Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 2 - Kitaaba Woyyuu


Adabbii Rabbi Yerusaalemitti Fide

1 Rabbi attamitti lola ufiitiin Tsiyooniin salphise! ta gara sami'ii ol baatee turte; ta Israa'el dhaadattuun gara lafaa gad darbe; guyyaa lola isaa akka hulee luka isaa irra kaayatu akka taate yaadatuu hin barbaanne.

2 Gooftaan hulee jireenna ka Israa'elii maraa araara malee balleesse; dheekkamsa ufiitiin kushee banii Yihuuda'aa diige; mootummaa isi'iitii fi worra isi'ii ka baallii qaban salphisee gad deebise.

3 Dheekkamsa ufii jaba'aan hunna Israa'elii maraa dadhabsiise; uduu diinni argu gargaarsa isi'ii kennamu dhaabsisee; fiixaa Yaaqoobii irratti akka ibidda mallisuu lola ufii qabsiise; lolli isaa ollaa isaa maraa hin balleesse.

4 Akka diinaatitti buundhee ufii mirmirfate; waan harka ufii ka mirgaatii qabate nutti mirmirfate; qachaa Yerusaalemiititti waan nu ittiin dhaadannu maraa ajjeese; lola ufii akka ibiddaatitti qabsiise.

5 Rabbi akka diinaatitti Israa'eliin balleesse; manniin mootummaa isi'ii maraa hin balleesse; kusheewwan isi'ii hin diige; banii Yihuuda'aatitti booyaa fi gadda baay'ise.

6 Mana ufii woyyuu akka gaaddisa hulee biqiltu'uu jiruutitti balleesse; Rabbi Tsiyoonitti ayyaannanii fi sambatoota hambise; lola ufii jaba'aan mootichaa fi gadicha salphise.

7 Rabbi hulee ciincaa ufii hin tuffate; hulee woyyuu ufiillee hin dhiise; dallawa mana mootummaa isi'ii dabarsee diinaa kenne; akkuma guyyaa ayyaana wogga'aa godhan mana Rabbii keessatti laagaa gudda'atu dhagayame.

8 Rabbi dallawa qachaa Yerusaalemii diigu'uuf murteeffatee haada diriirse; balleessuu irraa hin deebine; gamoon irra taa'anii eeganii fi dalloofni hin fofottoqan; tokkumma'aan badan.

9 Balballan isi'ii hin awwaalaman; loosaawwan isi'ii ka sibiilaa caccabanii bututan; mootiin isi'iitii fi abboonni isi'ii ka murti'ii orma jiddu'utti baqa irra jiran; ammaa achi barumsi seeraa hin jiraatu; ammaa achi raattonni isi'ii Rabbiin biraa mudhata hin argatan.

10 Jaarsonni intala Tsiyoonii cadhisanii lafa irra taa'aniiran; mataa ufiititti daaraa firfirsan; uffata gaddaallee hin uffatan; ijoolleen intalaa ta Yerusaalemii gaddanii mataa gad qabatan.

11 Waan baniin kiyya dhumeef; waan daa'imman karaa qachatti'ii irratti gaggabaniif; garaan kiyya gaddaan raafame; ijji tiyya booyaan dadhabde; garaan na raafame; abdii kutadhe.

12 Akka namoota madaayaniititti karaa qachatti'ii keessatti yoo dadhaban; uduu lubbuun isaanii harka haadha isaaniititti bayu'uuf taatu; «Nyaataa fi bisaan!» jedha'aa booya'aa lubbuun isaanii baati.

13 Maal isiniin jedha? maali'iin wolitti isin qixxeessa? Banii Yerusaalemii ta qachaa jaalatamte keessa jiraattan! maali'iin wolitti isin bikkee isin jajjabeessa? keessattuu banii qachaa Yerusaalemii! bikki badii isin irra gayuu akka galaanaa waan badhaa ta'eef eentu isin fayyisuu danda'a?

14 Raattonni teessan mudhata sobaatii fi ka kijibaa isinii arganiiran; raaga sobaatii fi ka nama dogoggorsu dubbatan malee; gayee keessan jijjiiru'uuf yakka keessan ifa hin baafne.

15 «Qachaan bareeddinna guutuu qabdu; ta biyyi maruu itti gammadu tanaa?» jedha'aa worri karaa lufan maruu Yerusaalemitti harka dhaya'aa mataa raasa'aa baldan.

16 Diintonni tee maruu woliin afaan ufii hunnaan banan; ilkaan ciniinnata'aa balda'aa akkana jedhan «Isii liqimsineerra; yeroon hawwine kana; jiraannee arguu dandeenne.»

17 Rabbi waan yaade raawwate; jecha ufii ka hennaa dheera'aan dura dubbate raawwate; gara laafinna malee si diige; diinni akka rakkoo keetitti gammadu; gaafa diina keetii hin jabeesse.

18 Isin banii dallawa Yerusaalemii keessa jiraattan! Rabbitti iyyaa'a! imimmaan kee halkanii guyyaa akka lola'aatitti haa yaa'uu; hara baafannaa ufii hin kennin; ija keessan irraa imimmaan hin qoorin.

19 Isin halkan guutuu ka'aa iyyaa'a; waan garaa keessanitti yaaddan maraa Rabbitti dhiyeessaa'a; lubbuu ijoollee teetii ka beelaan karaa irratti gaggabanii oolchu'uuf faate'een harka keessan gara Rabbii ol kaasaa'a.

20 Yaa Rabbi! laali; argi! eennuun irratti akkana gootee beetta? dhugama haawwonni daa'imman ufii; ijoollee ufii ta kunuunsanii guddifatan haa nyaatanii? gadichinii fi raattichi mana Woyyuu Rabbii keessatti haa ajjeefamanii?

21 Karaa maraa keessatti jaarsonninii fi dargaggeeyyiin daaraa keessatti kufan; ka'imman fi dubartoonni guraade'een ajjeefaman; guyyaa lola keetii isaan ajjeefte; uduu garaa hin laafne isaan goorraate.

22 Akkuma guyyaa ayyaanaa affeerra'aaf waamtutti; kallattii maraanuu raafama natti waamte; guyyaa lola Rabbii eennullee jalaa hin baane yookaan hin hafne; waan kunuunsee fi waan guddise diinni kiyya na jalaa balleesse.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ