Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Seera Laakkobsaa 10 - Kitaaba Woyyuu


Xurumbaa Birrii Irraa Hojjatame

1 Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

2 «Banii wolitti qabu'uuf waan si gargaaru xurumbaa lama sibiila diimaa tumame irraa hojjadhu; xurumbaan lamaa kunniin ka ati bani'iin wolitti qabattee deemsiftuun haa ta'uu.

3 Hennaa ati xurumbaa afuuftu baniin balbala daasee wol gayi'iititti wolitti haa qabamanii.

4 Xurumbaan tokko yoo afuufamu bulchoonni gugurdaan worra Israa'elii si biratti wol haa gayanii.

5 Hennaa isin xurumbaa guddiftanii afuuftan worri gara baya biiftu'uutitti quphatan haa deemanii.

6 Yoo xurumbaa lammeesso'oo guddiftanii afuuftan worri gara bita'aatitti quphatan haa deemanii; akka isaan deemaniif xurumbaa afuuftan.

7 Hennaa baniin wol gayu xurumbaa afuufaa'a garuu guddiftanii hin afuufinaa'a.

8 Ijoolleen Aaroonii gadoonni xurumbaa haa afuufanii; xurumbaa afuufuun kunillee seera bara baraa ka ilmaan ilmaan isaanii haa ta'uu.

9 «Diina lafa teessanii irratti hennaa duula itti baatan xurumbaa guddisa'aa afuufaa'a; hennaa san diina jalaallee isin oolcha.

10 Akkasuma bara ayyaana gammachuu keessaniillee jalqaba ji'aa hennaa ciincaa ciincawuuf ciincaa fayyumma'aa dhiyeessitanillee ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef akka yaadanno'oof isinii ta'u xurumbaa afuufaa'a» jedheen.


Worri Iraa'elii Siina'aa Ka'an

11 Woggaa lammeesso'oo ji'a lammeesso'oo keessa guyyaa diddameesso'ootitti duumessi hulee bulti'ii ka raga'aa irraa ka'e.

12 Ijoolleen Israa'elii gammoojjii Siina'aatii ka'anii deemsa ufii deeman; duumessi deebi'ee gammoojjii furaaniititti dhaabate.

13 Akkuma Rabbi Muuse'etti dubbate sanitti ijoolleen Israa'elii deemsa jalqaban.

14 Jalqaba ijoollee Yihuuda'aatitu malkata adda isaan godhu qabatanii duula ufii woliin deeman; duula isaanii irratti Na'aasoonii ilma Aminaadaabiititu bulcha'aa ture.

15 Gosa duula ijoollee Yisaakoorii ilma Sookarii Naatinaa'elitu bulcha ture.

16 Duula gosa ijoollee Zaabiloonii ilma Keeloonii Eeliyaabitu bulcha.

17 Kanaan maayessa hulee bulti'ii san hin buqqisan; worri daasee wol gayi'ii kana baadhatanii deeman ijoollee Geedisooniitii fi ijoollee Meeraariiti.

18 Ijoolleen Roobeelii malkata adda isaan godhu qabatanii duula ufii woliin deeman; duula isaanii ka bulchu ilma Saadiyoorii Elsuuri;

19 duula gosa ijoollee Simoonii ilma Suurshadaayii Salaami'eelitu bulcha ture.

20 Duula gosa ijoollee Gaadii ilma Daa'u'eelii Alsaafitu bulcha'aa ture.

21 Achiin maayessa worri gosa Qa'aatii mi'a woyyuu san baadhatanii deeman; haga kuuwwan dhufaniif hulee bulti'ii ijaaran.

22 Ijoolleen Efreemiillee malkata adda isaan godhu qabatanii deeman; bulchaan duula sanii ilma Amihuudii Eelsaamaa ture.

23 Duula gosa ijoollee Minaase'ee ka bulchu ilma Fiddaasuurii Gamaali'eel ture,

24 duula worra ijoollee Biiniyaamii ka bulchu ilma Gaadiyoonii Abidaaniin ture.

25 Worra deeman sanniiniin maayessa worri deeman ijoollee Daaniititu malkata adda isaan godhuu qabatanii duula isaanii woliin deeman; ka duula san bulchu ilma Amisaadaayii Aki'eezar ture;

26 Bulchaan duula gosa ijoollee Aseerii ilma Ekiraamii Faagi'eel ture.

27 Bulchaan duula gosa ijoollee Niftaalemii ilma Eenaanii Akiree ture.

28 Ijoolleen Israa'eliillee akka kanaan duula ufii woliin deema'aa turan.

29 Muuseen soddaa ufii nama Miidiyaamii ilma Raagu'eelii Obaabiin, «Koottu gara hulee Rabbi isinii kenna jedhee dhandhaa; Rabbi waan Israa'eliitiif waan mishaa waan dubbateef waan mishaa sii goonaa» jedheen.

30 Inni «Ani hin deemu gara firaa fi biyya kiyyaa deema» jedheen.

31 Innillee, «Yabo'oo biyya gammoojji'ii ka nu itti quphachu'uuf taanu situ beekaa akka ija keennaatitti nuu laaltaa nu biraa hin hafin.

32 Yoo nu woliin deemte waan mishaa Rabbi nuu godhu maraa keessaa sii kennina» jedheen.


Baniin Deemsa Jalqabe

33 Baniin gaara woyyuu biyya gammoojji'ii keessa jiru dhiisee deemsa guyyaa sadihii isaan firrisee deeme.

34 Hennaa isaan achii deeman duumessi Rabbii guyya guyya'aan isaan golga'aa ture.

35 Muuseen hennaa saandundhi waada'aa achii deeme «Yabo'oo ka'i diintonni teellee bittinnaayanii afoo keetii haa dheessanii» jedhee Rabbiin kadhate.

36 Hennaa saanduundhi waada'aa sun hulee san gaye «Yabo'oo gara banii guddaa Israa'elii kana deebi'i» jedha'aa ture.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ