Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 5 - Kitaaba Woyyuu


Kadhaa Araaraa

1 Yaa Rabbi! waan nu irra gaye yaadadhu; salphinna keenna laali; argi!

2 Lafti teenna worra gala'aaf; manniin keenna worra nyaaphaatiif dabarfamanii kennaman.

3 Worra maatii hin qabnee fi worra abbaa hin qabne taane; haawwonni teenna ta akka abbaa worraa hin qabnee ta'aniiran.

4 Bisaan dhunnuuf gatii kaffalla; qoraan bobeeffannullee hin bitanna.

5 Worri nu ari'an koomee keenna jala jiran; rakkanneerra; hara baafannaa dhabneerra;

6 Buddeena quufu'uuf Misirii fi Asooritti harka kennanne.

7 Abboonni teenna cubbuu hojjatanii lufan; nu'u adabbii isaanii baadhanne.

8 Garboonni nu bulchan; ka isaan harkaa bilisa nu baasu eennullee hin jiru.

9 Sababaa guraadee lafa gammoojji'ii jiruutiif lubbuu teennaan wodhaansa baanee; buddeena arganne.

10 Gogaan keenna akka sunsumaatitti gurraachate; beelaanillee gubateera.

11 Intallan Tsiyooniin keessatti; durbii teenna qachoota Yihuuda'aa keessatti salphatan.

12 Abboonni murti'ii isaan harkatti fannifaman; jaarsonnillee hin kabajjamne.

13 Dargaggeeyyii hunnaan daakuu daassifatan; ijoolleen dhiiraa qoraan baatanii gatantaran.

14 Jaarsonni balbala qachatti'iitii deemaniiran; dargaggeeyyiin faaruu ufii dhiisaniiran.

15 Gammachuun garaa keessaa nu bade; sirbi keenna booyatti jijjiirame.

16 Ulfinni nu irraa bu'eera; nu hobbaas; waan cubbuu hojjanneerruuf!

17 Sababaa kanaaf garaan keenna dadhabe; sababaa kanniiniitiif ijji teenna laaluu dadhabde.

18 Gaarran Tsiyoonii ta qullaa hafte; ta jeedallan irratti taphattu taate.

19 Waandhana; yaa Rabbi! ati baraa haga bara baraa bulchita; teessoon kee dhalootaa gara dhalootaa lufee jiraata.

20 Maaf sirima nu irraanfatta? maaf hennaa dheera'aaf nu dhiifta?

21 Yaa Rabbi! gara kee nu deebis! nullee hin deebinaa; bara keenna akka bara durii nuu haarawoomsi;

22 Yoo sirima ka nu hin gannee; yoo hagaa olitti ka nuun hin lollee.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ