Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Seera Laakkobsaa 12 - Kitaaba Woyyuu


Maariyaamii Fi Aaroon Muusee Morman

1 Muuseen intala gosaa Itoophiya'aa takka waan fuudheef Maariyaamii fi Aaroon itti ka'an;

2 Isaan, «Dhugamaan Rabbi Muusee calla'atti dubbatee? Nu keessaan hoo hin dubbannee?» Jedhaniin; Rabbillee kana dhagaye.

3 Muuseen namoota biyya lafaa irra jiran maraa keessaa inni guddisee nama kasoo ture.

4 Rabbi yoosuu Muusee, Aaroonii fi Maariyaamiin, «Isin sadiinuu gara daasee wol gayi'ii yaa'aa'a!» jedhee isaanitti dubbaate; sadiinuu gara daasee wol gayi'ii seenan.

5 Rabbi utubaa duumessaatiin bu'ee balbala daase'ee dhaabatee, «Aaroon! Maariyaam!» jedhee waame; isaan lachuu gad bayan;

6 Rabbi «Dubbii kiyya dhagayaa'a; yoo isin jidduu raanni jiraate ani Rabbi mudhataan isatti mudhadha; yookaan eebju'uun isa qaassa.

7 Muusee garbicha kiyyatti garuu akkasitti itti hin dubbadhu; inni mana kiyya maraa keessatti amanama'a.

8 Kanaafuu ani afaan kiyyaan addaataa itti dubbadha; fakkeennaanii miti; bifa Rabbiillee hin arga; garbicha kiyya Muuse'etti hennaa dubbattan maaf sodaachuu diddan ree?» Jedhe.

9 Rabbi isaaniin lolee isaan biraa lixe.

10 Duumessillee daasee irraa ka'e; achiin maayessa Maariyaam dhukkuba gogaa kukkutuun qabamtee akka barada'aa addaatte; Aaroon Maariyaamiin yoo laalu isiin dhibee gogaa kukkutuun qabamteerti.

11 Aaroonillee Muuse'een «Gooftaa kiyya nu waan cubbuu hojjanneef yakkineerra ufii nutti hin murteessin.

12 Akka Namicha hennaa garaa haadha ufii keessaa dhalatu qaamni isaa ka gara tokkoo nyaattame san isii hin taasisin.

13 Muuseenillee gara Rabbii iyya'aa, «Yaa Rabbi! yabo'oo isii fayyisi» jedhe.

14 Rabbi Muuse'een, «Yoma abbaan isi'ii hancufa itti tufellee guyyaa torba salphachu'utu isii barbaachisa; guyyaa torbaa qe'ee baatee fagaattee bakka tokkotti itti cufamee haa teettuu; achiin maayessa haa deebituu» jedhe.

15 Achiin maayessa Maariyaam qe'e'een ala guyyaa torbaa itti cufamee teette; haga Maariyaam deebituuf baniin hin deemne achuma ta'e.

16 Achiin maayessa baniin Hatseerootii ka'anii gammoojjii fuuraaniititti quphatan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ