Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 4 - Kitaaba WoyyuuAdabbii Yerusaalemiin Irra Gayu 1 Worqiin attamitti bifa dhabe! worqiin qulqulluun attamitti jijjiirame! dhagaan kabajjamaan daangaa karaa maraatittuu bittinnaayeera; 2 Ijoolleen dhiiraa ta Tsiyoonii kabajjamoonni ta akka worqii qulqullu'uutitti laallama'aa turan; attamitti akka meeshaa faaraa ka namni ogeessi hojjatuu ta'an! 3 Jeedallanuu ilmoolee ufii hoosifachu'uuf mucha ufii kennan; baniin kiyya garuu akka guchiiwwan lafa gammoojji'ii gar jabeeyyii ta'an. 4 Sababaa dheebotaniif arrabni isaanii laaga'aan wolitti maxxane; ijoolleen isaanii waan nyaatan kadhatan; garuu eennullee isaanii hin kennine. 5 Worri nyaata filatamaa nyaata'aa turan; rakkatanii karaa irratti kufaniiran; worri uffata diimaa dhiilgee uffatanii guddatan; amma tuulaa daara'aa irra ciisaniiran. 6 Adabbiin banii kiyya irra gaye; adabbii Soodomii ka harki eennuullee isii hin gargaarre ta dimmaa diiggamtee caalaa gudda'a. 7 Abboonni isi'ii ka murti'ii worra baradaa caalaa ifan; worra aannan caalaa addaatan turan; nafti isaanii ka waan diimaa gatii gudda'aa caalaa diimate; bifti isaaniillee akka dhagaa samperii ture. 8 Amma garuu cilee caalaa gurraachateera; ka karaa irratti isaan beeku hin jiru; gogaan isaanii lafe'een wolitti maxxaneera; akka mukaatitti goganiiran. 9 Worra beelaan dhuman caalaa worra guraade'een ajjeefaman woyya; sababaa waan nyaatan raasaa keessaa hin arganneef beelaan goganii dhuman. 10 Baniin kiyya hennaa dhumetti; akka nyaata isaanii ta'aniif haawwonni garaa laafan harkuma ufiitiin ijoollee ufii affeelan. 11 Rabbi balbala balaan bayuun bane; lola ufii jabaa dhangalaase; akka hundee isi'ii nyaatuuf Tsiyoonitti ibidda qabsiise. 12 Mootonni biyya lafaa yookaan baniin Adunya'aa diina ta'ee'e, loltoonni eennullee balballan Yerusaalemii cabsanii seenan jedhanii hin amanne. 13 Kun garuu sababaa cubbuu raattotaa; sababaa yakka gadoota isi'iitiif ta'e; waan isii keessatti dhiiga balchootaa jissaniiraniif. 14 Akka namoota jaamaniititti karaa keessatti dammaqan; haga namni tokkollee uggee uffata isaanii tuquu hin dandeennetti; guddisee dhiigaan battaayeera. 15 Namoonni, «Deemaa'a! isin worri battooftan» jedhanii isaanitti wocan; «Deemaa'a! deemaa'a! nu hin tuqinaa'a!» isaaniin jedhan; hennaa dheessanii jal jal jedhan; namoonni worra Yihuudii hin taane keessa jiraatan «Ammaa achi as taa'uu isaan hin barbaachisu!» jedhan. 16 Rabbuu isaan bittinneesseera; ammaa achi isaan hin eegu; gadoonni hin kabajjamne; jaarsonnillee kabajjaa hin arganne. 17 Maraa caalaa uduu gargaarsa gatii hin qabne eeggannu; ijji teenna dadhabde; gamoo ijaarsaa keenna gubbaa teennee banii nama oolchuu hin dandeenne irraa gargaarsa eegganne. 18 Namoonni nu faanaa deeman; kanaafuu nu karaa keenna deemuu hin dandeenne; dhumti keenna dhiyaateera; guyyaan keenna laakkobsatti galeera. 19 Bajjaawwan sami'ii caalaa diinni keenna guddisanii ariifatan; gaarran irra nu ari'an; lafa gammoojji'ii keessattillee nutti luuxan. 20 Hafuurri lubbuu keennaa ka Rabbi dibe; siiboo isaaniitiin qabame; gaaddisa jala worra Yihuudii hin taane keessa jiraanna jennee yaannee turre. 21 Isin banii Edoomiyaasii worri biyya Uuzii keessa jiraattan gammadaa'a! burraaqaa'a! garuu isinillee mijuun kun hin gaya; hin machooftan; qullaa taatanii ifa baatan. 22 Isin banii Yerusaalemii! adabbiin keessan hin dhaabata; inni bara baqa keessanii hin dheeressu; garuu banii Edoomiyaasii! cubbuu keessan hin adaba; hammeenna keessanillee ifa baasa. |