Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Seera Laakkobsaa 4 - Kitaaba Woyyuu


Hujii Gofti Qa'aatii Hojjatan

1 Rabbi Muuse'ee fi Aaroonitti akkana jedhee dubbate.

2 «Gosa ijoollee Leewwi'ii jiddu'uu akka gosa isaaniitiin, akka horte manniin abboota isaaniitiin laakkobsa ijoollee Qa'aatii fuudhi;

3 Worra woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru, worra hojjachu'uuf dandeettii qaban daasee wol gayi'ii maraa keessaa wolitti eda'i.

4 Daasee wol gayi'ii hulee woyyuu keessatti hujiin ijoollee Qa'aatii kana.

5 «Hennaa hulee sanii ka'an Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii seenanii golga hulee wol gayi'ii san dhossu haa buusanii; saanduuqa raga'aallee ittiin haa maranii;

6 isa irrattillee erbee dhifamee laafeen haa maranii; loosaallee keessa haa galchanii.

7 «Gabatee buddeenni kennaa Rabbii itti dhiyaatu haa golganii; isa irrattillee saanii ittoo itti dhiyeessan, mooqqaa, mijuu, waan ittiin woraabbamullee isa irra haa godhanii; buddeenni hennaa maraa jiraatu isa irra haa ta'uu.

8 Isaan irrattillee carqii diimaa badhisaa'a; erbee sukkuumamee laafeen nafa isaanii dhossaa'a; loosaallee isa keessa galchaa'a.

9 «Uffata bulee haa fuudhanii; baattuu ibsa'aa ka ifu waan gaga'aaf sayitii ittiin ibsan, girgiraa daara'aa, waan baattuu daara'aa irra kaayan isallee hojjachu'uuf mi'a sayiti'ii maraa itti haa uwwisanii;

10 isaa fi mi'a maraa erbee sukkuumamee laafe keessa kaayanii waan isa ittiin baatanillee itti haa tolchanii.

11 «Ciincaa worqi'ii irratti uffata bulee haa uwwisanii; erbee busaawa'aa ka sukkuumameen maranii loosaa baadhataniin keessa haa galchanii.

12 Mi'a mana woyyuu keessatti ittiin hojjatan maraa haa fuudhanii; uffata bulee keessa haa kaayanii; gogaa busaawa'aa ka sukkuumameen haa maranii; waan isa ittiin baatanillee itti haa godhanii

13 daaraa ibiddaallee hulee ciinca'aa irraa haa kaasanii; uffata hamara itti haa uwwisanii;

14 Mi'a ittiin hojjatan maraa, girgiroota, qadhabaawwan, waan barbadaa ibiddaa ittiin haadhan, distoota, meeshaa ciincaa itti dhiyeessan maraa irra kaayanii isa irratti gogaa busaawa'aa ka dhifame irra badhisanii loosaa keessa haa luqqisanii;

15 Hennaa achii ka'e Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii mi'a mana woyyu'uutii fi mana woyyuu haga uwwisaniin maayessa ijoolleen Qa'aatii hennaa san baadhachu'uuf dhufan isaan akka hin duuneef mana woyyuu akka hin tundhe daasee wol gayi'ii keessatti wonti ijoolleen Qa'aatii baadhattu kana.

16 «Ilmi gadicha Aaroonii Alaazar ibsaa sayiti'ii ciincaa midhaanii mi'aayaa ka hennaa maraa dhiyaatu sayitii muudamaa irratti haa muudamuu; daasee wol gayi'iitii fi waan isa keessa jiru maraa haa eeguu» jedheen.

17 Rabbi Muuse'ee fi Aaroonitti akkana jedhee dubbate.

18 «Gosa worra Qa'aatii worra Leewwotaa jiddu'uu hin balleessin;

19 Garuu hennaa gara woyyittii woyyootaa dhiyaatan isaan akka hin duune akka lubbu'uun jiraatan godhi; Aaroonii fi ijoolleen isaa keessa haa seenanii; nama maraa akka hojjatanii fi akka waa baadhatan haa ajajanii.

20 Garuu isaan akka hin duune meeshaa mana woyyuu keessa jiru laalu'uuf tasumallee akka hin seenne» jedheen.


Hujii Gofti Geedisoonii Hojjatan

21 Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate;

22 «Ijoollee Geedisooniitii fi hortee manniin abboota isaanii, gosa isaanii maraa fuudhi;

23 hujii daasee wol gayi'ii keessatti akka hojjataniif nama woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiran ka daasee wol gayi'ii keessa seenan maraa laakkayi;

24 hujiin worra Geedisoonii ka isaan hojjatanii fi wonti isaan baadhatan kana.

25 Golga daasee wol gayi'ii, daasee wol gayii, waan isa irra dhayan, gogaa busaawa'aa ka sukkuumamee laafe, golga balbala daasee wol gayi'ii,

26 golga daasee wol gayi'iitii fi golga naannaya hulee ciinca'aaf itti bayanii, mi'a ittiin hojjatan, haada ittiin waa hidhan maraa haa baadhatanii; achitti haa hojjatanii.

27 Hujiin worra Geedisoonotaa hujiin isaaniitii fi ba'aan isaanii maruu ajaja Aarooniitii fi ajaja ijoollee Aarooniitiin haa ta'uu; ba'aa baadhatan maraa isaanitti himtan.

28 Hujiin worra Geedisoonotaa daasee wol gayii'ii keessatti kana; isaan ilma Aaroonii Itaamiriin jala ta'an.


Hujii Gofti Meeraarii Hojjatan

29 «Ijoollee Meeraariillee akka gosa isaaniitii fi hortee manniin abboota isaanii laakkayi;

30 Hujii daasee wol gayi'ii akka hojjatan worra hujii hojjachuu danda'an maraa namoota woggaa soddomaa haga shantamaa jiran maraa laakkayi;

31 hujiin isaanii ka daasee wol gayi'ii keessaa maruu cufanaa'a, loosaa cufana'aa, waan irra taa'an, miillan isaanii,

32 utubaa naannaya isaanii dhaabatan, miillan isaanii, xiribbaa isaanii, waan ittiin hidhan, mi'a maraa, waan ittiin hojjatan maraa baadhachuu mi'a baadhatanii fi ka eegan maraa maqaa isaaniitiin laakkayaa'a.

33 Hujiinii fi gayeen ijoollee worra Meeraarii ilma gadicha Aaroonii Itaamiriin jalatti hujiin isaanii ka daasee wol gayi'ii keessaa kana.»


Baay'inna Leewwotaa

34 Muuse'ee fi Aaroon bulchoonni bani'iillee ijoollee Qa'aatii akka gosa isaaniitiin hortee manniin abboota isaanii hin laakkayan.

35 Worra daasee wol gayi'ii keessatti hujii hojjachu'uuf seenan maraa namoota woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru laakkayan;

36 Akka gosa isaaniitiin isaan keessaa worri laakkayaman maruu kuma lamaa fi dhibba torbaa fi shantama turan.

37 Akkuma Rabbi Muusee ajaje worri daasee keessatti hojjatan maruu worri Qa'aatii ka Muuseenii fi Aaroon laakkayan kanniin.

38 Ijoolleen Geedisoonii akka gosa isaaniitiin akka hortee manniin abboota isaaniitiin,

39 huji'iif worri daasee wol gayi'ii keessa hojjachu'uuf seenan namni woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru,

40 akka gosa isaaniitii fi akka hortee manniin abboota isaaniitiin worri laakkayaman namoota kuma lamaa fi dhibba jahaa fi soddoma turan.

41 Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen Geedisoonii ka daasee wol gayi'ii keessatti tajaajilan akka gosa isaaniitiin worri Muuseenii fi Aaroon laakkayan kanniin.

42 Gofti worra ijoollee Meeraarii akka hortee manniin abboota isaaniitiin worri laakkayaman,

43 worri daasee wol gayi'ii keessatti hojjachu'uuf seenan maruu namni woggaa soddomaa irraa jalqabee haga wogga shantamaa jiran,

44 akka gosa isaaniitiin worri laakkayaman namoota kuma sadihii fi dhibba lama turan.

45 Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen worra Meeraarii ka Muuse'ee fi Aaroon laakkayan kanniin.

46 Worri Leewwotaa akka gosa isaaniitiin, akka hortee manniin abboota isaaniitiin ka Muusee, Aaroonii fi bulchoonni Israa'elii laakkayan,

47 Worri daasee wol gayi'ii keessatti hujii hojjachu'uuf, mi'a baadhachu'uuf seenan maruu, nama woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru,

48 worri isaan keessaa laakkayame namoota kuma saddeetii fi dhibba shanii fi saddeettama.

49 Akkuma Rabbi Muusee ajaje marti isaaniituu akka hujii isaaniitiif ba'aa isaaniitiin harka Muuse'eetiin laakkayaman; akkuma Rabbi Muusee ajaje isaan harka isaatiin laakkayaman.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ