Kitaaba Weedduu Weedduu Caalu 4 - Kitaaba WoyyuuIdaayyicha 1 Jaalalloo tiyya! Ati attamitti bareedda! attamitti namatti tolta! ijji tee akka ija kuula handari'iititti bareeda rifeensi kee ka mata'aa tika re'iinii ta gaara Gila'aadii irraa gad hurriftu fakkaata. 2 Ilkaan kee akka hoolota hennaa rifeensi isaanii muramu nafti isaanii dhiqamee bisaan keessaa bayaniiti; hoolonni tunniin maruu lakku lakkuu dhaluu malee isaan keessa maseenni tokkollee hin jiru. 3 Hidhiin tee jirbii diimaa dhiilgee iddame fakkaata; haasofni kee namatti tola; boqoon tee lamaan roomaanii bakka lamatti addaan dhooye fakkaatti; shaashii ati haguuggatte keessaan mudhatti. 4 Mormi kee goom'ee rarraasa'aa ka Daawitii ka wonteen gugurdaan kumni tokko itti fannifamu ka wonteen goototaa hundinuu itti rarraafaman fakkaata. 5 Guntunni kee lachuu akka ilmoolee borofaa ta lakkuu dhalattee abaaboo suufi'ii keessa dheedduu fakkaata. Faaruu arfeesso'oo Tokkummaa Fuudhaa Fi Heerumaa Faaruu arfeesso'oo 6 Ani uduu lafti hin gagaarranne uduu aduunillee hin baane, gara gaara karbeen irratti biqiluu, gara gaara hixaanaallee hin dhaqa. 7 Jaalalloo tiyya qaamni kee guutuun bareeda; mudaa takkallee hin qabdu. 8 Idaayyittii tiyya! Libaanoosiin irraa gara kiyya koottu; Ee gara kiyya koottu; goda leencaa, gaara qeerransaa, Roggee Eermoonii irraa, qaccee Saanerii irraa Roggee tulluu Amaana'aa irraa gad bu'i. 9 Obboleetti tiyya idaayyaa jaalallo'oo ati midhuu takkatti'iin, dirata morma keetiitiinillee laphee na raafte. 10 Obboleettii tiyya idaayyaa jaalallo'oo, jaalalli kee attam nama gammachiisa! jaalalli kee daadhii woyini'ii caalaa nama gammachiisa; urgaan urgooftuu keetii urgooftuu maraa caala. 11 Idaayyittii tiyya! hidhii kee irraa nadhii dammaatitu coccopha; afaan kee keessaa aannanii fi dammatu burqa; urgaan uffata keetii akka urgoo Libaanosii urgaaya. 12 Idaayyittii tiyya, ati akka hulee dhaaba abaabo'ootii fi akka burqaa waan biraatiif qophaayeeti. 13 Karaan ati luftuun akka hulee daraaraa mi'aayu ka roomaani'ii, ija mukaa filatamaa Heenna'aa fi naardoos keessa guuteeti. 14 Akkasuma Naardoosii fi agamsa, hinaari'ii fi qarafaa, munni gara garaa ka hixaanaa, munni qumbi'iitii fi munni sabiri'ii urgooftuun maraa caalullee achi keessa jira. 15 Ati akka burqaa hulee dhaaba biqiltu'uu jiruu, boolla bisaan taliilli keessaa yaa'uu, akka bisaan Libaanosiin irraa yaa'uuti. Idaayyittii 16 Qilleensa kaabaa! ka'i! atillee qilleensa kibbaa as koottu! gara hulee biqiltuu kiyyaa bubbisi; qilleensillee urgaa misha'aan haa guuttamu; jaalalloon kiyya gara hulee dhaaba biqiltuu ufii seenee daraaraa mishaa haa nyaatuu. |