Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Seera Laakkobsaa 3 - Kitaaba Woyyuu


Ijoollee Dhiiraa Ta Aaroonii

1 Hennaa Rabbi gaara Siina'aa irratti Muuse'etti dubbatu horteen Aarooniitii fi Muuse'ee kana ture.

2 Maqaan ijoollee Aaroonii ka hangafaa Naadaab, Abiyuudi, Alaazaarii fi Itaamiir.

3 Maqaan ijoollee Aaroonii gadoonni muudaman ka akka gadumma'aan tajaajilaniif woyyooman kanniin.

4 Garuu Naadaabii fi Abiyuudi gammoojjii gaara Siina'aa irratti hennaa Rabbiin afo'otti ciincaa ibiddaan ciincawu dhiyeessan Rabbiin afo'otti dhayamanii du'an; isaan ijoolleellee hin qaban; Alaazarii fi Itaamiri abbaa ufii Aarooniin afo'otti gadumma'aan tajaajila'aa turan.


Gayee Hujii Leewwotaa

5 Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

6 «Gosa Leewwi'ii akka Rabbii hojjatan gadicha Aarooniin afoo fidii dhaabsisi.

7 Isaan akka hujii daasee wol gayi'ii keessatti hojjatan isaa fi banii maraa akka tajaajilan waan barbaachisu maraa daasee wol gayi'ii afo'otti haa eeganii.

8 Hujiin daasee wol gayi'ii keessatti hojjatamu akka hojjatamu mi'a maraa daasee wol gayi'ii keessatti haa eeganii; ijoollee Israa'elii tajaajila'aa waan isaan barbaachisu haa eeganii.

9 Worra Leewwotaa Aaroonii fi ijoollee Aarooniitii kennita; isaanillee ijoollee Israa'eliitiif kennaman.

10 Aaroonii fi ijoollee Aaroonii muudi; isaanillee gadummaa ufii haa eeganii; namni biraa yoo itti dhiyaate haa ajajjeefamuu»

11 Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate,

12 «Ijoollee Israa'elii biratti waan hangafa dhalatu maraa ijoollee Israa'elii keessaa Leewwota fudhadheera.

13 Hangafni maruu kiyya waan ta'eef worri Leewwotaa kiyya haa ta'anii; guyyaa ani biyya Misirii keessatti hangafoota maraa ajjeese sa'aa nama keessaa hangafoota Israa'elii hambifadheeraa tajaajiltoota kiyya haa ta'anii; Ani Rabbiin waan ta'eef»

14 Rabbi Muusee gammoojji gaara Siina'aatitti akkana jedhee itti dubbate;

15 «Ijoollee Leewwotaa hortee manniin abboota isaanii akka gosa isaaniitiin laakkayi; dhiira dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii maraa laakkayi»

16 Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajajetti isaan laakkaye.

17 Maqaan ijoollee Leewwi'ii kanniin; Geedisoon, Qa'aatii fi Meeraar.

18 Maqaan ijoollee Geedisoonii akka gosa isaaniitiin kanniin; Loobeenii fi Saame'i.

19 Ijoollee Qa'aatii akka gosa isaaniitiin Imbaaraam, Yisi'aar, Keebroonii fi Uuzi'eel;

20 Ijoollee Meeraarii akka gosa isaaniitiin Mohoolii fi Muusi'i; gofti worra Leewwotaa akka hortee manniin abboota isaaniitiin kanniin.

21 Gofti Loobeenotaatii fi gofti Saame'aawotaa gosa Geedisooniitiin wolitti makaman; gofti Geedisoonii kanniin;

22 isaan keessaa worri laakkayaman laakkobsi dhiiraa ka nama dhalatee ji'a tokko gayee fi ka achii olii worri laakkayaman namoota kuma torbaa fi dhibba shan turan.

23 Gofti Geedisoonotaa daasee wol gayi'iitiin duuba cinaa dhiyaatiin quphatan.

24 Bulchaan hortee abboota Geedisoonotaa Elsaafii ilma Daa'eeliiti;

25 gofti Geedisoonotaa daasee wol gayi'iititti wonti eegan hulee bulti'ii, waan isa irra dhayan, golga balbala daasee wol gayi'ii,

26 golga hulee daasee wol gayi'ii, naannaya hulee waa irra dhayanii, golga wol gayi'ii, naannaya hulee ciinca'aatii fi bakka itti bayan, haada hulee sanitti tajaajilamaniin maraa hin eegan.

27 Gosa Qa'aatii keessaa worri Imbaaraamotaa, worri Yisi'aarotaa, worri Keebrootaatii fi worri Uuzi'eelotaa achi turan; worri Qa'ootaa kanniin fa'a.

28 Dhiirti maruu akka laakkobsa isaaniitiin ka dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii nama kuma saddeetii fi dhibba jaha; isaan mana woyyuu eega'aa turan.

29 Daasee bulti'ii ladda gara bita'aatiin quphatan.

30 Bulchaan mana abboota worra Qa'aatii ilma Uuzi'eelii Eelsaafaaniin ta'a.

31 Isaan saanduuqa waada'aa, gabatee baattuu ibsa'aa, waan ciincaa irratti dhiyeessan, waan ittiin tajaajilan, mi'a mana woyyu'uu golgaa fi waan ittiin tajaajilan maraa eegan.

32 Bulchaan bulchoota Leewwotaa ilma gadicha Aaroonii Alaazar; inni bulchaa worra mana woyyu'uu eeganiiti.

33 Gofti Meeraarii worra Molaalaawotaatii fi worra Muusaawotaati; worri Meeraarii kanniin.

34 Isaan keessaa dhiirti maruu akka laakkobsa isaaniitiin worri laakkayaman namni dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii kuma jahaa fi dhibba lama.

35 Bulchaan mana abboota worra Meeraarii ilma Abikaa'ilii Suuri'eeliin ture; isaan ladda hulee daasee bulti'ii gara mirgaatitti quphatan

36 wonti ijoolleen Meeraarii eeddu cufanaa balbala daasee bulti'ii,

37 loosaa isaa, utubaa'a, miila isaatii fi meeshaa maraa waan ittiin tajaajilan, mana utubaa naannaya hulee itti bayanii dhaabatu miillan isaa, xiribba'aa fi haada hidhaniin fa'a eegan.

38 Worri daasee wol gayi'ii afoo gara baya biiftu'uutitti daasee bulti'ii afo'otti quphatan Muuse'ee fi ijoollee Aarooniiti; isaan mana woyyuu ijoollee Israa'eliitii eegan; yoo namni biraa dhufe hin ajjeefama.

39 Worri ajaja Rabbiitiin Muuseenii fi Aaroon laakkayan dhiirti worra Leewwotaa maruu ka dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii worri laakkayaman maruu namoota kuma diddamii lama turan.


Worri Leewwotaa Ijoollee Israa'elii Ta Hangafa Dhalatan Bakka Bu'an

40 Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Banii Israa'elii keessaa dhiira hangafaa maraa laakkayi; nama dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii laakkobsa maqaa isaanii fuudhi;

41 bikka hangafa ijoollee Israa'elii maraa worra Leewwotaa, busaawaa worra Leewwotaa, bikka horii hangafaa ka ijoollee Israa'elii maraa ana Rabbiif fuudhi»

42 Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje hangafa ijoollee Israa'elii mara laakkaye.

43 Isaan keessaa worri laakkayaman dhiira keessaa hangafni maruu akka maqaa isaaniitiin ka dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii namoota kuma diddamii lamaaf dhibba lamaa fi torbaatamii sadihii turan.

44 Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate,

45 «Bikka hangafa ijoollee Israa'elii maraa horii Leewwotaa bikka horii isaanii fuudhi; worri Leewwotaa kiyya haa ta'anii; ani Rabbiin waan ta'eef.

46 Ijoolleen Israa'elii worri hangafa ta'anii dhalatan, laakkobsaan worra hangafa Leewwotaa dhibba lamaa fi torbaatamii sadihiin waan caalaniif kanniin hori'iin furi;

47 mara isaaniituu madaala beekkame irra kaayiitii saqilii shanii kaffalchiisi.

48 horii hafe ka ittiin furtu san Aaroonii fi ijoollee Aarooniitii kenni»

49 Muuseen horii ijoollee Leewwotaa ka ittiin furee irraa hafe hin fudhate.

50 Saqilii hangaffan ijoollee Israa'elii saqilii kuma tokkoo fi dhibba sadihii fi jahaatamii shanii ka madaala sirrii

51 akkuma Rabbi isa ajaje Muuseen saqilii ittiin furan san fuudhee Aaronii fi ijoollee Aarooniitii kenne.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ