Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 3 - Kitaaba WoyyuuAbdii Aagi'iin Argamu 1 Ka ulee lola isaatiin; rakkoo arge ana. 2 Uf afo'oo na baase; ifaan uduu hin taane akka karaa dukkanaatiin deemu na godhe. 3 Dhugama guyyaa maraa deddeebi'ee harka ufiitiin na adabe. 4 Inni foonii fi gogaa kiyya hin jaarse; lafeewwan kiyyallee hin caccabse. 5 Mararo'oo fi dadhabbi'iin dallawa natti ijaare; naannaya kiyyallee hin marse. 6 Akka worra du'anii turaniititti akka dukkana keessa jiraadhu na godhe. 7 Dallawa keessatti natti cufe; kanaaf jalaa bayuu hin dandeenne; hidhaa haada sibiilaallee natti jabeesse. 8 Gargaarsa barbaadee yoo waamuu fi yoo iyyadhullee; kadhaa kiyya dhagayuu hin barbaanne. 9 Karaa kiyya dhagaa bocameen cufe; daandii kiyya hin dabse. 10 Akka doobbaa riphee ciisuutitti; akka leenca dhokateetitti; 11 harkisee karaa irraa na baase; na mummure; gargaarsa malee na hambise. 12 Buundhee ufii natti qabe; eboowwan ufii natti deebifate. 13 Buundhee qolaa baafatee uffaa na woraane. 14 Ani ka baniin kiyya itti baldu ta'e; isaan guyyaa guutuu coora'aa natti faarsan. 15 Hidda hadhaayaa na nyaachise; hadhooftuu na quubse. 16 Dhaga'aan ilkaan na cabse; daaraa keessatti na dhiite. 17 Lubbuun tiyya nagaya dhabde; gammachuun maal akka ta'e irraanfadhe. 18 Kanaafuu «Ulfinni kiyya; wonti ani Rabbitti abdadhe maruu deemeera» jedhe. 19 Ani rakkachu'uu fi dhiphachuu kiyya; mararo'oo fi hadhaayaa yaadadha; 20 hennaa maraa yoo waan kana dhudhumu; lubbuun tiyya na keessatti dhiphatti. 21 Ta'ullee hennaa waan kana yaadadhu; abdi'iin guuttama. 22 Nu'u wonti hin banneef sababaa araara Rabbiitiif; gara laafummaan isaa waan hin dhumneef. 23 Ganama ganama haarawa; amanamummaan keellee gudda'a. 24 Ani akkana ufiin jedhe, Rabbi gayee kiyya; kanaafuu isa abdadha. 25 Worra isa abdataniif; nama isa barbaaduuf Rabbi misha'a. 26 Namni uduu cadhisee fayyisuu Rabbii abdatee misha'a. 27 Namni dargaggumma'atti uduu qambaraa baadhatee misha'a. 28 Rabbi waan itti baachiseef cadhisee hojjuma ufii haa taa'uu. 29 Abdi'iin jiraachuu waan danda'uuf gad uf haa qabuu. 30 Nama isa dhabanaasutti boqoo ufii haa kennuu; arraballee haa obsuu. 31 Baraa haga bara baraa Rabbi waan nama hin ganneef; 32 yoma leelalchellee garaa laafa; jaalalli isaa guddaan waan hin jijjiiramneef; 33 ta'e jedhee rakkoo yookaan leelaluu ilmaan namaatitti waan hin finneef. 34 Hidhamtoonni lafaa maruu hennaa lukaan dhiitaman; 35 Rabbii guddaa afo'otti nama yoo mirga dhooggatan; 36 nama yoo handhi jalaa dhidhatu Gooftaan waan akkanaa kana hin arguu? 37 Rabbi yoo ajaje malee ka dubbatee raawwatuu danda'u eennu? 38 Waan hamaa ta'ee'e mishaa'a waan afaan Rabbiitii bayuu mitii? 39 Namni jiraataan yoo cubbuu ufiitiif adabamu; maaf guguunguma? 40 Karaa keenna qorree haa laalluu; gara Rabbii haa deebinuu; 41 Garaa keenna harka woliin gara Waaqa keenna ka samii jiruu haa kaafnuu; akkana haa jennuu; 42 «Dinneerra; cubbuu hojjanneerra; ati nuu hin dhiifne; 43 «Ati lolaan uf golgite; nu ariite; gara laafinna malee nu ajjeefte. 44 Akka kadhaan keenna si bira hin geenne; duumessaan uf golgite; hulee bulti'ii keellee duumessaan dhossite. 45 Ati worra Yihuudii hin taane jiddu'utti xuri'ii fi huura nu taasifte. 46 Diintonni teenna maruu afaan nutti banatan. 47 Nu'u badi'ii fi diiggamu'uun; rakko'oo fi raafamaan rakkanne. 48 Baniin kiyya waan dhumeef lolaan imimmaanii ija kiyyaa jige. 49 Hara baafannaa malee; uduu wol irraa hin cinne; ija tiyya keessaa imimmaan yaa'a; 50 haga Rabbi ol samii gubba'aa argutti. 51 Waan dubartoota qachaa tiyya keessa jiran maraa irra gaye arguun kiyya; gadda hadhaaya'atu na irra gaye. 52 Worri sababaa malee diina natti ta'an; akka simbiraatitti na adamsan; 53 lubbuu tiyya boolla keessatti balleessuu yaalan; dhagaa na gubbaa kaayan. 54 Bisaan guutee mataa kiyya irra gara gale; ani bade jedhee yaade. 55 Uduu boolla gad fagoo keessa jiru; yaa Rabbi! ani maqaa kee waame. 56 Kadhaa kiyya hin dhageette; «Gargaarsa barbaadee yoo iyyu na jalaa dhagayuu hin didin.» 57 Ani hennaa si waame natti dhiyaatte; akkasuma «Hin sodaatin!» naan jette. 58 Gooftaa kiyya! ati naa falmite; lubbuu tiyyallee hin furte. 59 Yaa Rabbi! miidhaa na irra gaye argitee murtii naa murteessi! 60 Haluu bayuu isaanii maraa; mala isaan na irratti yaadan argiteerta. 61 Yaa Rabbi! arraba isaanii maraa; mala isaan na irratti yaadan maraa dhageetteerta; 62 Kunniin waan diintonni tiyya guyyaa maraa natti malanii fi waan isaan natti gunguma'aa oolan. 63 Mee isaan laali! taa'anii yookaan dhaabatanii sirbaan natti baldan. 64 Yaa Rabbi! waan harki isaanii hojjateef gatii isaan barbaachisu deebisii isaanii kenni. 65 Golga garaa isaaniititti golgi; abaarsi kee isaan irra haa ta'u! 66 Samiiwwan Rabbiitii gaditti lola keetiin isaan ari'i; isaan balleessi! |