottillee akka hin ulfaanne, halkanii guyyaa hojjata'aa, Oduu Nagayaa ka Rabbii isinitti lallabne. 10 Isin worra amantan jiddu'utti woyyummaa attamiitiif qajeellummaa mudaa hin qabneen akka deemne, isiniif Rabbillee raga'a. 11-12 Rabbii gara jeennataatii fi gara ulfinna ufii isin waame kanaa akka ta'utti akka jiraattan, isin gorsaa, isin jajjabeessa, isinii raga'aa, akkuma abbaan ijoollee ufiitii ta'u isin maraafuu waan taane hin beettan. 13 Kanaafuu dubbii maleekkootaa, innillee dubbii Rabbii hennaa nurraa fudhattan, dhugaa isin keessa jiru isin worra amantan birattillee akkasuma akka hojjatu akka dubbii Rabbiititti malee, akka dubbii namaa gootanii waan hin fudhanneef, nullee hennaa maraa uduu addaan hin kunne Rabbiin galateeffanna. 14 Isin obboleeyyan tiyya, worra Yihuudaa jiraatan ka Kiristoos Yesuusitti amananii Woldaa Rabbii worra fakkaatan taataniirtan; worra Yihuudotaa irraa akkuma rakkinni isaan irra gaye; isinillee akkasuma rakkinni akkasii sun namoota biyya keessanii irraa isin irra gayeera. 15 Sunninillee akkasuma Gooftaa Yesuusiin ajjeesanii, raattotaa fi nullee hin ari'an, Rabbiinillee hin gammachiisan, namoota maraa hin morman. 16 Hennaa maraa cubbuu hojjatu'uun worri Yihuudiin hin taane akka fayyan akka isaanitti hin himne nu dhooggan. Haata'uu ammoo dheekkamsi Rabbii hagaa ol isaan irra gayeera. Phaawuloos Worra Tasolonqe'ee Deebi'ee Arguu Hawwe 17 Nu ammoo obboleeyyan tiyya, gara'aan uduu isin bira jirru, hennaa diqqo'oof ijaan wol arguu dhabnee gargar yoo baanellee, guddifnee waan isin yaanneef ijaan isin argu'uuf yaanneerra. 18 Gara keessan dhufuu barbaannee turre, keessattuu ani Phaawuloos hennaa tokkoo fi lama dhufuu yaaleeti seexanni ammoo nu tursiise. 19 Abdiin keenna, gammachuun keennaa fi Kallachi ulfinna keennaa eennu? gaafa Gooftaan keenna Yesuus dhufu, isa afoo dhaabanne worri ittiin boonnu isin malee eennu? 20 Isin ulfinna keenna, gammachuu keennalle'e. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia