Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Raajii Hose'ee 2 - Kitaaba Woyyuu

1 Kanaafuu isin worra Israa'elii obboleeyyan keessan ka dhiiraa, «Amii » obboleeyyan teessan ta intalaa «Ruhaamaa» jedha'aa maqaa moggaasaa'a.


Baniin Israa'elii Waan Amanamuu Dhabaniif Adabaman

2 Ijoollee tiyya! armaan maayessa haati teessan waan haadha manaa tiyya hin taanee fi anillee waan abbaa manaa isi'ii hin taaneef laalcha seebarumma'aatii fi seebara ufii akka dhiiftu isii gorsaa'a.

3 Isiin yoo deebi'uu baatte garuu akka guyyaa dhalatteetitti qullaa isii hambisa; akka lafa gogee duwwaa ta'ee isii taasisa; dheebu'uun isii ajjeesa.

4 Ijoolleen isi'ii waan intala seebartu irraa dhalataniif ani garaa isaanii hin laafu.

5 Haati isaanii waan seebartuu taateef isiin akkaataa nama saalfachiisuun isaan ulfoofte; isiin wonti waan kana gooteef jaalalloota tiyya ka buddeena, bisaan, uffata suufi'iitii fi jirbii irraa hojjatame, sayiti'ii fi waan dhugu naa kennan duukaa deema jetteeti.

6 Kanaafuu ani karaa isi'ii qore'een cufa; karaa baatuun akka hin arganne naannaya isi'ii dhaga'aan dallaya.

7 Isiin jaalalloota ufii duukaa deemti; garuu isaan dhaqqabuu hin dandeettu; isaan soxxi; garuu isaan hin argitu; isiin ani ammaa achi jireenna ammaa irra ka durii naa woyya; kanaafuu gara abbaa manaa kiyya ka duraa deema jetti.

8 Isiin ka midhaan, daadhii woyini'ii dhadhaa ejersaa kenneef akka ana ta'e sirima hin hubanne; meeti'ii fi worqii ani guddisee isi'ii kenne waaqa tolfamaa Ba'aal jedhamee waamamuu dhiyeessite.

9 Midhaan hennaa haama'aa woyiniillee hennama inni gayetti jalaa fudhadha; uffata suufi'ii fi jirbii irraa hojjatame ka nafa ufii qulla'aan dhoffattullee jalaa fudhadha.

10 Ani jaalalloo isi'ii afo'otti qulla isii hambisa; ka harka kiyyaa isii hambisu hin jiru.

11 Ani ayyaannan isiin itti gammaddu ka sambattanii, ka wogga'aatii fi ka ji'aa maraa hin balleessa; ayyaannan isi'ii ka addaa maraa akka isiin hin kabajjine taasisa.

12 Biqiltuu woyini'iitii fi muka hurbu'uu ka isiin jaalalloo ufii irraa fudhatte hin bubuqqisa; qonna isi'ii ka woyini'iitii fi ka daraaraa gara garaa gara bosonaatitti jijjiira; bineensonni bosonaallee isa nyaatan.

13 Ani isiin ana dhiiftee waan waaqa tolfamaa «Ba'aal» jedhamuu hixaana aarsa'aa faaya gara garaa godhattee jaalalloota ufii duukaa deemteef isii adaba jedha Rabbi.


Jaalala Rabbi Banii Ufiitii Qabu

14 Kanaafuu ani deebi'ee gara lafa gammoojji'ii isii fidee achitti dubbii jaalalaatiin sossobee isii gorsa.

15 Dhaaba woyini'ii ka duraa isi'ii deebisa dhooqa rakkinnaallee akka balbala abdi'ii isi'ii ta'u godha; achitti hennaa biyya Misiriitii baatu akka hennaa ijoollumma'aan jirtuutitti gammachu'uun faarfatti.

16 Guyyaa san ana Rabbiin, «Abbaa manaa kiyya» jedha'aa na waamta malee akka waaqa tolfamaa Ba'aalii gooftaa kiyya jedha'aa na hin waamtu.

17 Isiin afaan ufii keessaa maqaa waaqa tolfamaa Ba'aalii balleessu'uuf maqaan isaanii lammata hin waamamu.

18 Ani hennaa san waan keessaniif bineensota, simbirran sami'iitii fi uumama gara'aan lafa irra looyan woliin waadaa gala; ani lafa irraa buundhee, guraade'ee fi lola balleessee akka isin nagayaan hara baafattan godha.

19 Israa'el! ani baraa haga bara baraa akka haadha manaa tiyyaa si taasifadha; akka ati balchummaa'a, haqummaa'a, jaalala baraa haga bara baraatii fi araaraan; akka haadha manaa tiyyaa akka taatu si taasisa.

20 Ani waadaa kiyya eegu'uun akka haadha manaa tiyyaa si taasisa; atillee akka ani Rabbiin ta'e beetta.

21 Rabbi akkana jedha, «Ani guyyaa san deebii sii deebisa; ani sami'ii deebii deebisa; samiiwwanillee lafaaf deebii deebisan;

22 Laftillee midhaan, woyini'ii fi dhadhaa ejersaa kennu'uun Iyiziraa'elii deebii deebifti.

23 Ani biyyattii keessatti banii kiyya ijaaree, akka durooman taasisa; worra ‹araara hin argatan› jedhamanii hin araarama; worra ‹banii kiyyaa miti› jedhaman ani ‹banii kiyya› isaaniin jedha; isaan anaan ‹Ati Waaqa keenna› naan jedhan» jedha.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ