Seera Laakkobsaa 13 - Kitaaba WoyyuuGaaddota Akka Biyya Kana'aanii Gaadaniif Ergaman ( Ser. Ba'u. 1:19-22 ) 1 Rabbi Muuse'een akkana jedhe, 2 «Lafa Kana'aanii ta ani ijoollee Israa'eliitii kennu dhaqanii akka laalan namoota gosa abboota maraa keessaa nama bulchaa ta'ee ergi» 3 Muuseenillee akkuma ajaja Rabbiitiin gammoojjii fuuraaniitii isaan erge; isaan martinuu bulchoota ijoollee Israa'elii turan. 4 Maqaan isaanii gosa Roobeelii keessaa ilma Zaakuurii Saamu'eel; 5 gosa Simooniii keessaa ilma Suure'ee Saafaax; 6 gosa Yihuuda'aa keessaa ilma Yoofoonii Kaaleeb; 7 gosa Yisaakoorii keessaa ilma Yooseefii Yiigi'aal; 8 gosa Efreemii keessaa ilma Nawwe'ee Awusee; 9-10 gosa Biiniyaamii keessaa ilma Raafuu Faaliix; gosa Zaabiloonii keessaa ilma Saadii Gudi'eel; 11 gosa Yooseefii keessaa innillee gosa Minaase'ee keessaa ilma Suusii Gaad, 12 gosa Daanii keessaa ilma Gamaalii Ami'eel; 13 gosa Aseerii keessaa ilma Mikaa'elii Satuur; 14 gosa Niftaalemii keessaa ilma Yaabii Naabi; 15 gosa Gaadii keessaa ilma Maakii Gudi'eel. 16 Namoonni Muuseen biyya Kana'aanii akka dhaqanii gaadaniif erge kanniin; Muuseen ilma Naawwe'ee Awusee «Iyyaasuu» jedhee maqaa isaa jijjiire. 17 Muuseen akka biyya Kana'aanii gaadan gara bita'aa kanaan bayaa'a, gara gaarraniillee dhaqa'aatii 18 lafti attam akka jirtu, namoonni isii irra jiraatanille jajjaboota yookaan dadhaboota; 19 namoota hagoo yookaan heddu namoonni lafa san irra jiraatan mimmishaa yookaan babbadaa ta'uu isaanii, huleen isaan jiraatanillee goodda yookaan dirree dhooqa, qachaa ta'uu, 20 Mukkiin lafa sanii fufurdaa yookaan qaqadhaa ta'uu, lafti biyya sanii gabbataa ta'uu dhaqa'aa laalaa'a daraaraa lafa sanii qabadha'aa as koottaa'a» hennaan sun garuu ji'a woyiniin gawu ture. 21 Isaanillee deemanii biyya Kana'aanii gammoojjii Siinii ta qaccee lafa gammoojjii Hamaatii jirtu irraa jalqabee haga Ra'aabii gaadan. 22 Gara bita'aatiin bayanii Keebrooniin gayan achitti ijoolleen «Eenaaqii» ka'imman Seesii fi Taalaam fa'atu jira; Keebroon Xaniyoosii biyya Misiriitiin dura woggaa torbaan dura ijaaramte turte. 23 Gara dhooqa Eeshkoolii dhaqanii achii gaalee muka woyini'ii dheeraa tokko muranii namni lamaa loosaa keessa loosanii baadhatan; akkasuma muka daraaraa roomani'iitii fi daraaraa balasii irraallee muranii fidan. 24 Ijoolleen Israa'elii hulee san irraa waan gaalee muraniif maqaa hulee sanii « Dhooqa Eeshkoolii» jedhanii itti baasan. 25 Isaanillee lafa gaadanii guyyaa afurtamaan maayessa deebi'anii gara Muuse'eetii fi gara Aaroonii, 26 worra gammoojjii faaraaniitii fi Qaadeesii jiranii gara banii Israa'elii deebi'an; waan dhaqanii argan sanniin maraa isaanii fi banii marattuu himan; daraaraa biyya sanii fuudhanillee isaanitti mudhisanii 27 Muuse'een, «Gara biyya ati nu ergitee dhandhe; biyyi sun Aannanii fi damma baafti, daraaraan isi'iillee kana. 28 Garuu baniin biyya san keessa jiraatan jajjaboota, qachaan isaaniillee ta kalo'oon kalamtee jabaatte ijoollee Eenaaqii achitti argine. 29 Gara bita'aatiin worra Amaaleqiititu jiraata; gara gaarraniitiinillee worra Keexotaa, Iyyaabusootaatii fi worra Amoorotaatitu jiraata; worri Kana'aanotaallee isaan qarqara galaana Yoordaanosii biratti quphataniiran» jedhanii itti himan. 30 Kaaleeb ammo banii Muusee afo'otti akka cadhisan godhee «Mooyachuu hin dandeenna baanee biyya san haa dhaalluu» jedhe. 31 Namoonni isa woliin jiran garuu, «Baniin kun hunnaan waan nu caalaniif bawuu hin dandeennu» jedhanii dubbatan. 32 Waan biyya dhaqanii gaadanii san oduu hin taane ijoollee Israa'eliititti himanii «Biyyi nu dhandhee laalle sun biyya nama isii keessa dhaqee jiraatu liqimsitu; namoonni dhandhee achitti argine dhedheera'a. 33 Achitti ijoollee Eenaaqii ta gosa Neefliimii argine; nu'u isaan biratti yoo uf laallu akka Awwaannisaati ija isaanii afo'ottillee akkasuma turre» jedhan. |