Seera Laakkobsaa 16 - Kitaaba WoyyuuDiddaa Qoree, Daataanii Fi Aberoon Fa'a Raawwatan 1 Ilmi Leewwi'ii, ilmi Qa'aatii, ilmi Yis'aarii Qoree, ijoollee Eeliyaabii Daataan, Aberoonii fi ilmi Faaleetii Oon Muuse'etti ka'an. 2 Ijoollee Israa'elii keessaa namoonni dhibbi lamaa fi shantamaa isaan gargaaran; bulchoonni banii keessaa filataman worri gurra dhagayatan achi turan; 3 Muuse'ee fi Aarooniin biratti wal gayanii «Baniin maruu woyyu'u; Rabbi isaan jidduu jira; isin maaf banii Rabbiititti uf jajjan?› » Jedhan. 4 Muuseen haga waan kana dhagaye kallachaan kufee kadhate; 5 Qore'ee fi gosa isaa marattuu «Boru Rabbi nama isaaf fooyame, woyyuunillee ennuun akka ta'e nutti beessisa; nama filatamellee gara ufii dhiyeessa. 6 Qoreenii fi gofti isaa maruu akkana godhaa'a; girgiraa hixaanaa keessan fuudhaa'a; boru Rabbiin afo'otti hixaana ibiddatti buusaa'a; 7 achiin maayessa namni Rabbi filate woyyuu ta'a; isin ijoolleen Leewwi'ii guddiftanii bira dabarsitaniirtan» isaaniin jedhe. 8 Muuseen Qore'een akkana jedhe, «Isin ijoolleen Leewwi'ii dhagayaa'a! 9 isin worri Rabbi banii Israa'elii keessaa isin filate mana woyyuu Rabbii akka ijaartanii fi akka hojjatan, banii afoo akka dhaabattanii fi ka Rabbi gara ufii isin dhiyeesse isin hin gawuu? 10 Si'ii fi ijoollee Leewwi'ii obboleeyyan tee maraa gara ufii isaan dhiyeesseera; akkasuma gadootallee ta'uu hin barbaaddanii? 11 kanaafuu atii fi worri kee maruu Rabbitti ka'u'uuf wol taataniirtan; wonti isin Aarooniin irratti guguungumtaniif inni eennu?» 12 Kanaan maayessa Muuseen ijoollee Eeliyaabii Daataanii fi Aberooniin akka waaman erge; isaan garuu, «Hin dhufnu» jedhan; 13 lafa gammoojji'ii keessatti nu fixu'uuf ka biyya dammaa fi aannan baaftuu nu baafte si hin gayuu? Deebitee nu irratti uf moosiftaa? 14 ati lafa biyya dammaa fi aannan baaftutti nu hin galchine maasa'aa fi woyinii nu hin dhaalchifne; ati nu sobuu barbaadda; eeganaa nu gara kee hin dhufnu» jedhan. 15 Muuseen guddisee aaree Rabbiin, «Gara kennaa isaanii hin laalin; ani isaan irraa harree takkattiillee hin fudhanne; isaan keessaallee nama tokkollee hin miine» jedhe. 16 Muuseen Qore'een, «Boru atii fi worri kee maruu Aaroonillee Rabbiin afo'otti wol gayaa'a. 17 Isin maruu girgiraa keessan fuudhaa hixaana itti buusaa'a; isin maruu girgiraa keessan Rabbiin afoo girgiraa dhibba lamaa fi shantamaa fidaa'a atii fi Aaroonillee girgiraa keessaa fidaa'a» jedhe. 18 Kanaafuu isaan maruu girgiraa ufii fudhatanii ibiddaa fi hixaana itti buusanii Muuse'ee fi Aarooniin woliin balbala daasee wol gayi'ii afoo dhaabatan. 19 Qoreenillee banii maraa gara balbala daasee wol gayi'ii isaan biratti wolitti qabe; ulfinni Rabbii banii san marattuu hin mudhate. 20 Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin, 21 «Mara isaaniituu haga limsuu ijaa keessatti isaan balleessa; banii kana jiddu'uu baya'aa achi siiqaa'a» jedhe. 22 Isaanillee kallacha ufiitiin gadi kufanii «Yaa Rabbi ati uumaa lubbuu nama maraati; namni tokkochi yoo cubbuu hojjate, ati banii maraanuu loltaa?» Jedhan. 23 Rabbi Muuse'een akkana jedhe, 24 «Bani'iin, naannaya hulee bulti'i ka Qore'ee, ka Daataaniitii fi ka Aberoonii irraa siiqaa'a› jedhii isaanitti himi» jedheen. 25 Kanaan maayessa Muuseenillee ka'ee gara Daataanii fi Aberoonii dhaqe; jaarsonni Israa'eliillee isa faanaa deeman; 26 bani'iin «Yabo'ootii daasee worra haammeeyyi'ii kana irraa siiqaa'a; isin cubbuu isaaniitiin akka hin banne waan isaanii maraa hin tuqinaa'a» jedhee isaanitti hime. 27 Naannaya Qoree, Daataanii fi Aberooniitii siiqaa'a; Daataanii fi Aberoon, dubartoonni, ijoolleenii fi daa'imman isaanii bayanii balbala daase'ee afoo dhaabatan. 28 Hennaa san Muuseen bani'iin, «Hujii kana maraa akka hojjadhuuf akka Rabbi na erge akka onnee kiyyaa hin taane kanaan beettan. 29 Namoonni kunniin uduu hin adabamne du'a eennullee du'u yookaan yoo akkuma namoota kaawwanii hin qoomamin Rabbi na hin ergine. 30 Garuu Rabbi waan haarawa godhee lafti afaan bantee isaanii fi waan isaan qaban maraa yoo liqimsite uduma lubbu'uun jiran gara ibidda asaabaa bu'an; yoo san namoonni kunniin akka Rabbiin tuffatan beettan» jedheen. 31 Haga inni waan kana dubbatee raawwate lafti baqaxxee, 32 afaan bantee isaanii fi maatii isaanii waan namoonni Qore'ee qaban maraa mi'a isaanii maraa liqimsite. 33 Isaanii fi wonti isaan qaban maruu uduma lubbu'uun jiran gara ibidda asaabaa bu'an; laftillee isaan liqimsitee isaan irratti cufamte; isaan akka kanaan banii keessaa hennaa san fooyamanii badan. 34 Ijoolleen Israa'elii ka naannoo san jiran maruu sababaa isaan guddisanii iyyaniif lafti akka nu hin liqimsine jedhanii hulee sanii dheessan» 35 Kanaan maayessa ibiddi Rabbiin biraa bu'ee namoota dhibba lamaa fi shantamaa worra hixaana aarsan fixe. 36 Rabbi Muuse'een akkana jedhe, 37 «Ilma Aaroonii gadichaa Alaazaritti akkana jedhii himi; «Girgiraan hixaanaa waan woyyuu ta'eef girgiraa worra gubatee fuudhii raasa'atti jissi; 38 girgiraa namoota cubbu'uun badanii san butuchii baxxeessiitii hulee ciincaa itti dhiyeessan irratti maxxansi; waan isaan Rabbiin afo'otti dhiyeessaniif woyyu'u; kun ijoollee Israa'eliitiifilllee malkata ta'a» 39 Kanaaf gadichi Alaazar girgiraa sibiila diimaa irraa hojjatame ka namoonni gubatan sunniin dhiyeessan fuudhee tumee baxxeessee hulee ciinca'aatitti maxxanse. 40 Hulee Qoreenii fi worri isaa gaye akka hin geenne ijoollee Aarooniitii achi namni biraa ciincaa Rabbii dhiyeessu'uuf akka hin dhiyaanne akkuma Rabbi Muuse'etti hime ijoollee Israa'eliitiif yaadannoo godhe. Aaroon Banii Oolche 41 Achiin maayessa haga lafti bariitee «Baniin ijoollee Israa'elii maruu isin banii Rabbii fixxaniirtan» jedhaanii Muuse'ee fi Aaroonitti guguunguman. 42 Hennaa baniin Muuse'ee fi Aarooniin biratti wol gayanii gara daasee wol gayi'ii laalan, duumessi ulfinnaa dhufee isaan golge ulfinni Rabbiillee hin mudhate. 43 Muuse'ee fi Aaroon gara daasee wol gayi'ii dhufan; 44 Rabbi Muuse'een, 45 «Banii kana jiddu'uu baya'aa achi siiqaa'a; amma haga limsuu ijaatitti isaan balleessaa» jedhe. Isaan ammo kallachaan gad kufan. 46 Muuseen Aarooniin, «Dafii girgiraa fuudhi! jedheen; hulee ciinca'aa irraa ibidda fuudhii hixaana itti buusi; daddafii gara bani'ii fidiitii isaanii araarsi! waan Rabbi aaree balaan bu'aaruuf» jedheen. 47 Aaroonillee akkuma Muuseen itti hime girgiraa hixaanaa fuudhee banii jidduu fiige; henna inni banii keessa seenu balaan jalqabameera; inni girgira'atti hixaana buusee bani'ii araarse. 48 Inni worra jiruu fi worra du'an jidduu dhaabannaan balaan hin dhaabate; 49 Sababaa Qore'eetiin worra du'aniin alatti worri balaa maayessaatiin dhuman namoota kuma kudha afurii fi dhibba torba turan. 50 Haga balaan dhaabate Aaroon gara balbala daasee wol gayi'ii afoo gara Muuse'ee deebi'e. |